Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Guyyaa 11/04/2017
Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Qorattoota Poolisii Godinaalee fi Magaalotaatif mata duree #Qorannoo_Yakka_Malaammaltummaa jedhu irratti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoon leenjii kanaa qorattoonni poolisii yakka malaammaltummaa adda baasanii hubachuun qorannaa akka gaggeessanii fi adeemsaa fi tooftaa garaagaaa fayyadamuun akkaataa woytaawaa fi saayinsaawaa ta'een yakka malaammaltummaa ittisuu irratti dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf akka ta'e ibsame.

Leenjicha kan kennaa jiran Gorsaa Ol'aanaa Dhimmoota Seeraa Caffee Oromiyaa #Obboo_Dhaabaa_Dirribaa ti.
Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n mata duree #Qorannoo_Yakka_Shororkeessummaa jedhu irratti Qorattoota Poolisii Godinaalee fi Naannootiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaa Qorannaa yakkaa keessatti gahee fi Ittigaafatamummaan qorattootni Poolisii qaban maal akka tahee fi maalummaa fi sirna qorannoo yakka Shororkeessummaa #labsii 1176/2020 walqabsiisuun hubannoo uumuun dandeettii raawwachiisaummaa qorattoota poolisii cimsuuf akka ta'e ibsame.

Leenjiin kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, leenjisaa Seeraa ILQSO #Obboo_Haashim_Tunaa tin kennamaa jira.
Hordoftoota Keennaa Maxxansa Barruulee Siimpooziyeemii Bara 2016 bifa kitaabatiin bakka tokkotti qindaa'e softcopy isaa fuula teeleegiraamii keennaa kana irra isinii keennee jirra.