Oromia Legal Training and Research Institute
7.79K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Caamsaa 1, Bara 2014, #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Waliigaltee Ijaarsaa Mootummaa: Rakkoowwan Qabatamaan mul'atan" jedhu irratti Abbootii Alangaatiif magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
Caamsaa 3, Bara 2014, #ILQSO
Gumiin ILQSO haala raawwii hojii leenjii fi qorannoo irratti hoggantoota, leenjistootaa fi qorattoota Instiitiyuutichaa waliin mari'ateera.
#Caamsaa 4, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa moosaajii/softweerii/ Sirna Bulchiinsaa Odeeffannoo leenjifamtootaa/Trainees Information Management System/ irratti hoggantoota, leenjistoota, hojjattoota dhimma leenjii fi garee TQOtiif magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Moosaajiin kun walta'iinsa ILQSO fi Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknolojii Adaamaatiin kan misoome yoo ta'u qabiinsa ragaa fi odeeffannoo leenjifamtootaa gara waraqaa maleessaatti kan jijjiiruu fi hammayyaa'aa kan taasisu ta'uun hubatameera.