Oromia Legal Training and Research Institute
7.79K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Hojiilee ijoo hojjachaa jiru hawaasa bal'aa biraan gahuuf Raadiyoo OBN irratti ergaa gabaabaa dabarfachaa jira. Ergaan gabaabaan kun kan darbu guyyaatti si'a tokko Oduu galgalaa Sa'aatii 1:00n booda yoo ta'u, akkaataa waliigaltee Dhaabbaticha wajjiin taasisneen hanga gaafa guyyaa 16/11/2016 qilleensarra kan turu ta'a.
Dabalataan sagalee ergaa gabaabaa daqiiqaa 1(tokkoo) kana Teeleegiraamii keenya www.t.me/ILQSO1 irra isinii keennee jirra.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 4ffaa Gaggeesse.

Gabaasa raawwii hojii bara 2016 dhiyaate kana keessatti hojiileen akka Inistiitiyuutichaatti hojjatamuuf karoorfaman akkaatama karoorfamaniin kan raawwataman ta'uun gabaasicha keessatti dhiyaatee jira. Daayrekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Dobee Dhaabaa hojiiwwan bara kana hojjatamuuf karoorfaman milkaa'inaan kan xumuraman ta'uu ibsuun, hojii kana milkeessuu keessatti hojjattootni hundi gahee isaanii waan bahaniif galateeffatanii jiru.

Dhuma irrattis yaadaa fi gaaffiwwan gabaasa dhiyaate ilaalchisee ka'an irratti deebii erga kennanii booda bara hojii 2017f haala kanaa olitti hojiilee karoorfanne akka raawwannuuf waliigalteen waldeeggaranii hojjachuun barbaachisaadha jechuun dhaamanii jiru.
Hojiiwwan Gurguddoo ILQSOn Hojjachaa jiru

ILQSOn Mul’ata Bara2022tti hojii leenjii , qorannoo fi gorsa seeraatiin giddugala gahuumsa ogummaa seeraa ta’uudhaan akka biyyaatti beekamaa , akka Baha Afrikaatti dorgomaa fi sadarkaa ardii afrikaatti beekamaa ta’uudha jedhu qabatee, Leenjii Hojiin duraa fi hojiirraa mala leenjii hammayyaawaa fayyadamuun kennuun qaamolee haqaa ogeessota gahuumsaa fi naamusa ogummaa ol’aanaa qabaniin guutuu, Qorannoo fi qo’annoo seeraa rakkoo hiikuu danda’u, mala qorannoo seeraa fi kanneen biro fayyadamuun gaggeessuun akkasumas tajaajila gorsa seeraa fedhii irratti hundaa’e kennuun itti fufiinsaan fooyya’iinsa sirna haqaa fi seera naannichaatiif gumaacha ol’aanaa taasisaa turee jira. Ammas taasisaa jira.
Bara hundeeffama isaa 1999 irraa kaasee hanga ammaatti leenjii idilee hojiin duraatiin leenjifamtoota marsaa 16ffaa/bara kanaa/ dabalatee ogeessota seeraa 4,045 gahoomsuun eebbisiisee sirna haqaa naannichaatti akka makaman taasisee jira.
Leenjii Hojii irraa Yeroo Dheeraa ilaalchiisee bara 2002-2016 Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa lakkoofsaan 2,568 ta’an gahumsa isaanii mirkaneessuun gara hojii isaaniitti akka deebi’an taasise jira. Leenjii Hojii Irraa Yeroo Gabaabaa guyyaa 3-5 tti turu fedhii adda baasuun waggaa waggaan kennamu ilaalchisee bara 1999-2016 ogeessoota seeraa baay’inni isaanii 57,942 ta’aniif leenjin kennamee jira.
Gama Hojii Qorannoo fi Qo’annootiin Rakkoowwan mul’atan sakatta’uun mata-dureewwan qorannoo adda adda irratti qaamolee dhimma ilaallatuu hirmaachiisuun gaggessaa ture jira. Mata dureewwan 4 bara 2016 gaggeeffame dabalatee dhimmootaa 85 irratti qorannoowwan gaggeessuun bu’aa isaa woorki shooppiif dhiheessuun, qaamolee hojiirra oolchaniif bu’a qoranniichaa dhaqqabsiisee jira. Hojiirra oolmaa qoranichaas qoratee bu’a isaas qooda fudhattootaaf dhiyeesse jira. Akkasumas barabaraan Siimpooziyeemii kan gaggeessu yoota’u, bara kanas mata duree “Ce’uumsa Haqa Itoophiyaa:Nageenya waaraa fi haqa Mirkaneessuu’’ jedhu irratti siimpooziyeemii gaggeessee jira.
Joornaalii Seeraa Oromiyaa Ilaalchiisee:- Joornaaliin keenya bara 2004 kaasee waggatti marsaa tokko barruulee caalaluun maxxansisuu itti fufiinsaan hojjetamuun hanga bara 2016tti jiildii 13ffaa xumuramee maxxanfamee jira.
Gama Tajaajila Gorsa seeraatin bara 1999 hanga 2016tti dhimmoota gorsa Raadiyoon kennamaa turan dabalatee dhimmoota 117 irratti qaamolee garaagaraatiif tajaajila gorsa seeraa adda addaa kennee jira.
ILQSOn haala addaatiin wagga darbee galmee jechoota Seeraa Afaan Oromoo hojjate xumuruun fayyadamtoota biraan kan gahee yoo ta’u, bara kana immo haala salphaatiin fayyadamtoota akka qaqqabu Android application tti jijjiramee jira.
ILQSOn hojiiwwan Leenjii fi kenna tajaajila adda addaa hammayyeessuuf mana kitaabaa ammayyaa fi Kaafteeriyaa sadarkaa isaa eeggate birrii mil 261 olin ijaarsisaa jira.