Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Sadaasa 13/2017
Inistiitiyuutin Leenjii Fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Abbotii Alangaa Naannoo Oromiyaatiif Mata Dure #Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa _jedhu irratti Magaalaa Bishooftuutti Leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota sadiif turu kennaa jira.

Leenjiin kuniis, hojiin Abbaa Alangummaa dhimmoota falmii hariiroo hawaasaa irratti hubannoo walfakkaataa fi cimaa ta'een deggaramee dhimmoota hariiroo hawaasaa, dantaa uummataa fi motummaa ta'an irratti falmii seeraa qabeessaa, madaalawaa fi bu'aa qabeessa ta'e taasiisuuf kaayyeeffate ta'u sirna baniinsaa kana irratti I/A Hogganaa Biiroo Abbaa Alagaa fi Hogganaa Damee Falmii Seeraa Oromiyaa Obbo Kumasaa Araarsaan himanii jiru.
Hordoftoota Fuula FB keenyaa, sagantaa keenya har’aa #Seerri_Maal_Jedha jedhuun Argannoo Qorannoo tokkoo kutaa lamatti adda qoodnee isinii dhiyeessinee jirra. #kutaa_1ffaa.
ITTISAA FI TOO'ANNOO YAKKA NAMAAN DALDALUU FI NAMOOTA SEERAAN ALA DAANGAA CEESISUU.

Yakki Namaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu yaaddoo addunyaa erga ta’ee bubbuleera. Yaaliin ittisaa fi to’annoo yakkichaas bara 1905 irraa eegalee hanga ammaatti taasifamaa jira. Itoophiyaanis ittisaa fi too’annoo yakkichaaf sanadoota idil-addunyaa mallateessuu irraa kaasee hanga Heeraa fi seera biyya keessatti tumuun dhimmicha addatti seera of danda’een bulchuu irra geessee jirti.
Itoophiyaan yakkoota namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu seera yakkaa idilee keessatti bifa gabaabbina qabuun hogganaa kan turte yoo ta’u, yeroo ammaa labsii dhimmicha bitu addatti baastee jirti. Labsiin jalqabaa addatti dhimmicha bulchuuf bahe labsii lakk.909/2015 yoo ta’u; labsichi hanqina iftoominaa, seerota biroo waliin walsimuu dhabuu fi rakkowwan namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuuf haala barbaadamuun furmaata kan kennu waan hin taaneef, labsichi labsii biraan akka bakka bu’u ta’eera.

Yeroo ammaa dhimmicha labsiin bulchu labsiin lakk.1178/2020dha. Kanumaayyuu ta’ee yakkicha akka barbaadametti ittisuu fi too’achuun akka hin danda’amin qorannowwan ni agarsisu. Waan ta’eefuu yakkoota kanaan miidhaan gara garaa akka naannoo Oromiyaatti hawaasarra gahaa jira.
Akka dhaabbata qorannoo fi leenjii seeraa gaggeessuutti ILQSOn bara 2015 qorannoo dhimmicha irratti gaggeesseera.

Kaayyoon qorannichaa yakka namaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceessisuu ittisuu fi to’achuun akkamiin danda’ama kan jedhu irratti furmaata akeekudha.
Kana galmaan gahuuufis wantootni ittisaa fi too’annoo yakkoota kanneenii akka hin milkoofne taasisaa jiran maal akka ta’an adda baasuun yaada furmaataa akeekee jira.

Qorannichi mala qorannoo akkamtaa fayyadamuun kan gaggeeffame yoo ta’u; daataa qorannichaaf barbaachisu godinaalee torba iddoo yakkichi itti heddumatu irraa walitti qabameera.
Godinaaleen kunis Godina Harargee Bahaa, Arsii Lixaa, Baalee, Jimmaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa fi magaala Shaggar fa’a dha. Sadarkaa godinaatti manneen hojii kallaattinis ta’e al-kallattiin dhimmicha irratti hojjetan shan [waajjira hojjetaa fi hawwaasumaa, wajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii, mana murtii, waajjira Abbaa Alangaa waliigalaa fi waajjira poolisii irraa ogeessotni dubbifamaniiru. Sadarkaa Biirootti manneen hojii dhimma yakkichaa irratti hojjetan kanneen akka Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa, MMWO, Biiroo Hojjetaa fi Hawaasummaa, Komishinii Poolisii Oromiyaa, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii akkasumas sadarkaa federaalaatti Minsteera Haqaa, Ministeera Haajaa Alaa, Ministeera Hojjetaaf Hawaasummaa, Dhimma Dubartootaa dabalatee sekteraalee biroo irraa daataan af-gaaffii gadi fageenya qabu (in-depth interview) namoota 98 waliin gaggeeffameera. Kana malees dhimmota qabatamoon manneen murtii irraa galmee 40 sakatta’amaniiru.
Xiinxalli gaggeeffame irratti hundaa’uun argannoowwan armaan gadii adda bahaniiru. Kanneen adda bahan keessaa tokko #hanqina_qindoominaati.

