Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Hordoftoota keenya, Qorannoo ”Ittisaa fi Too’annoo Yakkoota Namootaan Daldaluu fi Namoota Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu: Seeraa fi Qabatama Naannoo Oromiyaa”jedhuu irratti argannoowwan qorannichaa kutaa 1ffaa jalatti maxxansa kana duraatiin isiniif dhiyeessun keenya ni yaadatama.
#kutaa_2ffaa_Yaadotni_furmaataa_ gabaabinaan Qorataa 2ffaa Obboo #Umar_Fiixoo akka armaan gadiiti dhiyeessanii jiru:

#1. Rakkoo_Hubannoon_ Walqabatu_ Furuudhaaf
Hojimaata irratti qorannoo yakkaa irraa calqabee hanga murtiin kennamutti hanqinni hubannoo seeraa ogeessota bira waan jiruuf leenjiin cimsuun akkuma jirutti dhimmichi hawaasa keessattis kan hidda gadi fageeffate waan ta’eef, hawaasa bal’aafis hubannoo kennuun barbaachisaa dha. Walumaagalatti:

a. ILQSOn Labsii Lak.1178/2020 irratti leenjii seeraa ogeessota qaamolee haqaatiif kennamu cimsaa deemuun barbaachisaadha.

b. Hubannoo hawaasaa dabaluun walqabatee, miidiyaaleen mootummaa Naannoo Oromiyaa kan akka Televizsiinii fi Raadiyoo, kana irratti karoorfatanii bal’inaan hojjechuun barbaachisaa waan ta’eef, Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa miidiyaaleen kun xiyyeeffannoo ol’aanaa kennanii akka irratti hojjatan qajeelfamaa fi kallattii hojii kaa’uun barbaachisaa dha.

c. Hojii hubannoo uumuu kanas Biiroon Hojjetaa fi Hawaasumaa fi Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa hojiin isaa inni guddaa miidhaa yakkootaa kana uummataaf hubannoo uumuu dha waan ta’eef kana irratti cimanii hojjachuu qabu.

d. Biiroon Barnoota Oromiyaa kaarikulamii barnootaa keessatti dhimma yakkoota namaan daldaluu fi karaa seeraan alaatiin daangaa ceesisuu hammachiisuun sammuu daa’immanii fi dargaggootaa irratti sadarkaa gadiirraa jalqabee hojjechuun hubannoo isaanii gabbisuun dallaaltotaan sobamanii akka miidhaan isaan irra hin geenye taasisuu dha.

#2. Rakkoo_ Qindoominaan_ Walqabatee_ Jiru_ Furuudhaaf
 Yakkootni namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu yakkoota gurmaayuun daangaa ceeyan (transnational organized crime) waan ta’anii ittisaa fi to’annoon isaanii qindoomina cimaa gaafata. Biyyoota ambaa waliinis ta’e asuma biyya keessatti mootummaa federaalaa fi naannoo,
mootummoolee naannoolee giddutti akkasumas mootummaa naannoo tokkoo keessatti qindoomina seektaraalee adda addaa kan barbaaduu dha. Sirna mootummaaleen kunniin qindoomanii itti hojjetan irratti akkataa Labsii Lak.1231/2021, Labsii Sirna Hariiroo Mootummaa Gidduutti taasifamuun ta’uu mala. Bu’uura Labsii kana kwt.3(2) fi kwt.6 tiin akkaataa barbaachisummaa isaatti seekteraalee qindoominni waliin barbaachisu gara oliittis ta’e dalgeen qindoomanii hojjechuun murteessaa waan ta’eef, Mootummaaan Naannoo Oromiyaa qindoomina kana keessatti gahee isa irraa eeggamu taphachuun barbaachisaa dha.

 Hanqina qindoominaa seektaraalee tumsa gamtaa naannoolee keessatti mul’atuun walqabatee, Wixineen Dambii Mana Maree fi Tumsa Gamtaa Ittisaa fi To’annoo Yakka Namaan Daldaluu fi Seeraan Alaa Daangaa Ceesisuu Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Qophaa’e, Dambii Lak-----/2015 manneen hojii mootumaa fi miti mootummaa garaagaraatiif gahee hojii kan kennee fi qindoominaan dhimma yakkoota namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu irratti akka waliin hojjatan kan dirqamsiisuu waan ta’eef, Manni Maree Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa dambicha raggaasisuu akka qabu yaadni furmaataa qorannichaan dhiyaatee ture, yeroo amma dambichi raggaasifamee jira waan ta’eef kana hojitti hiikuun barbaachisaa dha.

#3. Rakkoo_ Qulqullina_ Qorannoo_ Yakkootaatiin_ Walqabatu _Furuudhaaf
 Ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneenii keessatti gufuu kan ta’e keessa tokko hanqina qorannoo yakkoota kanneeniin walqabatuu dha. Qorannoon yakkoota kanneenii sadarkaa federaalaattis ta’ee sadarkaa naannooleetti teeknooloojii hammayyaa fi loogistiksii gahaan kan deeggaramee miti waan ta’eef, gama mootummaatiin teeknoolojiiwwan qorannoo hammayyaa hundeessuu feesisa. Kanas mootummaan federalaa loojistiksii fi meeshaale teeknoloojii qorannoo dhimmichaaf barbaachisu qaama qoratu (keessattuu naannolee) deeggaruun barbaachisaadha.