Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#ILQSO, Gurraandhala 4, Bara 2014
Hawaasni Inistitiyuutii keenyaa guyyaa har'aa duula hojii magariisummaa, qulqullinaa fi kunuunsa biqiltuu irratti tola ooltummaan hirmaachaa jiru.
Hojiin tolaan tajaajiluu fi naannoo hojii hawwataa taasisuu kun duudhaa Inistitiyuutii keenyaa ta'ee idileedhaan yeroo hundaa guyyaa jimaataa kan raawwatamu ta'a.
#ILQSO, #Gurraandhala 4, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa waliin atoomuudhaan Seeraa deemsa falmii hariiroo hawaasaa dhimmoota ijoo falmiin walqabatan irratti dubbi fixxoota manneen hojii adda addaa keessatti hojjataniif magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira.
#ILQSO, #Gurraandhala 7, Bara 2014 #Shaashamannee
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Seeraa deemsa falmii hariiroo hawaasaa dhimmoota makamiinsa Garee 3ffaa, giddulixxummaa fi Dhaaltummaa Mirkaneessuu keessatti gahee Mana Murtii jedhan irratti Abbootii Murtii Manneen Murtii Aanaatiif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii kennaa jira. Kaayyoon leenjichaa Abbootiin Murtii dhimmoota ijoo kanneen irratti hubannoo walfakkaataa fi gahaa qabaatanii murtii tilmaamawaa fi haqa qabeessa ta'e kennuu akka danda'an taasisuudha jedhameera. Leenjichi guyyoota afuriif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.