Oromia Legal Training and Research Institute
7.94K subscribers
3.11K photos
24 videos
283 files
27 links
Download Telegram
#ILQSOn_Leenjifamtoota_Leenjii_Hojiin_Duraa_Marsaa_Addaa_3ffaa_Eebbisiise.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota LHD Marsaa Addaa 3ffaa Abbootii Alangaa 97 eebbisiisuun sirna haqaatti akka makaman taasisee jira.

Inistiitiyuutichi kanaan dura Sagantaalee leenjii adda addaatin ogeessota seeraa 4,225 gahoomsuun sirna haqaa naannichaatti akka makaman taasisee jira.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo, haasawa baniinsaa woyta taasisan eebbifamtootan baga gammaddan jechuun, #ILQSOn mul'ata hojii Leenjii ,Qorannoo fi Gorsa Seeraatiin akka biyyaatti filatamaa jedhu qbatee Sirna haqaa fooyyeessuu keessatti gumaacha ol'aanaa taasisaa jira jedhan.

Dhumarrattis Obboo Sulxaan, rakkoolee alnaamusummaa fi malaan hattummaa yeroo ammaa mul'atu kana ogummaa fi naamusa horattanitti fayyadamuun hojiirra oolmaa haqaa fooyyeessuu keessatti gaheen guddaan kan eebbifamtoota kanneen irraa eeggamu tahuu dhaamanii jiru.

Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obboo Guyyoo Waari'oo ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, eebbifamtootan baga gammaddan erga jedhanii booda, Sirna haqaa keessatti hawaasa karaa haqa qabeessan tajaajiluuf ogummaan naamusaan dabaalame murteessaa waan ta'eef, hawaasa gadi buunee naamusa gaarii fi karaa haqa qabeessa ta'een tajaajiluun durqama ogummaa keenyaa bahuu qabna jechuun dhaamanii jiru.
#ILQSOn Mataduree #Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa_Dhimmoota_Xiyyeeffannoo_Barbaadan jedhu irratti leenjii kennaa jira.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #(ILQSO)n mata duree Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH )Dhimmoota Xiyyeeffannoo Barbaadan jedhu irratti leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu magaalaa #Roobeetti kennaa jira.

Qaamoleen leenjicha irratti hirmaataa jiran Abbootii Alangaa Godinaalee Baalee,Baalee Bahaa,Boorana Bahaa fi Aanaalee isaan jala jiran akkasuas Bulchiinsa MagaalaaShaashamanneeti.

kaayyoon leenjii kanaa ,Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Manneen Hojii Abbaa Alangaa Falman Adda baasuu, Dhimmoota HH dantaa hawaasaa fi mootummaa ta'an agarsiisuu fi Dhimmoota Hojii misoomaa, Bulchiinsa mootummaatiin hojjatamaniin gosaa fi xaxamiinsi isaanii dabalaa dhufan irratti hubannoo cimsuuf yoo ta'u, akka waliigalaatti muuxannoo waljijjiiruun rakkoolee hojmaata kessatti muudatan fooyyessuun kallattii fuula duraa akeekuuf akka ta'e himamee jira.
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn mata duree #Qorannoo_Yakkoota_Namaan_Daldaluufi_Seeran_ala_Nama_Daangaa_Ceesisuu jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Qaamoleen leenjin kun kennamaafii jiru Poolisoota Naannoofi Godinaalee garaagaraa irraa walitti dhufanif yoo ta'u, leenjichi guyyoota 3f kan turu ta'uun himame.

Kaayyoon leenjii kanaa qaamolee dhimma kana irratti itti dhiyeenyan hojjataniif hubannoo walfakkaataa fi ijjannoo walitti siqaa tahe qabatanii yakkoota gama kanaan raawwataman irratti dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuun hubannoo uumuuf akka tahe ibsamee jira.
Leenjichi kan kennamaa jiru Abbaa Alangaa fi Leenjistuu Seeraa ILQSO Aaddee #keeyriyaa_Mahadii tiini.
#ILQSOn_Workishooppii_Dhiyeessa Qo'annoowwanii_Gaggeesse.

