Waxabajjii 22/2016
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa worki Shooppii Dhiyeessa Qorannoowwan bara 2016 fi Eebba Appilikeeshinii Galmee Jechoota Seeraa gaggeesse.
ILQSOn Qorannoowwan bara kana gaggeessaa ture 4 irratti armaan dura yaada galtee qorannicha gabbisuu danda'u abbootii hirtaa irraa sassaabachaa turee jira.
Gama biraatiin Inistiitiyuutichi guyyaa har'aa Appilikeeshinii Galmee Jechoota Seeraa ( Afaan Oromoo_ English) eebbisiisee jira.
Daarekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Dobee Dhaabaa, keessummoota saganticha irratti argamaniif "Baga nagayaan dhuftan!" jechuu erga simatanii booda," ILQSOn Ogeessota seeraa gahuumsa, dandeettii, naamusaa fi miira tajaajiltummaa qaban baay'innaa fi qulqullinnaan horachuuf hojmaata fi sirna haqaa naannichaa irratti qorannoo gaggeessuun fooyyessuuf kan hundaa'e" ta'uu ibsuun, bara hundeeffama isaa irraa kaasee ogeessota seeraa hedduu sagantaa leenjii adda addaatiin gahoomsee kan jiruu fi ammas leenjisaa kan jiru ta'uu ibsanii jiru. Dabalataanis Obboo Dobeen, Hojiiwwan ILQSOn hojjatu heedduun akkuma jirutti ta'ee, bara kana immoo Galmeen Jechoota Seeraa kan bara darbe maxxanfamee ture, gara Appilikeeshiniitti waan jijjiirameef qaamolee hojii kana milkeessuu keessatti hirmaatan galateeffachuun, qorannoowwan barreeffamaan dhiyaatan kana dhaqqabamaa taasisuuf gara Joornaalitti jijjiiramee maxxansuun abbootii hirtaa biraan kan gahamu ta'uus ibsanii jiru.
Appilikeeshinii Galmee Jechoota seeraa ilaachisee barreeffama gabaabaa kan dhiyeessan Dr. Fedhaa Naggasaa barsiisaa Yuunivarsiitii Finfinee yoo ta'an, ibsa dhiyaate irratti hundaa'uun gaaffilee fi yaadni bal'aan hojicha jajjabeessan ka'anii jiru.
Hoogganaa Waajjira Qindeessaa sagantaa Fooyya'iinsa sirna Haqaa Oromiyaa obboo Shimallis Simee hirmaattota qophii Appilikeeshinichaa keessatti qooda fudhatan galateeffachuun ammas rakoolee gama kanaan jiran hiikuu keessatti hojii jalqabame kana irra dhaabbachuun gara fuula duraatti fooyyessuuf xiyyeeffannaan kan hojjatamu ta'uu ibsanii jiru.
Dhuma irrattis qorannoowwan dhiyaatan irratti yaada ijaarsaa qorannicha gabbisu hirmaattota irraa sassaabamuun sagantichi goolabameera.

Hojjattoonni ILQSO Paarkii Tokkummaa waajjira Muummee Ministeeraatti argamu Daawwatan.
Hojjattoonni Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) xumura bara hojii 2016 sababeeffachuun guyyaa har'aa daawwanna taasanii jiru. Hojjattoonni ILQSO daawwannaa taasisan kanaan hojiiwwaan seena qabeessaa fi ajaa'ibsiisaa hojjataman bal'innaan daawwatanii jiru.