Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Mirkaneessa Fedhii Garee Mana Murtii Aadaa

Mala aadaatiin waldhabbii hiikuun biyyoota hedduu keessatti hojiirra oolaa jira. Mala kanaaf maqaafi hiikkoon adda addaa kennamee kan jiru yoo ta’eyyuu seera aadaafi afoolaan dhalootaa dhalootatti darbuun kan murtii kennu ta’uu irratti waliif galama. Manni Murtii Aadaa akka Naannoo keenyaatti hojiirra jiru kunis mala kana keessatti kan haammatamudha. Heerri RDF Itoophiyaa fi Heerri MNO seerota aadaatiif iddoo guddaa kennanii jiru. kwt 34 jalatti dhimmootni seera maatiifi dhuunfaa seera idileetiin qofaa ilaalamuu akka hin qabneefi mana murtii aanaa (MMA) fi mana murtii amantaa akka filannoo birootti kaa’eera.Waldhabbiiwwan kunis fedhii gareewwanii giddugaleessa godhachuun ilaalamuu akka qaban kwt 34(5) jalatti ibsameera.

Heera RDF Itoophiyaa kwt 78(5) jalatti Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Federaalaas ta’e manni maree Mootummaa Naannolee MMA fi Mana Murtii Amantii hundeessuu ykn beekkamtii kennuu akka danda’aan ni kaa’a. Heerri Naannoo Oromiyaa kwt 62 jalatti Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa MMA hundeessuu yookiin osoo Heerri hin bahiin kanneen turaniif beekkamtii kennuufii akka danda’u kaa’eera. Tumaalee kanneen bu’uureffachuun labsii, dambiifi qajeelfamni MMA bahuun akka naannoo keenyaatti ittiin hojjetamaa kan jirudha.

MMA dhimma tokko ofitti fuudhee keessummeessuuf fedhiin gareewwanii jiraachuun dirqama akka ta’e Heerriifi Labsiin Manneen Murtii Aadaa Hundeessuufi Beekamtii Kennuuf bahe kaa’u. Fedhiin gareewwanii hin jiraanne taanaan Manni Murtii Aadaa (MMA) dhimma tokko ofitti fuudhee keessummeessuu hin danda’u. Labsiin haala fedhiin himataafi himatamaan itti mirkanaa’uu qabu adda baaseera. Namni MMA himata yookiin iyyata dhiyeeffate fedhii akka qabuutti tilmaama jechuun labsicha kwt 25(1) jalatti tumameera. Akka tumaa kanaatti garee iyyata yookiin himannaa dhiyeeffate jaarsooliin gaaddisa irratti fedhii gaafachuuf akka hin dirqamne agarsiisa. Fedhii himatamaa mirkaneessuu ilaalchisee garuu haala addaan kaa’eera. Himatamaan waamichi dhaqqabee erga dhiyaatee booda deebii akka kennu taasisuun dura, dhimmi isaa MMA akka ilaalamu fedhii qabaachuun gaaddisa irratti gaafatamee mirkanaa’uu qaba. Fedhii qabaachuun erga mirkanaa’ee booda himata yookiin iyyata dhiyaate irratti deebii akka kennu taasifama. Fedhiin gaafatamus ta’ee fedhiin kennamu ifaan akka ta’uu qaba malee tilmaamni hin fudhatamu. Kana jechuun himatamaan sababa iyyataa yookiin himannaa dhiyaateef deebii kenne qofaaf, fedhii kenneera jedhamee tilmaamni hin fudhatamu. Jaarsooliin fedhii osoo hin mirkaneeffatiin kallattiin gara dhimma ilaaluutti yoo seenaniifi himatamaan yeroo sanatti yoo hin mormine ta’ellee, fedhiin bu’uura seeraatiin mirkanaa’eera jechuun hin danda’amu.