Inistitiyuutin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjii ogummaa seeraa cimsuu,rakkoowwan gama seeraatin jiru beekumsaan furuu akkasumas qorannoofi qo'annoo seeraa gaggeessuun olaantummaa sirna haqaa mirkaneessuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Guyyaa har'as qo'annoofi Sakata'iinsa bu'aawwan giddu galeessaa ILQSO keessatti gaggeessaa ture irratti Abbootii Hirtaa waliin irratti mari'atamaa jira.

I/Aanaan Daayrektera Olaanaa Inistitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Sulxaan Abdoo haasaa taasisaniin "Inistitiyuutichi rakkoowwan gama hubannoofi ogummaa seeraatiin jiru bu'uurarraa furuuf hojjechaa jiraachuu ibsuun, kanaaf immoo qorannoofi qo'annoon deeggaraa jiraachuu dubbatanii jiru.

#ILQSOn gama Qorannoo Seeraatiin bara hundeeffama isaa irraa eegalee qorannoowwan 85 ol gaggeessun yaadota furmaataa hedduu dhiyersseera kan jedhan obboo Sulxaan, bara 2017 kanas qorannoowwan 5 gaggeessuus karoorfatee hojjachaa jiraachuu ibsanii jiru. Dabalataanis bara 2016 irraa eegalee qo'annoowwan gaggabaaboo fooyya'iinsa seeraa, hojmaataa fi gurmaa'insaaf gumaachan hojjachuuf karoorfatee hojjachaa kan jiru tahuu ibsuun, kaayyoon workishooppii kanaa bu'aawwan,qo'annoowwanii fi sakatta'iinsa kanaa ogeessotaa fi qooda fudhattootaaf dhiyeessun yaadaan gabbisuun akka hojiirra oolmaa qo'annichaatiif gumaacha taasisan abbootii hirtaatiif dhaamanii jiru.

Itti Gaafatamaan waajjira Qindeessaa fooyya'iinsa sirna haqaa Oromiyaa Obbo Shimallis Simee gamasaaniin haasaa taasisaniin leenjin,qorannoo,qo'annoofi sakatta'iinsi Inistitituutichi gaggeessaa jiru rakkoo hubannoo,dandeettiifi ogummaa hambisuun hudhaawwan adeemsa seeraa keessatti mul'atan kan hiiku ta'uu ibsaniiru.
Qu'annoowwan dhihaatanis #Adabbii_hojiifi_hojii_dirqii_hojirra_oolchuu,
#Murti_adabbii_hidhaa_ragaa_Sobaa _bu'uureffachuun kennamee _raawwatame_keessatti _mirga _beenyeffamuu _miidhamaafi #sakata'iinsa_bu'aawwan_giddu_galeessaa _hojiiwwan _ILQSO (bara 2013-2015) jiru irrattii mariin gaggeeffamaa turee jira.

Marii qooda fudhattoota waliin taasifame irrattis hirmaattonni workishooppichaa yaadota qo'annicha gabbisan bal'inaan kaasanii jiru.

Dhuma irrattis yaada maricha walitti qabuun kan guduunfan Hoogganaa I/A Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa obboo Kumasaa Araarsaa akka jedhanitti, qo'annoowwan dhiyaatan baay'ee murteessaafi hojiirra oolmaa isanitiif garuu haala qabatama biyya keenyaatiin danqaan hedduu kan jiru ta'uu ibsuun, muuxannoowwan qo'annoo keessatti biyyoota biroo irraa fudhataman sirna mootummaan keenya hordofu waliin wal simsiisuun gadi fageenyaan xiinxaluun barbaachisaadha jedhan.
Muddee 11/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hojii irraa Yeroo Gabaabaa Mata Duree #Yakka_Malaammaltummaa_fi_Qabeenya_Bu'aa_Yakka_Malaammaltummaa_tahe_Deebisiisuu_ jedhu irratti Magaalaa #Ambootti kennaa jira.

