Caamsaa 14/2017
#Kutaa_15ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa 15ffaatin mata duree "Akkaataa Kaffaltii Gibira Lafa Baadiyaa " jedhu qabannee dhiyaannee jirra.
Akkaataan kaffaltii Gibira Lafa baadiyaa labsii mataa isaa danda'e qaba. Labsii kana keessatti akkaataan kaffaltii gibiraa qonnaan bulaa irraa ittiin sassaabbamu, Hektaaratti hangam akka kaffalamuu qabu, Gibirri hanga yoomitti akka kaffalamuu fi mirgaa fi dirqama qonnaan bulaas bal'innaan kaahee jira.
Gama biraatiin immoo gibirri kan kaffalamu gosa omishaa qonnaan bulaan lafa sanarraa omishuun akka tahe ibsu.
Mata duree Itti fayyadama Lafa Baadiyaa fi kaffaltii Gibira lafa Baadiyaa kana irratti ibsa bal'aa kan kennan
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti, Qorataa seeraa #Obbo_Waaqgaarii_Dullumee ti.
Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.

Caamsaa 15/2017
Hordoftoota keenna, kun Qophii Keenna "Seerri Maal Jedha"? Jedhu Ogeessota Seeraa(Leenjistootaa fi QorattootaSeeraa) Inistiitiyuutichaatin qophaa'uun isin bira gahuudha. Qophii Keenna Har'aatiin Abbaa Seeraa MMO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO Obbo Jaaraa Bariisoo mata duree kana irratti qabannee dhiyaannee jirra.
Biqiltuu dhaabbataa, manaa fi ijaarsota lafa baadiyaa irratti horataman gurguruun ni danda’amaa?
Mirgoota Diimookiraasii lammiileen Itoophiyaa bu’uura heera mootummaatiin gonfatan keessa tokko mirga qabeenyaa (right to property) ti. Kunis bu’uura heera mootummaa kwt 40(1)tiin lammiileen Itoophiyaa mirga abbaa qabeenyummaa dhuunfaa kan qabanii fi mirgi kunis mirga qabeenya horachuu, fayyadamuu fi dabarsuu kan hammatuudha. Sadarkaa Heera Mootummaatti, daangaawwan mirga abbaa qabeenyummaa dhuunfaa jiran sababa dantaa uummataaf mootummaan fudhachuu danda’uu fi qabeenyicha dabarsuun mirga lammiilee biroo miidhuu dhabuudha.
Dabalataanis, heeriichi kwt 40(2) jalatti hiikkoo gaalee… qabeenya dhuunfaa.. jedhuuf yeroo kennu…. wanta gati-qabeessaa fi humna, kalaqaa fi kappitaalaa dhuunfaa lammiileen argame…jechuun lafaa fi qabeenya uumamaan argaman biroo qabeenya dhuunfaa lammiilee ta’uu akka hin dandeenye tumee jira.
Yaada kana caalaatti ifa gochuuf Heeriichi kwt 40(3) jalatti mirgi abbummaa (ownership right) lafa baadiyyaa fi magaalaa akkasumas qabeenya uumamaa kan handhuuraa mootummaa fi ummata Itoophiyaa ta’uufi lafti addatti qabeenya hin gurguramne ykn qabeenya biraatiin kan hin jijjiiramne ta’uu xiyyeeffannoo addaatiin tumee jira.
Kana malees, Heerichi kwt 40(4) fi (5) jalatti qonnaan bulaan, horsiisee bulaa ykn gamisa-horsiisee bulaan mirga lafa tolaan argachuu fi mirga lafa argatan irraa seeraan ala buqqa’uu dhabuu kan qabaniifi haalli argannaa fi buqqa’uu dhabuu isaanii seerota tarreeffamaan bahuu akka qabus qaama seera baasu aangeessee jira.
Qaamni seera baasus bu’uura tumaalee heeraa kanneen sadarkaa mootummaa federaalaa fi mootummoota naannooleetti yeroo adda addaa seerota bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa baasuun hojiirra oolchaa turee jira.
Qaamni seera baasaanis seerota hanga ammaatti baasaa ture keessatti tumaalee haala dabarsa biqiltuu dhaabbataa lafa baadiyaa keessatti horatame ilaalchisee, tumaa Heera Mootummaa kwt 40(3)n walsimsiisuuf, hundeedhaan akka hin gurguramne daangeessuun oomisha biqiltoota akkasii haala akkamii keessatti gurgurachuun akka danda’amu hayyamuun kaa’uuf yaalamaa turee jira.