Hanqinni qindoominaa hojii ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneenii irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira. Hojiin ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneen qindoomina biyya keessaa fi kan biyya alaa cimaa ta’e kan barbaadu ta’us qabatamaan qindoominni jiru laafaa waan ta’eef dallaalota yakkicharraa fayyadaman argachuu irratti hanqina guddaatu jira.
Hanqinni qulqullina qorannoo wantoota ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneenii irratti gufuu ta’aa jiru kan biraati. Qorannoon yakkoota kanneenii akka naannoo Oromiyaatti teeknooloojiin kan deeggaramee miti.

Gama biraan yakkichi ammoo teknooloojiin deeggaramee kan raawwatamu waan ta’eef yakkamtoota bu’uuraa argachuu irratti hanqinatu jira. Kun immoo karaa biraan hundee yakkichaa bu’uurarraa gogsuu irratti hanqinni akka uumamu taasisa.
Hojiin jiruu fi jireenya hawaasaa fooyyessuuf taasifamu laafaa ta’uun rakkoowwan ittisaa fi to’annoo yakkichaa akka hin milkoofne taasisaa jiran keessaa kan biraati. Kana malees, to’annoon ulaawwan daldaaltotni namaa itti fayyadaman irratti taasifamu hanqina qabaachuun rakkoowan ittisaa fi to’annoo yakkichaa irratti gufuu ta’an keessaa akka ta’e qorannoon kun agarsiiseera.

Xiinxala seeraa gaggeeffameen hanqinni bu’uuraa gama seeraatiin kan hin jirre akka ta’e hubatamera. Ta’us, seericha hojiitti hiikuuf hubannoo walfakkaataa qaamolee dhimmicha irratti hojjetan bira hin jiru. Fakkeenyaaf, manneen murtii keessattille dhimmoota walfakkaatan irratti murtiiwwan bifa wal fakkaatinsa hin qabneen murtaa’aa jiru. Abbootiin alangaa yakkootuma ulaagaa yakkichaa hin guutne labsii kanaan himachuun, qorattoonni yeroo qoratanitti sirnaan qorachuun tumaa labsichaa kam jalatti akka kufu adda baafataa deemuu irratti, manneen murtiis yakkichaan namootni adda addaa kan miidhaman yoo ta’ellee, yakka daddabalamaa taasisuun haala sanaan adabuu irratti hanqinni jiraachuu qorannoon argarsiiseera. Hanqinoota jiran kana furuufis yaadni furmaataa armaan gadii akeekamaniiru. #kutaa_2ffaan_itti_fufa.
Sadaasa 16/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Manaajimentii Manneen Sirreessaa ,Miseensota Poolisii fi Ogeessota Manneen Sirreessaa Oromiyaatiif mata duree #Qabiinsaa_fi_Eegumsa_Mirga_Namoomaa_Sirreeffamtoota_Seeraa jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'u, Seerota Mirga Namoomaatiin waqabanii fi qabatama Manneen Sirreessaa keessa jiru irratti muuxannoo bal'aa wal jijjiiruun hubannoo waloo ni horatu jedhamee eeggama.

I/A daayrekteera ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo haasawa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, mata dureen kun kan filatameef fedhii leenjii manneen sirreessaa irratti kan hundaa'e ta'uu ibsuun #ILQSOn hojiilee leenjii fi qorannoo gaggeessu cinatti sakkatta'iinsa fedhii leenjii gaggeessun hojii rakkoolee dandeettii ta'an adda baafachuun leenjiwwan gaggabaaboo dandeettii raawwachiisummaa cimsan kan kennuu ta'uu ibsanii jiru.

Dabalataanis Obboo Sulxaan, leenjii kana sababa baajataatin qaama hunda biraan gahuun waan hin danda'amneef qaamni amma carraa kana argatee leenjii kana fudhate kun gara mana hojii isaatti gaafa deebi'e hubannoo asii argate kana qabatama mana hojii keessa jiruun walsimsiisuuf muuxannoo walii qooduun gahee irraa eegamu akka bahuu akka qaban dhaamanii jiru.

Itti Aanaan Komishiinara Komishiinii Manneen Sirreessaa Oromiyaa Obboo Ijaaraa Gaarradoo Haasaa taasisaniin, sagantaa leenjii akkanaa manni hojii keenna barbaadu sakkatta'anii feedhii gaafachuun leenjii kana kan qopheessef ILQSO erga galateeffatanii booda, qabiinsi mirga namoomaa biyyi teenna Addunyaa waliin mallateessite haala qabatama manneen sirreessaa keennatiin walbira qabnee hubannoo leenjii kanarraa argannuun hanqinoota nu bira jiran fooyyeessuun muuxannoo leenjicha irraa arganne sadarkaa sadarkaan waliiqoodnee wal hubachiisuun waan seerri jedhu hojitti hiikuu qabna jechuun leenjifamtootaaf dhaamanii jiru.