Mata dureen leenjichaa kan filatame sakatta'iinsa fedhii leenjii #ILQSOn gaggeessen ta'uun kan ibsame yoo ta'u, kaayyoon leenjichaa yakka malaammaltummaa bu'uura labsii 88/2007 irratti hubannoo uumuuf, akkasumas garaagaummaa yakka malaammatummaa fi yakka idilee jidduu jiru irratti hubannoo walfakkaataa uumuun leenjifamtoonni rakkoolee hojmaata keessatti muudatan irratti yaada walfakkaataa fi walitti siqaa akka horatanii tahuun ibsame.

Qaamoleen leenjiin kun kennamaafii jiru Abbootii Alangaa Godinaaleefi Qorattoota Poolisii Godinaaleetiif yoo ta'u, leenjichi guyyoota 3f akka turu himame.

Leenjiin Yakka malaammaltummaa kan kennamaa jiru leenjisaa seeraa ILQSO #Obboo_Getaachoo_Kabbadaa tini.
Guyyaa 11.04.2017

#ILQSOn Mata duree "Yakka Malaammaltummaa fi Qabeenyaa Bu'aa yakkaa Malaammaltummaa Ta'e Deebisiisu" jedhu irratti Abbooti Alangaa Godinaalee fi Qorattoota Poolisii Godinaaletiif Magaalaa #Shaashamanneetti Leenjiin kennamaa jira.

Leenjiin kuniis qabeenyaa bu'aa yakkaa malaammaltummaatiin horatame irratti akaataa himannoon itti banamee, falmiin taasifamee debisiisu irratti hubannoo wal fakaataa umuun dandeetti raawwachisummaa ogeessota cimsuuf kaayyeeffate ta'uu hubachuun danda'ameera.

Leenjiin kuniis Leenjisaa Seeraa ILQSO kan ta'an #Obbo_Abdii_Asaffaa tiin kennamaa jira.
Muddee 11/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree #Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Abbootii Alangaa Aanaaleetiif Magaalaa #Ambootti kennaa jira. Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa ilaalchisee gahuumsa abbootii alangaa gama iyyannoo qopheessuu, dhagaha gaggeessuu fi raawwii murtii irratti dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuuf akka ta'e ibsame.

B.B. Daayrektera Daayrektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa Obboo Miilkii Makuriyaa akka jedhanitti mata durichi kan filatame sakatta'iinsa fedhii leenjii #ILQSOn gaggeessen tahuu ibsuun, rakkoolee hojmaata keessatti muudatan furuuf muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo qabaachuun barbaachisaadha jechuun leenjichi guyyoota 3f kan turu ta'uu ibsanii jiru.

Leenjiin kuniis,Leenjistuu Seeraa ILQSO kan ta'an #Aaddee_Tigisti_Asaffaa tin kennamaa jira.
#ILQSOn mata duree #Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Abbootii Alangaatiif Magaalaa #Shaashamanneetti kennaa jira. Inistiitiyuutiin Leenjii fiQorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffame irratti hundaa'un leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsu kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaa Dhimmoota Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa irratti gahuumsa abbootii alangaa cimsuf akka ta'e ibsamee jira.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'u, Abbaa Seeraa MMWO fi Leenjisaa ILQSO #Obboo_Jamaal_Qumbii tin kennamaa jira.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n #workishooppii_xiqqaa mata dureewwan Qorannoowwan bara 2017 irratti gaggeessaa jira.
#ILQSOn bara kana mata dureewwan 5 irratti qorannoo gaggeessuuf kan karoorfate yoo ta'u, mata dureewwan kunneenis:_

