ILQSO
3.8K subscribers
2.22K photos
246 files
6 links
Download Telegram
Hubannoof
#lLQSO, (Gurraandhala 8, 2014) Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa Labsiin Yeroo Muddamaa Lakk.1264/2014 akka kaafamu murteessee jira.
#Waxabajjii 26, Bara 2014,#lLQSO
#Eebbifamtootni Baranaa Baga Gammaddan!!!
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa eebbifamtoota ogummaa seeraatiin bara kana Yunivarsiitii adda addaa irraa eebbifamtan hundi baga gammaddan jedha. Inistitiyuutichi Sagantaa Leenjii hojiin duraatiin ogeessota Seeraa simatee leenjisuuf karoorfatee hojjachaa jira. Sagantichi yoom akka jalqabu gama keessaatiin namootni heddu nugaafachaa turuun keessan ni yaadatama. Sagantaan kun kan eegalamu Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiin beeksifni bahee calalliin leenjifamtootaa gaggeeffamee gama Inistitiyuutii keenyaa yemmu ergan ta'a. Gumiin Inistitiyuutii keenyaas calalliin leenjifamtootaa dhiyeenyatti akka eegalamu kallattii kaa'ee jira. Kanaafuu beeksisni yoo bahu hordofuun akka dorgomtan jenna.