ILQSO
3.74K subscribers
2.21K photos
246 files
6 links
Download Telegram
#Caamsaa 1, Bara 2014, #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Waliigaltee Ijaarsaa Mootummaa: Rakkoowwan Qabatamaan mul'atan" jedhu irratti Abbootii Alangaatiif magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#Caamsaa 4, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa moosaajii/softweerii/ Sirna Bulchiinsaa Odeeffannoo leenjifamtootaa/Trainees Information Management System/ irratti hoggantoota, leenjistoota, hojjattoota dhimma leenjii fi garee TQOtiif magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Moosaajiin kun walta'iinsa ILQSO fi Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknolojii Adaamaatiin kan misoome yoo ta'u qabiinsa ragaa fi odeeffannoo leenjifamtootaa gara waraqaa maleessaatti kan jijjiiruu fi hammayyaa'aa kan taasisu ta'uun hubatameera.
#ILQSO, #Caamsaa 10, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Seerota Invastimantii fi Faayidaa Ummataatiif Qabeenya (qabiyyee) Gadilakkisiisuu (Expropriation)" jedhu irratti Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiif magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota afuriif itti fufiinsaan kan kennamu yoo ta'u raawwii seerota kanneeniin walqabatee rakkoolee qabatamaan mul'atanii fi furmaata isaanii irratti hubannoon kan uumamu ta'a.
#ILQSO, #Caamsaa 12, Bara 2014
Leenjiin mata duree "Seerota Invastimantii fi Faayidaa Ummataatiif Qabeenya (qabiyyee)Gadilakkisiisu (Expropriation) jedhu irratti Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiif Magaalaa Bishooftutti guyyoota afuriif kennamaa ture xumuramee jira. Leenjin kun Abbootiin Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa seerota kanneen irratti hubannoo wal fakkaataa akka qabaataniif yaadamee kan kenname ta'u Itti Aanaan Pirezidaantii Mana Murtii Waligalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo sirna cufiinsa leenjichaa irratti dubbataniiru..
#Caamsaa 19, Bara 2014, #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Qorannoo mata duree "Sakatta'a Hojiirra Oolmaa Seerota Liizii: Haala Qabatamaa Naannoo Oromiyaa" jedhu irratti gaggeeffame irratti workishoppii xiqqaa(Mini Workshop) magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira. Kaayyoon workishoppii kanaa Qorannoo gaggeeffame irratti ogeessota dhimmi ilaalu irraa yaadota walitti qabuun qorannicha gabbisuu akka ta'e ibsamee jira.
#Caamsaa 10, bara 2015, #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa har'aa galmee jechoota seeraa biyya keenyaaf isa jalqabaa ta'e magaalaa Bishooftuutti ebbisiisee jira. Galmeen jechoota seeraa kun waggoota afran darbaniif hojjatamaa kan turee fi qulqullina isaa eeguuf ogeessota garaagaraatiin ilaalamaa kan ture ta'uu Daayirektarri olaanaan Inistitiyuutichaa Obboo Doobee Dhaabaa ibsaniiru. Gumaachi inni sirna haqaa naannichaas ta'ee guddina afaan oromoo keessatti qabus olaanaadha jedhameera. Galmee jechoota seeraa afaan Oromoo kana kan eebbisiisan kabajamoo Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbasimaal, Hogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo fi hayyuu siyaasaa gameessa Oromoo Kabajamoo Obboo Leencoo Lataati. Ogeessotaa fi qaamolee hojii kana keessatti hirmaataniifis beekkamtiin kennamee jira.