Labsiin Bulchiinsaafi Itti-fayyadama Lafa Baadiyaa Oromiyaa Lakk. 248/2023 kwt 9(1)(i), 9(2) fi 9(13) jalatti biqiltuu dhaabbataa, manaa fi ijaarsota lafa baadiyaa irratti horataman gurguruun dhorkaa akka ta’e ifaan tumee jira.
Gama biraatiin, Labsiin Bulchiinsaafi Itti-fayyadama Lafa Baadiyaa Federaalaa Lakk.1324/2024 kwt 17(1) fi (2) jalatti hundee biqiltuu dhaabbataa, manaa fi ijaarsota lafa baadiyaa keessatti horatame lafuma waliin gurguruu ykn haala biraan dabarsuun akka danda’amu hayyamee jira.
Tumaan labsichaa kun tumaa heera mootummaa federaalaa kwt 40(1)n wal hin faalleessuu? Waliigalteen bittaa-gurgurtaa qabeenya akkasii irratti raawwatame, akka ragaa argannaa lafaafi qabeenya laficha irra jiru agarsiisuutti yoo dhiyaate, manneen murtii naannoo keenyaa biratti fudhatama qabaachuu ni danda’aa?
Gaaffilee kanneen irratti yaada qabdan “comment” jalatti barreessaa.
Gaaffilee kana irratti yaada gama barreessaatiin jiru, yeroo biraa qabannee deebina.

Caamsaa 16/2017
Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo seeraa Oromiyaa bara 1999 erga hundeeffamee eegalee hojiilee gurguddoo Riifoormiiwwan qaamolee haqaa naannichaa gama maraan galmaan gahan hojjechaa jira.Hojiilee gurguddoon Riifoormiiwwan qaamolee haqaa naannichaa utubaa jiran kunis
1. Leenjii: Ogeessota seeraa naannichaa gahoomsuuf leenjiiwwan yeroo gabaabaa fi dheeraa kennuun, muuxannoo waljijjiirraa uumuu fi hubannoo seerota haaraa irratti babal’isuun qaawwaa hojirra oolmaa seeraa cimsuu irratti mul'atu akka dhiphaatu gochuun walfakkeenyummaan murtiilee kennamanii akka dabaluuf hojjachaa jira.
2. Qorannoo: Qorannoowwan seeraa garaagaraa geggeessuun, qaawwaa seerotaa adda baasuun, seerota fooyyessuuf gumaacha taasisaa jira. Kana malees, sirna seeraa bu’uura qorannoo fi qo’annoon deeggaru diriirsuu irratti shoora guddaa taphataa jira.
3. Tajaajila Gorsa Seeraa: Qaamolee mootummaa, hawaasa bal’aa fi dhaabbilee miti-mootummaa gorsuun, rakkoolee seeraa furuuf deeggarsa bal’aa kennuu irratti argama.
Hojiiwwan Gaggeeffamaa Jiran:
Gama Qorannoo Seeraa fi haqaan hojiilee gurguddoo hojjechaa jiru irratti dabalataan hojii Joornaalii seeraa beekamtii qabu: Beekumsi qorannoo seeraa akka gara hawaasa addunyaa ce'u taasifachuuf, Oromia Law Journal jedhu bifa joornaalii seeraan sirnaan qophaa’e marsaa 14ffaa gahee maxxanfameera. Joornaalichi, joornaalii seeraa biyyaalessaa fakkeenyummaa qabu ta’ee, marsariitii beekamaa African Law Journal Online irratti maxxanfamuun, qorannoo seeraa Oromiyaa akka sadarkaa addunyaatti beekamu taasiseera.
Siimpooziyeemii Biyyaalessaa: Ogeessota sadarkaa adda addaatti jiran beekumsaan walitti fiduun, sirna haqaa fi seeraa naannichaa deeggaruuf Siimpooziyeemii Biyyaalessaa bara 2015 irraa eegalee qopheessu jalqabee jira. Kaayyoon isaa:
*Beekumsa, muuxannoo fi qorannoowwan adda addaa walitti qindeessuu,
*Rakkoo fi furmaata ilaalchisee marii bal’aa banuu,Yaadoota hojii irra oolan fiduu dha.
