Oromia Legal Training and Research Institute
7.8K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
23 links
Download Telegram
#Waxabajjii 26, Bara 2014,#lLQSO
#Eebbifamtootni Baranaa Baga Gammaddan!!!
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa eebbifamtoota ogummaa seeraatiin bara kana Yunivarsiitii adda addaa irraa eebbifamtan hundi baga gammaddan jedha. Inistitiyuutichi Sagantaa Leenjii hojiin duraatiin ogeessota Seeraa simatee leenjisuuf karoorfatee hojjachaa jira. Sagantichi yoom akka jalqabu gama keessaatiin namootni heddu nugaafachaa turuun keessan ni yaadatama. Sagantaan kun kan eegalamu Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiin beeksifni bahee calalliin leenjifamtootaa gaggeeffamee gama Inistitiyuutii keenyaa yemmu ergan ta'a. Gumiin Inistitiyuutii keenyaas calalliin leenjifamtootaa dhiyeenyatti akka eegalamu kallattii kaa'ee jira. Kanaafuu beeksisni yoo bahu hordofuun akka dorgomtan jenna.
#Waxabajjii 28, Bara 2014, #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa har'aa qorannoowwan gaggeessaa ture lama Workishoppiif ni dhiyeessa. Qorannoowwan guyyaa har'aa Workishoppiif dhiyaatan kunis Sakatta'iinsa Hojiirra Oolmaa Seerota Liizii: Haala Qabatamaa Naannoo Oromiyaa fi Haala Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Mala Filannoo Waldhabdee Hiiktuu Birootiin Itti Hiikuu: Seeraa fi Qabatama kan jedhaniidha. Bal'ina isaa jala buunee isiniif ibsina.
Qorannoowwan dhiyaatan irratti mariin hirmaattota workishoppichaatiin gaggeeffamaa jira.
#Iid Mubarak!!!
Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Marti Baga Ayyaana Arafaa Waggaa 1443ffaaf Nagaan Geessan! Ayyaana gammachuu fi milkii isiniif haa ta'u!
#Happy Eid al-Adha!