Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Leenjiin Hojii irraa Yeroo Gabaabaa Abbootii Alangaa Aanaalee fi Godinaaleetiif guyyoota 3f #ILQSO tti kennamaa ture xumurame.
Leenjichi mata duree "Tumaalee Yakkaa Falmisiisoofi Murteessa Adabbii" jedhu irratti kan kenname yoo ta'u, dhi.85 fi dub.10 waliigala #Abbootiin_Alangaa_95 hirmaatanii jiru.
Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsu kenname.
....
(Bitootesssa 17,2017 ILQSO, Adaamaa)
.....
Instiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa hawaasa Inistiitiyuutichaa cimsuuf leenjii kenneera.Leenjiin kenname mat_duree #Leadership_and_Organizational_Alignment jedhu irratti kan kenname yoo ta'u, haala waliigalaa kenna tajaajilaafi dandeettii raawwachiisummaa akkasumas ergama waloo galmaan gahuuf dhimmoota gurguddoo irratti kan xiyyeeffatedha.

Leenjichi kan kenname miseensa Mana Marii bakka bu'oota uummata Federaalaa kan ta'an Dr. Kebedee Geneetiidhan yoo ta'u dhimmoota waliigalaa akka biyyaafi naannoo,akkasumas qabatama mana hojiin haala walqabatun bal'inaan kennameera.

Leenjicha irratti argamuun Daayrekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Oliyaad Yaaddessaa haasaa taasisaniin Instiitiyuutiin keenya milka'ina gama hundan argachaa dhufe ciminaan itti fufsiisuun caalmatti ergama itti kenname galmaan gahuuf leenjiin dandeettii raawwachiisummaa hawaasa inistiitiyutichaa cimsuufi imala qabanne galmaan gahuuf nu gargaaraniifi dhimmoota murteessaa ta'aan irratti leenjiwwan dandeettii raawwachiisummaa keenyaa cimsan hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif kennuun galma gahiinsa kaayyoo mana hojichaatiif murteessaa ta'uu ibsanii jiru.
Hirmaattonni leenjichaas barreeffama dhiyaate irratti mari'achuun hojii Instiitiyuutichi jalqabe caalmatti galmaan gahuuf kan hojjettan ta'uu ibsaniiru.
Guyyaan Dubartootaa (March 8 ) kabajame.
....
(Bitootesssa 17,2017 ILQSO, Adaamaa)
.....
Guyyaan Dubartootaa akka Addunyaatti yeroo 114ffaaf akka Naannoo keenyaatti immoo yeroo 49ffaaf kabajamu Instiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Dhaadannoo #Mirga_Walqixxummaafi_Gahoomina_Dubartoota_Hundaaf jedhuun kabajamee jira.

Leenjicha irratti argamuun Daayrekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Oliyaad Yaaddessaa haasaa taasisaniin, guyyaan kun guyyaa qabsoon dhufee fi sochiin hirmaannan dubartootaa keessa hin jirre galma kan hingeenne ta'uu ibsuun akka Inistiitiyuutii keenyattis koorniyaa Idileessuu irratti ciminaan kan hojjatamu tahuu dubbatanii jiru. Dabalataanis Obbo Oliyaad, Dubartoonni guyyaa akkanaa qofa kan walitti dhufan osoo hin taane, hojiiwwan hariiroo isaanii cimsu ijaaruun walitti dhufeenya isaanii caalatti jajjabeessuu akka qaban dhaamanii jiru. Kabaja Ayyaanicha irratti leenjiin gabaabaan hubannoo uumu mata duree #Guddinna_Hunda_Galeessa_Tahe_dubartootaaf jedhu irratti leenjistuu Seeraa ILQSO Aaddee Tigisti Asfaaw tin kennamee jira.