Kana malees, qaama dhimmicha irratti hojjatus gahoomsuu (leenjisuu) waan barbaachisuuf baajata kanaaf barbaachisu deeggaruus qaba.
Hanqina gama qulqullina qorannoo yakkaatiin jiruuf akkuma labsii ittisaa fi to’annaa shororkeessummaa Labsii Lak.1176/2020 kwt.42 jalatti tumame, sirna qorannoo addaa labsii lakk.1178/2020 keessattis hammachiisuun gaarii dha. Kanaafuu, qaamni seera baastuu biyyattii (Paarlaamaan) labsii lak.1178/2020 haala ibsameen fooyyessuun gaarii ta’a.
Dabalataan Labsii Lak.1178/2020 keessatti dhaabbilee mana maree biyyaalessaa keessatti bu’uura kwt.33(3)tiin hammataman dhaabbilee akka [National Intelligence and Security Services] waliin hojjechuun dhaabbileen kunniin qorannoo keessatti tumsa akka taasisan gochuun rakkoowwan hammayya’uu dhabuu qorannoo yakkaa fi teknoloojiitti fayyadamuu dhabuun walqabatu furuun namoota yakkicha duuba taa’anii hirmaannaa taasisan seeratti akka dhiyaatan taasisuun barbaachisaa dha.
#4. Rakkoolee_ Jiruufi- Jireenya_ Hawaasaatiin_Walqabatee_ Jiru_ Furuudhaaf
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun, wantoota akka waliigalaatti godaansaaf seeraan alaatiif ka’umsa ta’an irratti hojjachuun jiruu fi jireenya ummataa fooyyessuun hiyyummaa fi hojii dhabdummaa xiqqeessuuf hojjechuu qaba.
Dabalataan ilaalcha namootni biyya keessatti hojjetanii jijjiiramuuf qaban jijjiiruu irratti hojjechuu fi deemsa hojiif jecha karaa seera qabeessaan deemamu salphaa, dhaqqabamaa fi saffisaa taasisuun barbaachisaa dha.
#5. Rakkoo_ Too’annoo_ Daangaatiin_ Walqabatee_ jiru_ furuudhaaf
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Mootummaan Federaalaa fi mootummoota naannolee biroo waliin qindoomuun karaalee bebeekkamoo dallaaltonni namoota karaa seeraan alaatiin daangaa ittiin ceesisan (bahiinsaa fi galiinsaa) xiyyeeffannoo ol’aanaadhaan too’achuun baay’ee barbaachisaa dha. Kana keessatti Komishiniin Poolisii Oromiyaa karaalee gurguddoo ulaawwaan gurguddoo kanatti geessan irratti xiyyeeffachuun sakatta’iinsa konkolaattota irratti taasisuun gahee ittisa yakkaa isaa sirnaan bahachuu qaba.
#6. Rakkoo_ Miidhamtoota_ Deebisanii_ Dhaabuutiin_ Walqabatee_ Jiru_ Ilaalchisee
Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Biiroon Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa waliin ta’uudhaan hojii miidhamtoota yakkoota namaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceessisuu deebisanii dhaabuu irratti dhaabbilee mootummaa fi miti- mootumaa naannicha keessatti hojjetan waliin qindoomuun ciminaan hojjechuutu irraa eegama.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hojii irraa Yeroo Gabaabaa Mata Duree #Yakka_Malaammaltummaa_fi_Qabeenya_Bu'aa_Yakka_Malaammaltummaa_ta'e_Deebissiisuu jedhu irratti Magaalaa Bishooftuutti kennaa jira.
Qaamoleen leenjiin kun kennamaafii jiru Abbootii Seeraa MMWO ,Abbootii Alangaa BAAWO,Abukaattota Ittisaa fi Qorattoota Poolisii Sadarkaa Naannoo irratti hojjatanif yoo ta'u, leenjichi guyyoota 3f kan turu ta'uun himame.
I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo ,kaayyoon leenjichaa Seerota Farra Malaammaltummaa kana irratti qaamolee yakkoota malaammaltummaa qorachuun, himachuu fi murtii kennuu irratti waliin hojjatan kunneen hubannoo waloo qabatanii tokkummaan cimanii yakka malaammaltummaa irratti hojjachuun gahee hawaasni bal'aan irraa eegu akka bahaniif ijjanoo waliinii qabaachuun barbaachisaadha jedhan.
I/A Hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obboo Baatirii Fufaa ergaa woyta haasawa baniinsaa taasisan hirmaattota leenjichaatiif dabarsaniin akka jedhanitti, "Malaammaltummaan qaamni muraasni karaa qaxxaamuraatin qabeenya haqa isaa hin taane horachuun mirga lammiilee biroo dhiibuu waan ta'eef, qaamoleen leenjii kana irratti hirmaatan kun hubannoo waloo qabaatanii ija jabaatanii walcimsuun bakka uummata bal'aa bu'anii waliin hojjachuun yakka malaammaltummaa kana hir'isuu keessatti gahee ogummaa isaanii bahuun haqa uummataa eegsisuuf cimanii hojjachuu akka qaban dhaamanii jiru.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn mata duree #Rakkoolee_Seera_Deemsa_Falmii_Siivilii_Seera_Ragaa_fi_Labsii_lakk.216/2011 ,lakk.1234/2013 walqabate jedhu irratti leenjii hojii irraa guyyoota sadiif turu Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif magaalaa Bishooftuutti kennaa jira.
I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo akka jedhanitti , mata dureen leenjichaa fedhii leenjii Abbootii Seeraa MMWO irraa sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffameen kan #ILQSOn sassaabe ta'uu ibsuun leenjichi baayyee murteessaa waan ta'eef gadi fageenyan irratti mari'achuun muuxannoo waljijjiiruun hubanoo walfakkaataa ta'e qabaachuun rakkoolee hojmaata keessatti muudatuuf furmaata walitti dhiyaatu kennuu kan isaan dandeessisu tahuu ibsanii jiru.
I/A Pireezidantii MMWO Obboo Badriitamaam Umar, woyta Haasawa baniinsaa taasisan ergaa hirmaattota leenjichaatiif dabarsaniin akka jedhanitti, fedhii leenjii Abbootii Seeraa keenyarraa ka'e irratti hundaa'un leenjii kana qopheessuu #ILQSO galateeffachuun, mata durichi sirna Abbaa Seerummaa keessatti dhiima murteessoo waan ta'eef, akkaataa walitti dhiyeenya qabuun rakkooleen dhimmoota kanneenin walqabatan furuu irratti haala nu dandeessisuun yaada qabnu wal jijjiiruun hubannoo waloo akka horannuuf kan yaadamee kennamaa jiru waan taheef haala hoo'an hirmaachun barbaachisaadha jedhan.