Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsu kenname.
....
(Bitootesssa 17,2017 ILQSO, Adaamaa)
.....
Instiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa hawaasa Inistiitiyuutichaa cimsuuf leenjii kenneera.Leenjiin kenname mat_duree #Leadership_and_Organizational_Alignment jedhu irratti kan kenname yoo ta'u, haala waliigalaa kenna tajaajilaafi dandeettii raawwachiisummaa akkasumas ergama waloo galmaan gahuuf dhimmoota gurguddoo irratti kan xiyyeeffatedha.

Leenjichi kan kenname miseensa Mana Marii bakka bu'oota uummata Federaalaa kan ta'an Dr. Kebedee Geneetiidhan yoo ta'u dhimmoota waliigalaa akka biyyaafi naannoo,akkasumas qabatama mana hojiin haala walqabatun bal'inaan kennameera.

Leenjicha irratti argamuun Daayrekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Oliyaad Yaaddessaa haasaa taasisaniin Instiitiyuutiin keenya milka'ina gama hundan argachaa dhufe ciminaan itti fufsiisuun caalmatti ergama itti kenname galmaan gahuuf leenjiin dandeettii raawwachiisummaa hawaasa inistiitiyutichaa cimsuufi imala qabanne galmaan gahuuf nu gargaaraniifi dhimmoota murteessaa ta'aan irratti leenjiwwan dandeettii raawwachiisummaa keenyaa cimsan hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif kennuun galma gahiinsa kaayyoo mana hojichaatiif murteessaa ta'uu ibsanii jiru.
Hirmaattonni leenjichaas barreeffama dhiyaate irratti mari'achuun hojii Instiitiyuutichi jalqabe caalmatti galmaan gahuuf kan hojjettan ta'uu ibsaniiru.