#Leenjii Hojjattoota Eegumsaa ILQSO
Leenjiin hojjattoota eegumsaa InistitiyuutiI Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiif guyyoota 10f kennamaa ture xumuramee jira. Leenjiin kun leenjii gahumsa ogummaa fi naamusaa dareetti kennamu, shaakala dirree jabeenya qaamaa fi shaakala itti fayyadamaa fi dhukaasa meeshaa waraanaa kan of keessaa qabuudha. Dhumarrattis leenjifamtootaaf qormaanni barreeffamaa fi shaakalaa kennameefii madaalamanii jiru. Leenjifamtoota qabxii olaanaa fidaniifis waraqaan ragaa fi beekkamtiin kennemee jira. Sagantaa xumura leenjii kanarratti Daayirektarri Olaanaan ILQSO Obbo Doobee Dhaabaa leenjifamtootni hubannoo fi gahumsa horatan hojiirra oolchuu qabu jedhaniiru.

#ILQSO, Sadaasa 12, Bara 2016
Leenjii Moosaajii Qabeenya Galmeessuu
Hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa haala Qabeenya beeksisuu fi galmeessisuu irratti, akkasumas haala qabeenyi karaa teknolojiitiin moosajiidhaan itti galmaa'uu fi beeksifamu irratti Magaalaa #Adaamaatti leenjii fudhachaa jiru.