Leenjj Manneen Murtii Aadaa irratti #ILQSOn kenne
<unknown>
Leenjii Qajeelfamoota Manneen Murtii Aadaa irratti Sadaasa13/2017 #ILQSOn kennamee oduun Raadiyoo Faanaatin hojjatame.
Hordoftoota keenya, Qorannoo ”Ittisaa fi Too’annoo Yakkoota Namootaan Daldaluu fi Namoota Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu: Seeraa fi Qabatama Naannoo Oromiyaa”jedhuu irratti argannoowwan qorannichaa kutaa 1ffaa jalatti maxxansa kana duraatiin isiniif dhiyeessun keenya ni yaadatama.
#kutaa_2ffaa_Yaadotni_furmaataa_ gabaabinaan Qorataa 2ffaa Obboo #Umar_Fiixoo akka armaan gadiiti dhiyeessanii jiru:
#1. Rakkoo_Hubannoon_ Walqabatu_ Furuudhaaf
Hojimaata irratti qorannoo yakkaa irraa calqabee hanga murtiin kennamutti hanqinni hubannoo seeraa ogeessota bira waan jiruuf leenjiin cimsuun akkuma jirutti dhimmichi hawaasa keessattis kan hidda gadi fageeffate waan ta’eef, hawaasa bal’aafis hubannoo kennuun barbaachisaa dha. Walumaagalatti:
a. ILQSOn Labsii Lak.1178/2020 irratti leenjii seeraa ogeessota qaamolee haqaatiif kennamu cimsaa deemuun barbaachisaadha.
b. Hubannoo hawaasaa dabaluun walqabatee, miidiyaaleen mootummaa Naannoo Oromiyaa kan akka Televizsiinii fi Raadiyoo, kana irratti karoorfatanii bal’inaan hojjechuun barbaachisaa waan ta’eef, Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa miidiyaaleen kun xiyyeeffannoo ol’aanaa kennanii akka irratti hojjatan qajeelfamaa fi kallattii hojii kaa’uun barbaachisaa dha.
c. Hojii hubannoo uumuu kanas Biiroon Hojjetaa fi Hawaasumaa fi Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa hojiin isaa inni guddaa miidhaa yakkootaa kana uummataaf hubannoo uumuu dha waan ta’eef kana irratti cimanii hojjachuu qabu.
d. Biiroon Barnoota Oromiyaa kaarikulamii barnootaa keessatti dhimma yakkoota namaan daldaluu fi karaa seeraan alaatiin daangaa ceesisuu hammachiisuun sammuu daa’immanii fi dargaggootaa irratti sadarkaa gadiirraa jalqabee hojjechuun hubannoo isaanii gabbisuun dallaaltotaan sobamanii akka miidhaan isaan irra hin geenye taasisuu dha.
#2. Rakkoo_ Qindoominaan_ Walqabatee_ Jiru_ Furuudhaaf
Yakkootni namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu yakkoota gurmaayuun daangaa ceeyan (transnational organized crime) waan ta’anii ittisaa fi to’annoon isaanii qindoomina cimaa gaafata. Biyyoota ambaa waliinis ta’e asuma biyya keessatti mootummaa federaalaa fi naannoo,
mootummoolee naannoolee giddutti akkasumas mootummaa naannoo tokkoo keessatti qindoomina seektaraalee adda addaa kan barbaaduu dha. Sirna mootummaaleen kunniin qindoomanii itti hojjetan irratti akkataa Labsii Lak.1231/2021, Labsii Sirna Hariiroo Mootummaa Gidduutti taasifamuun ta’uu mala. Bu’uura Labsii kana kwt.3(2) fi kwt.6 tiin akkaataa barbaachisummaa isaatti seekteraalee qindoominni waliin barbaachisu gara oliittis ta’e dalgeen qindoomanii hojjechuun murteessaa waan ta’eef, Mootummaaan Naannoo Oromiyaa qindoomina kana keessatti gahee isa irraa eeggamu taphachuun barbaachisaa dha.
Hanqina qindoominaa seektaraalee tumsa gamtaa naannoolee keessatti mul’atuun walqabatee, Wixineen Dambii Mana Maree fi Tumsa Gamtaa Ittisaa fi To’annoo Yakka Namaan Daldaluu fi Seeraan Alaa Daangaa Ceesisuu Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Qophaa’e, Dambii Lak-----/2015 manneen hojii mootumaa fi miti mootummaa garaagaraatiif gahee hojii kan kennee fi qindoominaan dhimma yakkoota namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu irratti akka waliin hojjatan kan dirqamsiisuu waan ta’eef, Manni Maree Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa dambicha raggaasisuu akka qabu yaadni furmaataa qorannichaan dhiyaatee ture, yeroo amma dambichi raggaasifamee jira waan ta’eef kana hojitti hiikuun barbaachisaa dha.
#3. Rakkoo_ Qulqullina_ Qorannoo_ Yakkootaatiin_ Walqabatu _Furuudhaaf
Ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneenii keessatti gufuu kan ta’e keessa tokko hanqina qorannoo yakkoota kanneeniin walqabatuu dha. Qorannoon yakkoota kanneenii sadarkaa federaalaattis ta’ee sadarkaa naannooleetti teeknooloojii hammayyaa fi loogistiksii gahaan kan deeggaramee miti waan ta’eef, gama mootummaatiin teeknoolojiiwwan qorannoo hammayyaa hundeessuu feesisa. Kanas mootummaan federalaa loojistiksii fi meeshaale teeknoloojii qorannoo dhimmichaaf barbaachisu qaama qoratu (keessattuu naannolee) deeggaruun barbaachisaadha.