Fedhiin himatamaa yeroo gaafatamu haalawwan dirqisiisoo ta’an yookiin immoo sodaachisoo ta’an irraa bilisa ta’uu qaba. Fakkeenyaaf, fedhii hin qabu yoo jedhame akka waan Abbaa Gadaa, Haadha Siinqee, Aadaafi Safuu Ummata Oromoo fi kkf kabajuu dhabeetti fedhachuun fedhii isaa akka kennu godhamuu hin qabu. Garuu himatamaan fedhii hin qabu yoo jedhe kaayyoo MMA ibsuun amansiisuun ni danda’ama. Fedhiin erga mirkanaa’ee dhimmichi ilaalamuu eegalee booda gareen lachuu fedhii isaanii kaasuu hin danda’an. Qaamni komii qabu yoo jiraate murtii kennamee jiru irratti ol-iyyata fudhachuu danda’u. Waraqaan waamichaa dhaqqabee himatamaan yoo dhiyaachuu baate qaama birootiin hidhamee yookiin dirqamee kan dhiyaatu yookiin galmeen bakka hin jirretti kan ilaalamu osoo hin taane MMA dhimmicha ilaaluuf aangoo akka hin qabneetti fudhachuun bu’uura labsicha kwt 42(2(a) aadaafi duudhaa naannoo sanaa cabseera jedhamuun adabbiin madaalawaa, haqa qabeessaafi haala himatamaa giddugaleessa godhate bu’uura seera aadaa iddoo sanaatiin kan kennamu ta’a.

Qabxii biroo ilaalamuu qabu fedhii osoo hin mirkaneeffatiin dhimmichi yoo ilaalame bu’aan isaa maal ta’a kan jedhuudha. Heera Mootummaa kwt 34(5) jalatti MMA fedhii gareewwanii giddugaleessa godhachuun dhimmoota seera maatiifi dhuunfaa ilaalee murtii kennuu akka qabuudha.
Tumaa kwt 9(1 &2) jalatti Heerri seera olaanaa akka ta’e, murtiin kamuu Heeraan walfaallessu fudhatama akka hin qabneefi qaamni kamuu kabajuufi kabachiisuuf dirqama akka qaban ibsameera. Labsicha kwt 26(1) jalatti akkuma ibsamee jirutti MMA dhimmoota itti dhiyaate ilaalee ajaja yookiin murtii kennuu kan danda’u seera aadaa bakka manni murtichaa itti hojjetu bu’uureffachuun akka ta’e ibsameera. Seera Aadaa jechuun seera aadaa Oromoo bakka Manni Murtii Aadaa itti hojjetutti argamu ta’ee, Heera Mootummaa, hamilee fi haqa uumamaa kan hin faallessine jechuudha. Kanaaf fedhii osoo hin mirkaneessiin murtii MMA kennamu bu’uura seeraa hin qabu jechuudha. Manni murtii idilees dhimma kana akka sababa oliyyannootti ofitti fuudhee keessummeessuu ni danda’a.
Sadaasa 6/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Leenjii Hojii irraa Yeroo Gabaabaa bara 2017 kennuu eegale.

#ILQSOn leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota sadiif turu mata duree #Labsii_Dambii_fi_Qajeelfamoota_Manneen_Murtii_Aadaa_Naannoo_Oromiyaa jedhu irratti kennuu kan eegalee yoo ta'u, qaamoleen leenjicha irratti hirmaatan Jaarsolii Manneen Murtii Aadaa,Itti Gaafatamtoota Waajjiraalee Aadaa fi Tuuriizimii fi Pireezidantoota Manneen Murtii Aanaa magaalota Shaggar,Bishooftuu,Adaamaa fi Aanaalee Godina Shawaa Bahaa irraa ta'uun ibsameera.

Kaayyoon leenjichaa Seeronni,Dambii fi Qajeelfamoonni Manneen Murtii Aadaa akkaataa ittiin hojiirra oolaa jiran irrtti muuxannoo wal jijjiiruun hubannoo waloo dandeettii raawwachiisummaa cimsu horachuuf akka ta'e ibsame.

I/A Daarekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo woyta haasawa baniinssa taasisan akka jedhanitti, "kaayyoon hundeeffama ILQSO Leenjiwwan garaagaraa kennuu,Qorrannoowwan gaggeessuu fi Tajaajila gorsa seeraa kennuudha" jechuun Inistiitiyuutichi hundeeffa Manneen Murtii Aadaa irraa kaasee qorannoowwan garaagaraa gaggeessun kan beekamu ta'uu fi muuxannoo guddaa kan qabu waan taheef hojiirra oolmaa isaa irratti yaadaa fi gaafii hirmaattota bira jiru walitti fiduun hubannoo fi ijjannoo walitti dhiyeenya qabu horachuun gadi buunee hawaasa keenya karaa haqa qabeessaa fi walfakkaataa ta'een akka tajaajilluuf karoorfamee kan kennamaa jiru tahuu ibsuun xiyyeeffannoo fi hirmaannaa hoo'aa ta'een akka hirmaatan dhaamanii jiru.

