Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Gurraandhala 19, Bara 2014 #ILQSO
Leenjiin mata duree "Yakkoota Namaan Daldaluu fi Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu" jedhu irratti Abbootii Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatiif Magaalaa Adaamaatti kennamaa ture xumuramee jira. Xumura leenjichaa irratti kan argaman hoggantuun Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi walitti qabduu itti aantuu Gumii ILQSO Adde Addunyaa Ahmad leenjifamtootni miidhaa yakki kun hawaasa irraan gahaa jiru hubachuun leenjicha gara hojiitti jijjiiruun yakka kana ittisuu fi too'achuun ittigaafatamummaa isaanii bahuu qabu jedhaniiru. Dabalataanis Gumeen Qorannoo mata duree "Aangoo Biiroo Abbaa Alangaa Dhimma Hariiroo Hawaasaa dantaa mootummaa fi Ummataa mala filannoo birootiin hiikuu: Seeraa fi qabatamaa" jedhu dhiyaatee irratti mari'atameera.
#Gurraandhala 21 Bara 2014, ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Eegumsa Mirga Namoomaa Shakkamtootaa, Himatamtootaa fi Sirreeffamtoota Seeraa" jedhu irratti miseensota poolisii manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa sadarkaa adda addaa irratti argaman 200f marsaa lamaan leenjii kennuuf karoorfatee marsaa jalqabaatiin namoota 100f magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun qabiinsa mirga namoomaa irratti hubannoo miseensonni poolisii manneen sirreessaa qaban dabaluuf yaadamee kan qophaa'e yoo ta'u guyyoota sadan itti aananiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.