Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Beeksisa Jijjiirraa Iddoo Leenjii
Abbootii Alangaa Godinaa fi Aanaa Waamichi Leenjii isiniif taasifame hundaaf
Leenjiin mata duree "yakkoota namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesisuu" jedhu irratti magaalaa Bishooftuutti gaafa 17-19/06/2014 tti kennamuuf karoorfame sababa haqina iddoo Leenjiitiin gara Magaalaa Adaamaatti waan jijjiirameef kanuma beektanii magaalaa Adaamaa galma ILQSO tti argamuun leenjicha akka fudhattan gaafanna.
#Gurraandhala 16, Bara 2014 #ILQSO
Leenjiin hawaasa Inistiitiyuutichaaf kennamu itti fufee guyyaa har'aa mata duree "Aadaa mana hojii gaarii ijaaruu" jedhu irratti kennamee jira. Leenjichi ogeessa Biiroo Paablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya namaa irraa dhufeen kan kenname yemmuu ta'u ILQSO'n aadaa mana hojii gaarii ijaaruu, hojiiwwan hojjatu hunda Sona/duudhaalee isaa waliin walitti hidhuun hojjachuun fakkeenyummaa qabaachuu qaba jedhameera. Dabalataanis, karoora tiraansfoormeeshinii Kenna tajaajilaa akka ILQSOtti qophaa'e irratti mariin bal'aan taasifamee kallattiin hojii kennamee jira.
#Gurraandhala 17 Bara 2014 #ILQSO
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Yakkoota Namaan Daldaluu fi Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu" jedhu irratti Abbootii Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatiif Magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.