1. Yaakkoota Daa'immanii fi Dubartoota irratti raawwataman ittisuu fi too'achuu

2. Sakatta'iinsa Ittiquufinsa Tajaajilamtoota Manneen Murtii

3. Sakatta'iinsa Sirna Too'annoo fi Hordoffii Seeraa

4. Sirna Kenniinsaa fi madaallii Hubannoo Seeraa Hawaasaa fi

5. Sakatta'iinsa Madda Rakkoolee qulqullinna Tajaajilaa Abbaa Seerummaa jedhu workishooppii guyyaa har'aa kana gaggeeffamaa jiru irratti qorattootan dhiyaatanii jiru.
kaayyoon woorkishooppii kanaa Abbootii hirtaa irraa yaada galtee sassaabbachuun qorannicha caalmatti akka fudhtama qabaatu gochuuf akka ta'e I/A Daayrekteera ol'aanaa ILQSO Obboo Sulxaan Abdoo woyta haasawa baniinsaa taasisan hirmaattotaaf ibsanii jiru. Hirmaattonni woorkishooppichaatis piroppoozaaliwwan dhiyaatan irratti yaadota fooyya'uu qaban akkaataa qorannoowwan bu'a qabeessa taasisan irratti ogeessotaa fi Abbootii hirtaa irraa yaadni bal'aan ka'aa jira.

Akka waliigalaatti mata dureewwan qoranoowwan kanneenii irratti ogeesoonnii seeraa fi Abbootiin hirtaa piroppoozaalota dhiyaatan irratti barreeffamaanis yaada kennuun qorannicha kan gabbisan ta'uun ibsame.
Abbootii Seeraa Guyyaa har'aa #ILQSOn leenjii hojii irraa yeroo gabaatiif waamicha taasiseev hundaaf:_ #Iddoon leenjii magaalaa #Ambootti_Hoteela_Keetii yoo ta'u, magaalaa #Shaashamanneetti immoo #Hoteela_Riiftivaalii tahuu isin beeksifna.
Ammajjii 29/2017
#Pirojektiiwwan Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannnoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn Ijaarsisaa jiru haala gaarii irra jiraachun ibsame.
Pirojekitiiwwan ILQSOn bajata mootummaan ramadeen ijaarsisaa jiru mana kitaabaa, kaafteeriyaa fi manni eegumsaa haalli ijaarsa isaanii akkaataa karooraatiin raawwatamaa kan jiru ta'uu himame.
Guyyaa 06/06/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Gabaabaa kennaa Jira.

#ILQSOn Mata duree #Seerota_Bulchiinsaafi_Itti_Fayyadama_Lafa_Magaalaafi_Baadiyaa jedhu irratti Abbootii Seeraatiif Magaalaa #Jimmaatti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu kennaa jira.

#Kaayyoon_Leenjichaa_labsii_248/2015, 1324/2024 fi 721/2004 irratti hubannoo uumuu ta'ee, addatti; Yaad-rimeewwan bu'uuraa, Wabummaa mirgoota lafaafi riifoormii SBSL sirnaan hubachiisuu, akkasumas, seenaa dhufiinsa sirna bulchiinsa itti fayyadama lafa biyya keenyaa sirnaan hubatanii rakkoilee seerotaa fi hojmaataa jiran irratti hubannoo walfakkaataa uumuuf akka ta'e ibsame. Leenjichi kan kennamaa jiru Abbaa seeraa MMO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO #Oobboo_Jaarraa_Bariisoo tiini.
Gurraandhala 07/2017
#ILQSOn Leenjifamtoota Sagantaa leenjii hojiin duraa #marsaa_18ffaa leenjii daree boqqonaa duraa xumuruun shaakalliif manneen murtii fi waajjira mana hojii abbaa alangaa aanaale Oromiyaatti bobbaasuuf #oranteeshini kenne.
#kaayyoon shaakalli kuniis,Leenjii daree keessatti fudhataa turan qabatama gochuuf kan kaayyeeffate ta'uu B.B Daareekteera kenna leenjii fi tajaajila gorsa Seeraa #ILQSO Obbo Milkii Makuriyaan ibsaanii jiru.
Gurraandhala 20/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn Mata duree #Seera_Ragaa: Maalummaa,Rogummaa,Fudhatamummaa fi Madaalli Ragaa jedhu irratti Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa Abbootii Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa,Aanaa fi Abbooti Alangaa Godina fi Aanaaleetiif Magaalaa #Ambootti keennaa jira.

