Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Qooda qabeenya abbaa warraa fi haadha warraa ilaalchisee qabxiilee ijoo tokko tokkoo; Seeraa fi hoji-maata.

Bu’aawwan walitti dhufeenye gaa’elaa hordofsiisu keessaa qabeenya waliinii horachuun isa tokko yemmuu ta’u yeroo gaa’illi diigamus bu’aan diiggaan gaa’elaa hordofsiisu keessaa qoodinsi qabeenya waliin isa tokkodha (SMO kwt 78; 96 fi 110). Kanaan walqabatee yeroo gaaffiin hiikkaa gaa’ilaa dhiyaatu iyyanni hiikkaa haala kamiin dhiyaachuu akka qabuu fi M/Murtii qabeenya ilaalchisee haala kamiin qooduu akka qabu irratti qabatamaan hojimaanni adda addaa ni mul’ata.
Gaaffii hiikkaa gaa’elaa fi qooda qabeenyaa ilaalchisee ibsi tarree qabeenyaa yoom M/Murtiitti dhiyaachuu qaba, qabxiin jedhu qabxii ijoo hojimaanni adda addaa irratti mul’atu keessaa isa bu’uraa yemmuu ta’u akka qabatamni hojimaataa agarsiisutti jalqaba iyyannoo hiikkaa gaa’elaa dhiyaatee gaa’elli eega diigame booda ibsa tarree qabeenyaa jedhamee iyyannoon qooda qabeenyaa booda dhiyaachuun beekama. Qabxiin kun seera waliin yemmuu ilaalamu 1ffaa hiikkaa gaa’elaa kan dhiyaatu waliigalteen abbaa warraa fi haadha warraa dhiibudhaan sadarkaa yaachisaa irra waan gaheef akka ta’e tilmaama waliigalaatiin kan beekamudha. Yeroo akkasii haalli guddina daa’immanii fi bulchiinsa qabeenyaa balaa hamaa irratti kan kufu ta’uu hubachuun kan danda’amu waan ta’eef seericha gama kanaan gamanumaan eegumsa barbaachisu gochuu akka yaade SMO kwt, 104 fi 105 (4) jalatti kan tumame irraa ifaan hubatama.
Haala Seericha kwt, 105(4) jalatti tumameen akkuma iyyanni hiikkaa gaa’elaa dhiyaateen M/Murtii haala guddina ijoollee, bulchiinsa qabeenyaa fi haala turmaata abbaa warraa fi haadha warraa irratti battalumatti ajaja barbaachisaa ta’e kennuu akka qabu ifaan tumamee kan jiru yemmuu ta’u M/Murtiis akkaataa tumaa kanaatiin battalatti tarkaanfii/ajaja kennuu kan danda’u ibsi daa’immanii fi tarree qabeenyaa dursee iyyannoo hiikkaa gaa’elaa waliin yoo dhiyaate qofa waan ta’eef iyyannoon hiikkaa gaa’elaa gaaffii hiikkaa oqfa otuu hintaane yoo xinnaate haalota M/Murtichaa ajaja barbaachisu battalatti kennuuf isa dandeessisan guutee dhiyaachuutu irra jira.

