Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Hawaasni Inistiitiyuutii keenyaa fi Uummanni keenya marti baga Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Arsadee kabajamu nagaan geessan yoo jennu gammachuu guddaadhan.
Obbo Kumesa Araarsaa Daayireektara Inistiitiyuutii Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa fi Itti Aanaa Daayireektara Inistiitiyuutii Obbo Sulxan Abdoo ta'anii mudamanii jiru Bara hojii gaarii haa ta'uuf jennaa.
Onkoloolessa 24/2014 ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa raawwii hojiiwwan Kurmaana 1ffaa Magaalaa Adaamaatti qorachaa jira.
Bu'uuruma kanaan yeroo ammaa gabaasni raawwii hojiiwwan kurmaanaa 1ffaa bara 2014 Daayirektoreetiiwwan dhimmi ilaaluun dhiyaachaa jira. Kaayyoon waltajjii kanaa raawwii hojii kurmaana 1ffaa qorachuun ciminaalee fi hanqinaalee jiran adda baasuun ciminaaleen daran cimanii akka itti fufanii fi hanqinaaleen immoo akka furaman taasisuu akka tae Daayirektarri Ol’aanaan Inistitiyuutichaa Obbo Kumasaa Araarsaa dubbataniiru. Dabalataanis cheeklistiin hojiiwwan kurmaana 2ffaa keessatti raawwatamuuf karoorfamanii dhiyaatee kan irratti mariatamuu fi kallattiinis kan kaaamu tauun hubatameera.
#Onkoloolessa 24/2014 ILQSO
Gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa dhiyaate irratti mariin itti fufee gaggeeffamaa jira.
#Sadaasa 1, Bara 2014 ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa sagantaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa kanaan dura sababoota adda addaatiin addaan citee ture bara kana itti fufsiisuuf qophiirra jira. Bu'uura kaarikulamii leenjii fooyya'ee baheetiin leenjiin kun ji'oota sadiif kan kennamu yemmuu ta'u bara 2014 kana keessatti Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaa hojiirra jiran walumatti ogeessota100 leenjisuuf karoorfamee jira. Leenjichi Sadaasa 13 bara 2014 kan eegalamu ta'uus sagantaan bahe ni agarsiisa.
#Sadaasa 3, bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa, ogeessotaa fi hojjattootaa cimsuuf magaalaa Bishooftuutti Leenjii kennaa jira. Leenjiin kun guyyoota sadiif kan kennamu yemmuu ta'u mata dureewwaan Idileessa Koornayaa, Ittisa dhibee HIV AIDS fi hoggansa karoora bu'aa irratti xiyyeeffate (RBM) irratti kan kennamuudha.