Leenjiin kuniis, dhimmota ragaa barbaachiisu fi hin barbaachiifnee adda baafachuun rogummaa fi fudhatamummaa ragaa dhimma yakkaa fi hariiroo hawaasaa ilaalchiise raagaa akkamiitti akka dhiheessuu danda'u irratti hubannoo jiru gabbifachuun akkasumas,Ragaalee adda addaa dhimma yakkaa fi hariiroo hawaasaa irratti dhihatan yommu madaalaman qajeeltowwan bu'uura yaada keessa galu qaban adda baafachu fi hojji irra oolchuuf kaayyeeffate leenjii kennama jiu akka ta'e ibsamee jira.

Leenjiin kunis Leenjisaa Seeraa ILQSO #Abdii_Gurmeessaa (PhD)'n keennamaa jira.
Gurraandhala 21/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn Mata duree #Yakka_Namaan_Daldaluufi_Seeraan_ala_Daangaa_Ceesisuu jedhu irratti Leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

Hirmaattonni Leenjichaa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Ol'aanaa fi Abbootii Alagaa Godinaalee yoo ta'u, kaayyoon leenjichaa, Labsii Yakka namaan daldaluu fi Seeraan ala Daangaa Ceesisuu ittisuu fi too'achuu bahe labsii lakk.1117/2012 bahe irratti ogeessonni hubannoo walfakkaataa akka qabatan taasisuuf akka ta'e ibsame.

Saganticha irratti argamuun haasawa baniinsaa kan taaaisan Daayrekteeri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) Obboo Oliyaad Yaaddessaa akka jedhanitti, "ILQSOn tajaajila kenniinsa haqaa gama hundaan jiru cimsuuf ogeesota seeraa sadarkaan jiran waliin ciminaan hojjachuu akka qabu kaasuun, mata dureewwan leenjii gabaabaa kanaan kennamaa jiran irrattis muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo qabatanii hojiitti hiikuun barbaachisaa akka ta'e kaasun ogeessonni yakkoota dhimmoota kanaan walqabatan irratti ciminaan akka hojjatan dhaamanii jiru.

Leenjii kennamaa jiru haala mijeessitoonni Qorataa Seeraa ILQSO Obboo Waaqgaarii Dullumee fi Abbaa Alangaa fi Leenjistuu Seeraa ILQSO Aaddee Keeyriyaa Mahaaddii ti.
Gurraandhala 24/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn leenjifamtoota sagantaa leenjii hojii irraa yeroo dheeraa marsaa #16ffaa leenjisuuf simateef oranteeshinii kennee jira.

Oranteeshinii kana irratti haala hojii walii galaa #ILQSO fi turtii mooraa kana keessatti naamusa fi hirmaannaan isaan irraa eeggamu karaa B.B Daarekteera Daayreektooreetii keenna leenjii fi Tajaajila Gorsa seeraa Obboo Milkii Makuriyaa tiin ibsamee, leenjii isaani eegalanii jiru.
Bitootessa 27/2017
Agarsiisni Egzibiishinii xumurameera.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n agrsiisa Egzibiishinii Seektaroota Mootummaa Bitootessa 25_27/2017 gaggeeffamaa ture xumuree jira.
#ILQSOn hojiilee gurguddoo fooyya'iinsa sirna haqaa irratti hojjachaa tureen yaada maamiltootaa fi waljijjiirra muuxannoo seektaroota waliin taasise galtee godhachuun hojiiwwan gara fuula duraa
daran cimee kan hojjatuu ta'uun ibse.
Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsu kennamaa jira.