Dhuma irrattis leenjiin kun iddoowwan garaa garaa irratti itti fufiinsaan kennamuuf kan karoorfame ta'uu ibsanii jiru.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn Barruu Siimpooziyeemii bara 2017 qopheessuf Waamicha Waraqaa Qorannoo #Call_for_Paper) taasise irratti akka hirmaattan isin affeeree jira.
#Seera_Deemsa_Falmii_Yakkaa_Keessatti_Mirga_Ragaa_Abbaa_Alangaa_Ofirraa_Mormachuu_Himatamaa
#Ragaa_Sanadaa_Abbaa_Alangaan_Dhiyaatu_Himatamaan_Yoom_Ofirraa_Mormuu_Qaba_?
Namni yakkaan himatame tokko mirgoota bu’uuraa qabu keessaa mirgi dhagahamuu fi falmachuu isa bu’uuraa yemmuu ta’u kunis mirga waan ittiin himatame yookiin yakka irratti dhiyaate beekuu, ogeessaan gargaaramee deebii kennachuu, ragaa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (the right to challenge prosecution evidence) fi falmii fi ragaa ittisaa dhiyeeffachuu kan haammatuudha.

Mirgoonni kunis akka bu’uuraatti Heera Mootummaa Rippaablika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 20 jalatti beekamtii fi eegumsi ifa ta’e taasifameefii argama. Akkasumas Seera Deemsa Falmii Yakkaa (SDFY) keewwata 124 - 127(1) (dhiyeessa himannaa fi ragaa), keewwata 129 – 132 (dhagaha falmii duraa), keewwata 136 – 141(dhagaha ragaa abbaa alangaa) fi akkasumas seericha keewwata 142 – 143 (dhagaha falmii fi ragaa ittisaa yookiin himatamaa) fi kkf diriirfamuun tumamee jira.

Kana malees, waliigalteewwan mirga namoomaa Idil-Adunyaa biyyi keenya mallatteesite kanneen akka Waadaa Mirga Namoomaa Idil-Addunyaa (Universal Declaration of Human Rights), Kovanantii Mirgoota Siyaasaa fi Dhuunfaa Idil-Addunyaa (ICCPRs) fi kkf keessattis mirgoonni nama yakkaan himatamee kun bal’inaan beekamtii fi eegumsa kan argatan ta’uunis beekamaadha.

Mirga falmii fi ragaa ilaalchisee himatamaadhaaf heerichaan eegamuu fi seerichaan ifatti tumaman kanneen keessaa mirgi himannaa fi ragaa isa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (challenging the charge and evidence against him) dirqama ragaa dhiyeessuu fi himannicha hubachiisuu Abbaa Alangaa waliin kan walqabatu yemmuu ta’u adeemsa falmii mirga kana haala haqa qabeessa ta’een kabajeen Abbaan Alangaa akkaataa himannaatti himatamaan gochaa yakkaa ittiin himatame raawwachuu isaa haala gahaa fi ifa ta’een yoo agarsiise qofa himatamaan ofirraa ittisi jedhamuu akka qabu tumaalee SDFY keewwata 141 fi 142 hiikkoo Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Jiildii 26ffaa galmee lak. 208644 ta’erratti kenne walitti dubbisuun hubachuun ni danda’ama.

Kanaan walqabatee akka adeemsa seeraan tumameetti himatamaan ragaalee Abbaa Alangaa kan namaa fi kan sanadaa akkasumas kan biroos yoo jiraatan beekee ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraan ifatti eega kennameef booda falmii fi ragaan A/Alangaa madaalamuun himatamaan ofirraa haa ittisu yookiin hin ittisiin jedhamuu kan qabu akka ta’e seericha irraa kan hubatamuudha. Gama kanaan ragaa namaa yookiin ijaa ilaalchisee guyyaa dhagaha guutuu akkaataa SDFY keewwata 136 – 139tti gaggeeffamu irratti himatamaan dhiyaatee ragaa Abbaa Alangaa kan ijaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuun ofirraa kan mormu akka ta’e seerichas ta’e qabatamni hoji-maataa jiru kan agarsiisu ta’uun beekamaadha.

