Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Guyyaa 20/06/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSO'n Labsii Bulchiinsa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa harayaa labsii lakk.248/2015 fi labsii sadarkaa Federaalaa lakk.1324/2016 bahan: dhimmota xiyyeeffanno barbaadan irratti Abboti Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa fi Aanaatiif Magaalaa #Ambootti Leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa keennaa jira.

Lenjiin kuniis,garaagarummaa fi walitti dhufeenya labsiiwwan kunneen sadarkaa Naannoo Oromiyaa fi Federaalaa adda baafachuun, hojii irra Oolmaa isanitiifis ijjannoon walfakkaataa akka jiraatu ni hubachiisa jadhamee leenjii kennamaa jiru akka ta'e leenjii kana irraa hubachuun danda'ameera.

Leenjiin kuniis Abbaa Seeraa MMWO fi Leenjiisaa Seeraa ILQSO #Obbo_Dassaalany_Birhaanuu tiin kennamaa jira.
Gurraandhala 20/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn Mata duree #Seera_Ragaa: Maalummaa,Rogummaa,Fudhatamummaa fi Madaalli Ragaa jedhu irratti Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa Abbootii Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa,Aanaa fi Abbooti Alangaa Godina fi Aanaaleetiif Magaalaa #Ambootti keennaa jira.

Leenjiin kuniis, dhimmota ragaa barbaachiisu fi hin barbaachiifnee adda baafachuun rogummaa fi fudhatamummaa ragaa dhimma yakkaa fi hariiroo hawaasaa ilaalchiise raagaa akkamiitti akka dhiheessuu danda'u irratti hubannoo jiru gabbifachuun akkasumas,Ragaalee adda addaa dhimma yakkaa fi hariiroo hawaasaa irratti dhihatan yommu madaalaman qajeeltowwan bu'uura yaada keessa galu qaban adda baafachu fi hojji irra oolchuuf kaayyeeffate leenjii kennama jiu akka ta'e ibsamee jira.

Leenjiin kunis Leenjisaa Seeraa ILQSO #Abdii_Gurmeessaa (PhD)'n keennamaa jira.
Gurraandhala 21/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn Mata duree #Yakka_Namaan_Daldaluufi_Seeraan_ala_Daangaa_Ceesisuu jedhu irratti Leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

Hirmaattonni Leenjichaa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Ol'aanaa fi Abbootii Alagaa Godinaalee yoo ta'u, kaayyoon leenjichaa, Labsii Yakka namaan daldaluu fi Seeraan ala Daangaa Ceesisuu ittisuu fi too'achuu bahe labsii lakk.1117/2012 bahe irratti ogeessonni hubannoo walfakkaataa akka qabatan taasisuuf akka ta'e ibsame.

Saganticha irratti argamuun haasawa baniinsaa kan taaaisan Daayrekteeri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) Obboo Oliyaad Yaaddessaa akka jedhanitti, "ILQSOn tajaajila kenniinsa haqaa gama hundaan jiru cimsuuf ogeesota seeraa sadarkaan jiran waliin ciminaan hojjachuu akka qabu kaasuun, mata dureewwan leenjii gabaabaa kanaan kennamaa jiran irrattis muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo qabatanii hojiitti hiikuun barbaachisaa akka ta'e kaasun ogeessonni yakkoota dhimmoota kanaan walqabatan irratti ciminaan akka hojjatan dhaamanii jiru.

Leenjii kennamaa jiru haala mijeessitoonni Qorataa Seeraa ILQSO Obboo Waaqgaarii Dullumee fi Abbaa Alangaa fi Leenjistuu Seeraa ILQSO Aaddee Keeyriyaa Mahaaddii ti.