Ebla 02/2017 (ILQSO,Adaamaa)

#Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Gabaabaa kennaa Jira.

ILQSOn dandeettii raawwachiisummaa qaamolee haqaa naannichaa cimsuuf leenjii matadureewwan adda addaa irratti kenna jira.
Leenjiin mata duree #Itti_Fayyadama_Bulchiinsa_Lafa_Baadiyaa irratti kennama jiru rakkoo qabatamaa qaamolee haqaa biratti mul'atu haala bu'uura irraa furuun xiinxalliifi moojuuliin mata duree Seerota Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafaa irratti erga qophaa'e booda leenjiin kun kennama jira.
Instiitiyuutichii leenjiwwan yeroo dheeraa,gabaabafi hojiirra kennaa jiruun qaamolee haqaa naannicha gama hundan bu'a qabeessaa akka ta'aniifi dandeettiin raawwachiisummaa isaanii akka cimuuf hojii gahoomsuu bal'aa hojjechaa jira.

Leenjiin matdure kennama jiru irratti xiyyeeffatuus qabatama seeraafi hojimataa akkasumas, dhimmoota fooyya'u qaban irratti kan xiyyeefamfateedha.

#ILQSOn Abbootii Seeraa Aanaalee fi Mana Murtii Ol'aanaatiif Magaalaa #Adaamaatti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu kennaa jira.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Sulxaan Abdoo leenjicha irratti argamuun haasaa baniinsaa taasissaniin akka jedhanitti, seeerota bulchiinsa lafaa irratti muuxanno qaban aaksumas keeziwwan dhimoota itti fayyadama lafaatin walqabatan kaasuun hubannoo walfakkaataa uumuun hojii walfakkaataa akka hojjatan dhaamanii jiru. Dabalataanis obbo Sulxaan, leenjiin kennamu bu'a qabeessa kan tau yoo hojitti hiikame ta'uu ibsuun, muuxannoo qaban waljijjiiruun hubannoo waloo uumun rakkoowwan gama kanaan jiran qaamolee haqaatin akka furaman abdii qaban ibsanii jiru.

Leenjichi kan kennamaa jiru Abbaa seeraa MMO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO #Oobboo_Jaarraa_Bariisoo tiini.
#ILQSOn Qorannoowwan bara kana gaggeesse irratti Worki shooppii Xiqqaa(Mini Workshop) qopheesse.

(Caamsaa 21/2017,ILQSO, Adaamaa)

Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n Qorannoowwan bara 2017 Gaggeesse 5 irratti workishooppii xiqqaa qopheessee jira.

ILQSOn mata dureewwan 5 irratti qorannoo kan gaggeesse yoo ta'u; mata dureewwan qorannoowwan irratti gaggeeffaman
1. Sakatta'a Itti Quufinsa Tajaajilamtoota Manneen Murtii Naanoo Oromiyaa
2. Sirna Kenniinsaa fi Madaallii Hubannoo Seeraa Hawaasaa
3. Ittisaa fi Too'annoo Yakkoota Dubartootaafi Daa'imman irratti raawwataman
4. Maddaa fi Qulqullinna Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaa Manneen Murtii Oromiyaa fi
5. Sirna Too'annoo fi Hojiirra Oolmaa Seeraa
Jedhu irratti gaggeefamanii Abbootii hirtaaf dhiyaatanii jiru.

Daayrekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Oliyaad Yaaddessaa woyta haasaa baniinsaa taasisan akka jedhinitti, kaayyoon workishooppii xiqqaa kanaa qorannoowwan gaggeeffaman irratti yaada galteef ta'an Ogeessotaa fi Qaamolee dhimmi ilaallatu irraa sassaabuun qorannoowwan keenna gabbisuuf ta'uu ibsanii jiru.

Qorannoowwan shananuu erga dhiyaatanii booda mariin bal'aan kan taasifame yoo ta'u, yaadonni bilchaaton qorannoowwan dhiyaataniif galtee ta'uun gabbisuu danda'an hirmaattota biraa ka'anii jiru.

