Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Hojiileen Gurguddoon Hojjachaa jiru;
Leenjii Idilee Hojiin duraa , Leenjii Hojiirraa Yeroo Dheraa, Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa, Qorannoo fi Qo'annoo Gaggeessuu, Joornaalii Seeraa Maxxansiisuu fi Tajaajila Gorsa Seeraa kennuudha.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Gargaartota Abbaa Alangaa 100 simatee Leenjisuu eegalee jira.
Sagantaa Oranteeshinii Leenjifamtoota LHD Marsaa Addaa 3ffaa kenname irratti qabiyyeewwaan yeroo turtii ji'a 4 keessatti leenji'anii fi naamusa Leenjifamtoota irraa barbaadamu irratti B.B. Daayrektoreetii kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa seeraa Obboo Shaambal Hordofaa bal'inaan leenjifamtootaaf ibsanii jiru. Leenjifamtoonnis simannaa Inistiitiyuutichi taasisee fi Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa sagantaa Oranteeshinii irratti argamuu galateeffachuun gaaffilee fi yaadota adda addaa kaasanii jiru.
Daarekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Dobee Dhaabaa akka jedhanitti, kaayyoon ILQSO ogeessota seeraa gahuumsaa fi naamusa ol'aanaa qaban horachuun sirna haqaa naannichaatti makuu ta'uu ibsuun, naamusa isaanirraa eegamu guutuun ogummaa barbaachisu gonfatanii uummata keenya haqaan akka tajaajilan dhaamsa dabarsanii jiru.
I/Aanaan Hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obboo Kumasaa Araarsaa gaafilee leenjifamtoonni kaasan deebisuun , Uummata keenya haqaan tajaajiluu fi ogeessota seeraa haqaan gahee isaanii bahuun rakkoolee gama kanaan jiran furan tahuuf leenjii ILQSOn kennu kana ulaagaa guutuun keessa darbuun barbaachisaa waan taheef naamusaan keessa darbuu qabdu jechuun leenjifamtootaaf dhaamanii jiru.