Oromia Legal Training and Research Institute
7.95K subscribers
3.14K photos
25 videos
283 files
28 links
Download Telegram
Hojjattootni Inistitiyuutii leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa sabaaf sablammootaa Itoophiyaa marsaa 18ffaa marii paanaaliitiin kabajanii jiru. Guyyaan kun mootoo "Heddumminaa fi Walqixxummaan Ijaarsa Biyyaaf" jedhuun kabjame. Hojjattootni Inistitiyuutichaa guyyaan kun qabsoo sabaaf sablammoonni taasisanii fi wareegama kaffalaniin kan argame waan ta'eef guyyaa seena qabeessaadha jedhaniiru. Ummata Oromoofis guyyaa mirgi eenyummaa, afaan, aadaa fi seenaan isaa beekkamtii heeraa itti argate waan ta'eef guyyaa addaati jedhaniiru. Dabalataanis hirmattotni ayyaanichaa gumaacha sabaaf sablammootaatiin ijaaramaa kan jiruu fi ashaaraa hunda keenyaa kan ta'e hidha haaromsaa Guddicha Itoophiyaa xumursiisuuf waan dandeenyu deeggaruun waadaa keenya haaromsinee jirra jedhaniiru.
#ILQSO, Sadaasa 24, Bara 2016
Leenjii Seera Hojjataa fi Hojjachiisaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree “Seera Hojjataa fi Hojjachiisaa keessatti dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan“ jedhu irratti Abbootii Seeraatiif magaalaa #Bishooftuutti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun deeggarsa maallaqaa dhaabbata ILO jedhamu irraa argameen kan kennamu yemmuu ta’u guyyoota lamaaf kan turuudha.