Hoogganaa I/A Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obboo Baatirii Fufaa akka jedhanitti, Hojiin qorattoonni ILQSO ifaajanii hojjatan bu'aa bayiin qorannichi keessa darbu hedduu ta'uu kaasuun qorattoota Inistiitiyuutichaa galateeffachuun yaadonni galtee hirmaattota irraa ka'an sirritti xiinxalamanii qorannicha caalatti gabbisuu danda'uu qabu jedhanii jiru.

Dhuma Irrattis I/A Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsa Seeraa fi Misooma Namaa Caffee Oromiyaa Aaddee Birqee Zawudee, qorannoowwan gaggeeffaman baay'ee kan gammachuu itti qabnuu fi qorattoota gahuumsa qabaniin kan qorataman waan taheef sirna haqaa naannoo keennaa fooyyessuu keessatti qorannoowan gaggeeffaman irraa waan guddaatu eegama jedhan.
Dabalataanis Aaddee Birqeen, Nuti akka Naannoo keenyaatti Inistiitiyuutii akkanaa sirna haqaa naannichaa fooyyessuun hojii guddaa hojjachaa jiru kana qabaachuun keenna carraa guddaadha jedhanii jiru.

Qorannoowwan ILQSOn gaggeeffamaa jiran hojiirra kan oolaa jiran tahuu isaanii kaasuun Mana Murtii Aadaa akka fakkeenyatti fudhachuun Hawaasni bal'aan irraa fayyadamaa jiraachuu ibsuun hojiin boonsan hojjatamaa jira jedhan.
#ILQSOn Leenjifamtoota Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa Marsaa 16ffaa Eebbisiise.

(Waxabajjii 1/2017,Adaamaa,ILQSO)

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa Marsaa 16ffaa Abbootii Alangaa 29 guyyaa har'aa bakka Pirezidantiin MMWO Obbo Gaazaalii Abbaa Simali fi Hoogganaan BAAWO Obboo Guyyoo Waariyoo argamanitti eebbisiisee jira.

Inistiitiyuutichi bara hundeeffama isaa irraa eegalee leenjiwwan hojiin duraa fi leenjiwwan Hojii irraa yeroo dheeraatiin ogeessota seeraa hedduu gahoomsuun sirna haqaa Naannichaa fooyyessuu keessatti shoora ol'aanaa bahaa turee jira, ammas bahachaa jira.

Daayrekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Oliyaad Yaaddessaa, keessummoota saganticha irratti argaman simachuun eebbifamtootaan "Baga Gammaddan!" erga jedhanii booda, ILQSOn mul'ata hojii Leenjii ,Qorannoo fi Gorsa Seeraatiin akka biyyaatti filatamaa jedhu qabatee Sirna haqaa fooyyeessuu keessatti gumaacha ol'aanaa taasisaa jira jedhan.

Dabalataanis, Obboo Oliyaad, rakkoolee tokko tokko yeroo ammaa sirna haqaa fooyyessuu keessatti mul'atan ogummaa fi naamusa horattanitti fayyadamuun hojiirra oolmaa haqaa fooyyeessuu keessatti gaheen guddaan kan eebbifamtoota kanneen irraa eeggamu tahuu dhaamanii jiru.

Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obboo Guyyoo Waariyoo ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, eebbifamtootan baga gammaddan erga jedhanii booda, Sirna haqaa keessatti hawaasa karaa haqa qabeessan tajaajiluuf ogummaan naamusaan dabaalame murteessaa waan ta'eef, hawaasa gadi buunee naamusa gaarii fi karaa haqa qabeessa ta'een tajaajiluun dirqama ogummaa keenyaa bahuu qabna jechuun dhaamanii jiru.

Dhuma irrattis Leenjifamtoota yeroo turtii leenjii kana keessatti qabxii ol'aanaa galmeessaniif waraqaan ragaa kennameefii jira.