Akkaataa kanaan iyyannoon hiikkaa gaa’elaa yeroo dhiyaatu kophaa isaa otuu hintaane yoo xinnaate haala daa’immanii ilaalchisee ijoollee kan qaban ta’uu fi dhiisuu; yoo qabaatan meeqa akka ta’an maqaa, umrii, saala, sadarkaa baruumsaa fi haala fayyaa isaanii fi iddoo jiraatan waliin adda baasee ibsuu kan qabu yoo ta’u, kana malees bulchiinsa qabeenyaa ilaalchiseetis qabeenyi waliinii qaban yoo jiraate maal maal fa’a akka ta’e, eenyu harka akka jiruu fi eessatti akka argamu gosa, bal’inaa fi baay’ina, haala irratti argamuu fi tilmaama isaa, akkasumas keessaayyuu qabeenya hinsochoone yoo ta’e daangaa fi ragaa abbaa qabeenyummaa waliin ibsamee dhiyaachuu qaba.
Egaa iyyannoon hiikkaa gaa’elaa haala olitti ibsame kanaan waa’ee daa’immanii fi qabeenya waliinii wantoota barbaachisan ifa gochuun guutee yoo dhiyaate Manni murtii akkuma iyyannichi dhiyaateen battalumatti ajaja dhoorkaa fi ugguraa barbaachisaa ta’e akkaataa SMO kwt, 105(4)tiin kennuun qabeenya waljalaa milqisuu, balleessuu, mancaasuu fi dabarsuu irraa baraaruu kan danda’u ta.a. Tarii gaa’elichi yaalii araaraatiin diiggaa irraa kan oole yoo ta’e /araarri yoo milkaa’e/ qabeenyi dhoorkii fi uggurri kenname ka’uun qabeenyi mancaatii tokko malee fi mirgi garee lamaanuu otuu hin miidhamin seeraan kabajamee bakka deebi’uu danda’a waan ta’eef hojimaanni qabatamaan jiru gama kanaan sirraa’uu kan qabu ta’ee mul’ata.
Guyyaa 22/02/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Leenjifamtoota leenjii hojii duraa marsaa 18ffaa 199 simatee Leenjisuu eegalee jira.
#ILQSOn guyyaa har'aa leenjifamtoota LHD bara kana simateef kaayyoo Inistiitiyuutichaa fi hojiiwwan hanga ammaatti gama Inistiitiyuutichaatiin hojjatamaa jiru leenjifamtootaf ibsee jira.
Sagantaa simannaa fi Oranteeshinii Leenjifamtootaf kenname irratti qabiyyeewwaan yeroo turtii waggaa tokko keessatti leenji'anii fi naamusa Leenjifamtoota irraa barbaadamu, mirgaa fi dirqama isaan qaban irratti B.B. Daayrekteera Daayrektoreetii kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa seeraa Obboo Shaambal Hordofaa bal'inaan leenjifamtootaaf ibsanii jiru. Leenjifamtoonnis simannaa Inistiitiyuutichi taasiseef galateeffachuun gaaffilee fi yaadota adda addaa keessattu rakkoolee yeroo ammaa qaala'iinsa jireenyaa wajjiin walqabatee jiru akkasumas gama tajaajila intarneetii fi mana kitaabaatiin jirus akka sirratuuf kaasanii jiru.

I/A Daarekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo Leenjifamtoota baga nagaan gara ILQSO dhuftan jechuun erga simatanii booda, kaayyoon ILQSO ogeessota seeraa gahuumsaa fi naamusa ol'aanaa qaban horachuun sirna haqaa naannichaatti makuu ta'uu ibsuun, naamusa isaanirraa eegamu guutuun ogummaa barbaachisu gonfatanii uummata keenya haqaan akka tajaajilan gamanumaan naamusa Inistiitiyuutichi irraa eegu keessa darbuu akka qaban dhaamsa dabarsanii jiru. Dabalataanis obboo Sulxaan, gaafilee leenjifamtoota biraa ka'an deebisuun rakkoolee har'a isin quunnamu obsaan nama keessa darbetu naamusa ogummichaas horatee boru ogummaa kanaan hawaasa keenya tajaajila waan ta'eef obsii fi namusni leenjifamtoota irraa eegamu gahee ol'aanaa qaba jechuun dhaamanii jiru.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa fi karoora Tiraanisfoormeeshinii Kenna Tajaajilaa irratti marii gaggeesse.

Gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2017 dhiyaate keessatti hojiilen akka Inistiitiyuutichaatti hojjatamuuf karoorfaman akkaatama karoorfamaniin kan raawwatamaa jiran ta'us hanqinaaleen tokko tokko jiraachuun gabaasicha keessatti dhiyaatee jira.

Gama biraatiin karoora tiraanisfoormeeshinii kenna tajaajilaa irratti hubannoo waloo uumuuf akka toluuf leenjiin gabaabaan kan kenname yoo ta'u, kenna tajaajilaa si'ataa, qulqulluu fi itti fufiinsa qabu kennuuf karooraan hoogganamuun barbaachisa ta'uun ibsame.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo hojiiwwan bara kana hojjatamuuf karoorfaman milkeessuf hanqinoota jiran duguugnee qindoominaan irratti hojjachuun kan hunda keennarraa eegamu ta'uu ibsuun, of kenninee ariitiin hojjachuun barbaachisaadha jedhan.

Dhuma irrattis yaadaa fi gaaffiwwan gabaasa dhiyaate fi karoora tiraanisfoormeeshinii kenna tajaajilaa ilaalchisee ka'an irratti deebii erga kennanii booda kurmaana itti aanutti hundi keenya qindoominaan hojjachuun karoora keenya milkeessuu qabna jechuun dhaamanii jiru.
Guyyaa 27/02/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n LeenjifamtootaLeenjii Hojii Duraa (LHD) marsaa 18ffaatiif mata duree leenjii "Heera Mootummaa fi Gahee Qaamolee Haqaa" jadhu irratti leenjisaa ture xumuruun qormaata madaallii itti fufiinsaa keenna jira.

Kaayyoon leenjii mata duree kanaa, leenjifamtoonni wayita leenjii kana xumuranii qaamole haqaa naannichaatti makaman heera fi seera biyyaa wal siimsiisuun hojii irra oolchuun fayyadamummaa hawaasa haqa barbaaduu mirkaneessuf akka ta'e ibsamee jira.