Kana malees, qaama dhimmicha irratti hojjatus gahoomsuu (leenjisuu) waan barbaachisuuf baajata kanaaf barbaachisu deeggaruus qaba.
Hanqina gama qulqullina qorannoo yakkaatiin jiruuf akkuma labsii ittisaa fi to’annaa shororkeessummaa Labsii Lak.1176/2020 kwt.42 jalatti tumame, sirna qorannoo addaa labsii lakk.1178/2020 keessattis hammachiisuun gaarii dha. Kanaafuu, qaamni seera baastuu biyyattii (Paarlaamaan) labsii lak.1178/2020 haala ibsameen fooyyessuun gaarii ta’a.
Dabalataan Labsii Lak.1178/2020 keessatti dhaabbilee mana maree biyyaalessaa keessatti bu’uura kwt.33(3)tiin hammataman dhaabbilee akka [National Intelligence and Security Services] waliin hojjechuun dhaabbileen kunniin qorannoo keessatti tumsa akka taasisan gochuun rakkoowwan hammayya’uu dhabuu qorannoo yakkaa fi teknoloojiitti fayyadamuu dhabuun walqabatu furuun namoota yakkicha duuba taa’anii hirmaannaa taasisan seeratti akka dhiyaatan taasisuun barbaachisaa dha.
#4. Rakkoolee_ Jiruufi- Jireenya_ Hawaasaatiin_Walqabatee_ Jiru_ Furuudhaaf
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun, wantoota akka waliigalaatti godaansaaf seeraan alaatiif ka’umsa ta’an irratti hojjachuun jiruu fi jireenya ummataa fooyyessuun hiyyummaa fi hojii dhabdummaa xiqqeessuuf hojjechuu qaba.
Dabalataan ilaalcha namootni biyya keessatti hojjetanii jijjiiramuuf qaban jijjiiruu irratti hojjechuu fi deemsa hojiif jecha karaa seera qabeessaan deemamu salphaa, dhaqqabamaa fi saffisaa taasisuun barbaachisaa dha.
#5. Rakkoo_ Too’annoo_ Daangaatiin_ Walqabatee_ jiru_ furuudhaaf
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Mootummaan Federaalaa fi mootummoota naannolee biroo waliin qindoomuun karaalee bebeekkamoo dallaaltonni namoota karaa seeraan alaatiin daangaa ittiin ceesisan (bahiinsaa fi galiinsaa) xiyyeeffannoo ol’aanaadhaan too’achuun baay’ee barbaachisaa dha. Kana keessatti Komishiniin Poolisii Oromiyaa karaalee gurguddoo ulaawwaan gurguddoo kanatti geessan irratti xiyyeeffachuun sakatta’iinsa konkolaattota irratti taasisuun gahee ittisa yakkaa isaa sirnaan bahachuu qaba.
#6. Rakkoo_ Miidhamtoota_ Deebisanii_ Dhaabuutiin_ Walqabatee_ Jiru_ Ilaalchisee
Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Biiroon Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa waliin ta’uudhaan hojii miidhamtoota yakkoota namaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceessisuu deebisanii dhaabuu irratti dhaabbilee mootummaa fi miti- mootumaa naannicha keessatti hojjetan waliin qindoomuun ciminaan hojjechuutu irraa eegama.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hojii irraa Yeroo Gabaabaa Mata Duree #Yakka_Malaammaltummaa_fi_Qabeenya_Bu'aa_Yakka_Malaammaltummaa_ta'e_Deebissiisuu jedhu irratti Magaalaa Bishooftuutti kennaa jira.
Qaamoleen leenjiin kun kennamaafii jiru Abbootii Seeraa MMWO ,Abbootii Alangaa BAAWO,Abukaattota Ittisaa fi Qorattoota Poolisii Sadarkaa Naannoo irratti hojjatanif yoo ta'u, leenjichi guyyoota 3f kan turu ta'uun himame.
I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo ,kaayyoon leenjichaa Seerota Farra Malaammaltummaa kana irratti qaamolee yakkoota malaammaltummaa qorachuun, himachuu fi murtii kennuu irratti waliin hojjatan kunneen hubannoo waloo qabatanii tokkummaan cimanii yakka malaammaltummaa irratti hojjachuun gahee hawaasni bal'aan irraa eegu akka bahaniif ijjanoo waliinii qabaachuun barbaachisaadha jedhan.
I/A Hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obboo Baatirii Fufaa ergaa woyta haasawa baniinsaa taasisan hirmaattota leenjichaatiif dabarsaniin akka jedhanitti, "Malaammaltummaan qaamni muraasni karaa qaxxaamuraatin qabeenya haqa isaa hin taane horachuun mirga lammiilee biroo dhiibuu waan ta'eef, qaamoleen leenjii kana irratti hirmaatan kun hubannoo waloo qabaatanii ija jabaatanii walcimsuun bakka uummata bal'aa bu'anii waliin hojjachuun yakka malaammaltummaa kana hir'isuu keessatti gahee ogummaa isaanii bahuun haqa uummataa eegsisuuf cimanii hojjachuu akka qaban dhaamanii jiru.