Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
barbaachisaan akka kanfalamuuf murteessuu akka qabu SMO kwt, 114 fi 115 jalatti walduraa duubaan tumee jira.
M/Murtii gaaffii akkataa Seericha kwt, 114 fi 115iin dhiyaateef ragaadhaan yoo hubachiifame akkaataa Seericha kwt, 111 (1 fi 2)tiin gahee qooda qabeenya waliinii garee gochicha raawwatee irraa bifa beenyaan garee miidhaan irra gaheef murteessuu nidanda’a. Akkaataa kanaan balleessaa gaa’ela irratti raawwatamuun hiikkaaf sababa ta’uu malu ykn murtii hiikkaa gaa’elaa boodaa fi qooda qabeenyaan dura gochaa/badii mirga qabeenyaa/diinagdaawaa garee isa tokkoo irratti garee isa kaaniin raawwatamu too’achuuf/hambisuu fi miidhaan sababa kanaan dhaqqabus yoo jiraate beenyessuun akka danda’amuuf seerichi haala olitti bal’inaan ilaalameen eegumsa seeraa kan taasise yoo ta’eeyyuu,qabatamaan garuu seericha gama kanaan hojii irra oolaa akka hinjirre ifaan hubatama.
Guyyaa 21/4/2017
#Dhiyeessii_Dhaddacha_Fakkii
Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO) bara bajata 2017 tiin Leenjifamtoota LHD Marsaa 18ffaa simatee leenjii kennaa jiraachuun ni beekama.

Leenjifamtootni ogummaa hojii Abbaa seerummaa fi Abbaa alangummaa akka gabbifataniifi qabatamaan ofii akka shaakalan mala leenjii hojiirra oolu keessaa tokko dhiyeessii dhaddacha fakkiiti.

Malli leenjii kun Kaarikulamii leenjii keessatti kan haammatame yoo ta’u, innis leenjifamtootni akka Abbaa seeraa, Abbaa alangaa, abukaatoofi kkf tti taatoo qooddachuun kan ogummicha waliin itti walbarataniifi leenjii qabatamaafi hawwataa taasisuu keessatti fayidaa olaanaa kan qabudha.

Leenjifamtootni shaakkallii dhaddacha fakkii torban darbaniif shaakalaa turan guyyaa har’aa #Dhaddacha_Dhaabbii_Bahaa_MMWOtti akka dhiyeessan taasifameera. Dhiyeessii booda leenjistootaan yaadni ijaarsaa dhiyeessitoota dhaddacha fakkiif kennameera. I/A/Daariktera Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Sulxaan Abdoo dhiyeessicha daawwataniiru.
Qorannaa Yakka M.Adaamaa.pdf
8.2 MB
kun maateeriyaalii leenjiin Qorannaan Yakka Malaammaltummaa irratti kennameedha.Warri nugaafattan kunoo buufadhaa itti fayyamaa.kan
Qopheessaan: #Obboo_Dhaabaa_Dirriibaa ti.
Leenjii MM Aadaa 1.pptx
9.1 MB
Kun Maateeriyaalii leenjii Mana Murtii Aadaati. warri maateeriyaalicha nugaafataa turtan kunoo isinii keennee jirra.
Leenjii MM Aadaa 2.pptx
804.8 KB
paaworpooyintii Leenjii Mana Murtii Aadaa