Siimpooziyeemiiwwan Biyyoolessaa ILQSO n gaggeesse kunis:
1.Bara 2015: Mataduree "Marii Biyyaaleessaa fi Gahee Qaamolee Haqaa Idilee fi Al-idilee" jedhu jalatti barreeffamoonni dhiyaatanii marii bal’aa irratti gaggeeffamee yaadoota galtee ta'an qaamolee ilaallataniif gumachee jira.
2.Bara 2016: Mataduree "Ce'uumsa Haqa Itoophiyaa:Nageenya Waaraa fi Haqa Mirkaneessuu" jedhu jalatti qorannoowwan dhiyaatanii jiru kunis haala qabatamaa naannoofi biyyaa keenyaa haala agarsiisuun keessattuu qaamoleen haqaa gahee isaanii haala kamiin akka bahuu danda'aaniifi qophaa'ummaa isaanii cimsuuf gumaata guddaa taasiseera.
3.Bara 2017: Mataduree "Facing New Frontiers: Prospects and Challenges of Technology with in Ethipian Legal System" jedhu irratti barreeffamoota dhiyaataniin mariin bal’aan kan irratti taasifamu ta'a.
Kaayyoo guddaan filannoowwan yaadota adda addaa haala galtee sirna haqaa naannoo keenyaaf gumachuun qopheessudha.
Siimpooziyeemii Biyyoolessaa marsaa 3ffaa Ilqson qopheessuuf hojjechaa jiru kun haala addunyaa teeknooloojii keessa jiru keessatti:
*Qaamoleen haqaa Naannoo keenyaa fi biyyatti maal gochuu akka qaban,
*Carraa fi danqaan isaan muudatu maal akka fakkaatu,fi Kallaatii fulduraa irratti xiyyeeffannoo kennuun dhimma qophaa'eedha.
Kunis qaamoleen haqaa naannichaa hojii amantaa uummataa horachuuf hojjechaa jiran akk milkeessan irratti yaadoota fi filannoowwan bu'uuraa dhiyeessuuf karoorfameera.
**
Siimpooziyeemii Biyyoolessaa 3ffaa
#ILQSO #Yaadota Filannoo jijjiirama sirna Haqaaf!

Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Dubartootaa cimsu kennamaa jira.
(Caamsaa 20/2017,ILQSO, Adaamaa)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Leenjii Dubartoota Gahoomsuu irratti xiyyeeffate kennaa jira.
Inistiitiyuutichi Leenjiwwan garaa garaa sirna haqaa fooyyessuu keessatti murteessoo ta’an kennaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’aa haala addaatiin Dubartoota Qaamlee garaa garaa irraa hirmaachisuun leenjii dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsu kennaa jira.
Leenjichi mata duree lama irratti guyyaa lamaaf kan kennamu yoo ta’u,
1, Positive mindset and Its Role in Producing Transformational Leadership fi
2. Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii jedhu irratti kan kan kennamu ta’a.
I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo Haasaa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, Leenjii kun leenjii addatti Dubartoota gahoomsuuf xiyyeeffatee kennamaa jiru ta’uu ibsuun, Hirmaattonni leenjii kana irratti argaman qaamolee garaagaraa Mana Murtii, Abbaa Alangaa, Waajjira Poolisii , Maaneen sirreessaa, Caffee , Dhimmoota Dubartootaa fi kanneen biro irraa kan hirmaatan waan ta’eef , ILQSOn gama ogummaa seeraa fi hooggansaanis dubartoota cimsuun hawaasa guutuu cimsuu ta’uu hubatee leenjii kana bifa addaatiin qopheessuu ibsanii jiru.
Dabalataanis Obboo sulxaan, kaayyoon leenjii kanaa dubartoonni cimanii haala garaagaraatiin rakkoolee adda addaa Dubartootaa fi Daa’imman irra gahu irratti hubannoo argataniin iddoo jiranitti ciminaan gahee irraa eeggamu akka bahan dhaamanii jiru.
lenjicha Qindoominaan kan kennaa jiran Dr. Robsan Margo ( Associate Professor) Hoji Gaggeessaa Dhaaɓata Tajaajila Gorsaa Laandmaark fi Barsiisaa Yunivaraiitii Arsii fi Leenjistuu Seeraa ILQSO Aaddee Tigisti Asfaaw yoo ta’an Leenjichi guyyaa lamaaf kan turu ta’uun ibsame.