Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Kutaa_4ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
#Inistiitiyuutiin_Leenjii_fi_Qorannoo_Seeraa_Oromiyaa #Faanaa_Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun #Effi_Emmii_Asallaa_90.0 fi #Eff_Emmoota_Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 4ffaatin
#Maalummaa_Gibiraa/Taaksii, #Taaksii_Kallattii_fi_Alkallattii jechuun maal akka ta'e, #kaayyoo_Taaksii_Dabalata_Qabeenyaa (VAT) maal akka ta'e, Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Leenjisaa Seeraa #Obboo_Haashim_Tunaa qabannee dhiyaannee jirra.

Qophicha dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatu fi yaada qaphichaaf qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessan dhaamsa keenya.
Guyyaa 13/06/2017
#Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hojii Irraa Yeroo Gabaabaa kennaa Jira.

#Inistiitiyuutichi Mata duree #Seerota_Bulchiinsaafi_Itti_Fayyadama_Lafa_Magaalaafi_Baadiyaa jedhu irratti Abbootii Seeraatiif Magaalaa #Shaashamanneetti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu kennaa jira.

#Kaayyoon_Leenjichaa_labsii_248/2015, 1324/2024 fi 721/2004 irratti hubannoo uumuu ta'ee, addatti; Yaad-rimeewwan bu'uuraa, Wabummaa mirgoota lafaafi riifoormii Sirna Bulchiinsa Lafaa SBL sirnaan hubachiisuu, akkasumas, seenaa dhufiinsa sirna bulchiinsa itti fayyadama lafa biyya keenyaa sirnaan hubatanii rakkoilee seerotaa fi hojmaataa jiran irratti hubannoo walfakkaataa uumuuf akka ta'e ibsame.

Leenjichi kan kennamaa jiru Abbaa seeraa MMO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO #Oobboo_Jaarraa_Bariisoo tiini.
#ILQSO'n Seeroota Yakkoota Shororkeessummaa ittisuu fi too'achuu irratti Abbooti Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiif #magaala_Adaamaatti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira. Kaayyoon leenjii kanaas,labsii seerota farra sororkeessuummaa walitti dhufeenya fi garaagarummaa seerota shororkeesummaa irratti sadarkaa idil adunyaa hang seeroota naannoo keenyatti bahan akkasumas firiiwwaan dubbii ijoo yakka shororkeesummaa hundeessan irratti leenjii xiyyeeffatu waan ta'eef,kun immoo hojii idilee keessan keessattis isiin qunnamu danda'aa waan ta'eef leenjii kana sirnaan hordofuun isin irra eeggamaa jachuun saaqiinsa leenjii kana irratti Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Wali galaa Oromiyaa obboo Guyyoo Waariyoon kallatti kennanii jiru.
Gurraandhala 13/2017

ILQSOn #Seera_Ragaa:- Rogummaa, Fudhatamummaa fi Madaallii irratti Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Seera_Ragaa:- Rogummaa , Fudhatamummaa fi Madaallii jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Abbootii Seeraa Aanaaleefi Godinaaleetiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Shaashamanneetti kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaa Rogummaa fi fudhatamummaa ragaa dhimmoota yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa irratti hubannoo gabbifachuu, akkasumas ragaan dhiyaate yommuu madaalaman qajeeltowwan bu'uuraa yaada keessa galuu qaban adda baafachuu fi hojiirra oolchuuf muuxannoo waljijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka ta'e ibsame.

B.B Daayrekteera Daayreotoreetii kenna Leenjii fi tajaajila gorsa Seeraa ILQSO
#Obboo_Miilkii_Makuriyaa leenjicha irrtti argaamuun haasawa baniinsaa woyta taasisan, leenjichi kan kennamaa jiru sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffame irratti hundaa'un kan kennamaa jiru waan ta'eef hanga dhumaatti haala gaariin hordofuun muuxannoo wal jijjiiruun hubannoo walfakkaataa uumuuf akka tahe ibsanii jiru.

Leenjichi guyyoota 3f kan turu yoo ta'u, Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi leenjisaa Seeraaa ILQSO #Obboo_Jamaal_Qumbii tin kennamaa jira.