Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Qorannoo_Yakka_Shororkeessummaa jedhu irratti Qorattoota Poolisii Godinaalee fi Naannootiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.
Kaayyoon leenjichaa Qorannaa yakkaa keessatti gahee fi Ittigaafatamummaan qorattootni Poolisii qaban maal akka tahee fi maalummaa fi sirna qorannoo yakka Shororkeessummaa #labsii 1176/2020 walqabsiisuun hubannoo uumuun dandeettii raawwachiisaummaa qorattoota poolisii cimsuuf akka ta'e ibsame.
Leenjiin kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, leenjisaa Seeraa ILQSO #Obboo_Haashim_Tunaa tin kennamaa jira.

Hordoftoota Keennaa Maxxansa Barruulee Siimpooziyeemii Bara 2016 bifa kitaabatiin bakka tokkotti qindaa'e softcopy isaa fuula teeleegiraamii keennaa kana irra isinii keennee jirra.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n #Appilikeeshinii_Galmee_Jechoota_Seeraa_Afaan_Ingiliffaafi_Afaan Oromootiin Hojjachiise xumuree isin biraan gahee jira. Buufachuun fayyadamaa.
Galmee Jechoota Seeraa .apk
14.5 MB
Galmee Jechoota Seeraa ILQSO
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n #workishooppii_xiqqaa mata dureewwan Qorannoowwan bara 2017 irratti gaggeessaa jira.
#ILQSOn bara kana mata dureewwan 5 irratti qorannoo gaggeessuuf kan karoorfate yoo ta'u, mata dureewwan kunneenis:_
1. Yaakkoota Daa'immanii fi Dubartoota irratti raawwataman ittisuu fi too'achuu
2. Sakatta'iinsa Ittiquufinsa Tajaajilamtoota Manneen Murtii
3. Sakatta'iinsa Sirna Too'annoo fi Hordoffii Seeraa
4. Sirna Kenniinsaa fi madaallii Hubannoo Seeraa Hawaasaa fi
5. Sakatta'iinsa Madda Rakkoolee qulqullinna Tajaajilaa Abbaa Seerummaa jedhu workishooppii guyyaa har'aa kana gaggeeffamaa jiru irratti qorattootan dhiyaatanii jiru.
kaayyoon woorkishooppii kanaa Abbootii hirtaa irraa yaada galtee sassaabbachuun qorannicha caalmatti akka fudhtama qabaatu gochuuf akka ta'e I/A Daayrekteera ol'aanaa ILQSO Obboo Sulxaan Abdoo woyta haasawa baniinsaa taasisan hirmaattotaaf ibsanii jiru. Hirmaattonni woorkishooppichaatis piroppoozaaliwwan dhiyaatan irratti yaadota fooyya'uu qaban akkaataa qorannoowwan bu'a qabeessa taasisan irratti ogeessotaa fi Abbootii hirtaa irraa yaadni bal'aan ka'aa jira.
Akka waliigalaatti mata dureewwan qoranoowwan kanneenii irratti ogeesoonnii seeraa fi Abbootiin hirtaa piroppoozaalota dhiyaatan irratti barreeffamaanis yaada kennuun qorannicha kan gabbisan ta'uun ibsame.