Haata’u malee, ragaalee sanadaa fi kan agarsiisaa (exhibit) Abbaan Alangaa dhiyeeffatu ilaalchisee mirgi ofirraa mormachuu himatamaadhaa yoom eegamuufii akka qabu, seeraa fi hoj-maata qabatamaa gidduu garaagarummaan kan jiru ta’uun alattis qabatamni jiruyyuu garaagarummaa qaba. Kunis, himatamaan ragaalee sanadaa irratti dhiyaatan gaafa jecha amantaa ykn waakkii kennu beekee ofirraa mormuu qaba moo, gaafa ragaan ijaa dhagahamu moo eega ofirraa ittisi jedhame boodadha, qabxii jedhu irratti hanqini hubannoo bal’aan kan jiru yemmuu ta’u qabatamni hoji-maataa irra caalu eega ragaan ijaa dhagahamee himatamaan ofirraa akka ittisu jedhame booda akka qaama falmii ittisaa yookiin mirga ittifachuu himatamaatti kan ilaaludha.

Bu’ura hoj-maata olitti ibsameen himatamaan ragaa Abbaa Alangaan isa irratti dhiyaate hunda irratti mirgi dursee beekuun ofirraa mormachuu Heericha keewwata 20(4) fi SDFY keewwata 136(3) jalatti tumamee jiru otuu hin eegaminiif ragaa himatamaan ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraa hin arganneen akkaataa SDFY keewwata 141tiin akka ofirraa ittisu jedhamuun mirga heeraan himatamaaf eegame kan sarbe ta’uun alattis Seera Deemsa Falmii Yakkaa kan hordofee miti.
Kanaaf, akkuma ragaan Abbaa Alangaa kan ijaa dhagahamee xumurameen ragaaleen sanadaa yoo jiraatan himatamaan akka mormu (challenge godhu) ykn beellamaan/ofirraa ittisi yookiin hin ittisiin jedhamuun dura barreeffamaan yaada akka irratti kennatu (galmeen dursee akka walqabsiifatu) taasifamuun ofirraa hin ittisiin yookiin haa ittisuu irratti dhimmichi yaada isaa waliin otuu qoramee mirga heeraan eegame kan kabajchiisuu fi seera deemsa falmiis kan hordofe ta’a.
Sadaasa 13/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n marsaa 2ffaaf Leenjii Hojii irraa Yeroo Gabaabaa Seerota Manneen Murtii Aadaa irratti kennaa jira.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'u, Jaarsolii Manneen Murtii Aadaa irratti hojjatan, I/Gaafatamtoota waajiraalee Aadaa fi Tuuriizimii fi Pireezidantoota Manneen Murtii Aanaalee Godina Arsii fi Sh/Kaabaa kan irratti hirmaatan ta'uun ibsame.

I/A Daarekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo woyta haasawa baniinssa taasisan akka jedhanitti," kaayyoon leenjichaa qaamolee manneen murtii Aadaa irratti dhimmi ilaallatu walitti fiduun rakkoolee hojmaata keessatti isaan rakkise waliin mari'atanii muuxannoo qaban wal jijjiiruun hubannoo walfakkaataa ta'e qabatanii akka hawaasa isaanii karaa haqa qabeessa ta'een tajaajilaniif " jedhame.

Dabalataanis karaa Aadaatiin rakkoolee isaan quunnaman hiikkachuun gara Aadaa ganamaatti deebi'uun cinattis dhimmoonni hedduu manneen murtii Idileetiin furmaata dhaban gara manneen murtii Aadaatiin furamaa jiraachuu Obboo Sulxaan ibsanii jiru.

Leenjichi akka barbaadamutti muuxannoowwan isaan bira jiru kaasuun bal'innaan akka mariin bilchaan taasifamuuf iddo lamatti qoodamee kennamaa jira.