Oromia Legal Training and Research Institute
7.94K subscribers
3.12K photos
25 videos
283 files
28 links
Download Telegram
#Bitootessa 7, Bara 2015, #ILQSO

#Deeggarsa Hawaasni ILQSO taasise

Hojjattootni fi leenjifamtootni Sagantaa Leenjii hojiin duraa Marsaa 16ffaa Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa hawaasa keenya sababa hoongeetiin miidhameef deeggarsa namoomaa qarshii 378,000.00 (kuma dhibba sadiif torbaatamii saddeet) arjoomanii jiru. Mootummaan naannoo Oromiyaatis deeggarsa taasifameef waraqaa ragaa galataa nuuf kennee jira. Deeggarsa taasiftaniif hundi keessanuu guddaa galatoomaa jenna!
Hordoftoonni amantaa Islaamaa hundi baga baatii ramadaanaa 1444ffaa nagaan geessan.
#Ramadaan Kariim!!
Kabaja guyyaa dubartoota Addunyaa(March 😎
Hojjattootni inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa dubartoota addunyaa (March 😎 marii paanaalii gaggeessuun kabajaniiru.
#Gamaaggama Raawwii Hojiiwwan ILQSO Kurmaana 3ffaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa gamaaggama Raawwii Hojiiwwan Inistitiyuutichaa kan kurmaana 3ffaa bara 2015 Magaalaa Bishooftutti gaggeessaa ture xumure jira. Gamaaggama kana irratti gabaasnii raawwii hojii daareektooreeti hundaa dhihaate irratti mari'atamee jira. Kallattiinis ful-duraas Daayireektara Ol'aanaa ILQSO Obbo Doobee Dhaabaatiin ka'amee, sagantaan gamaaggama kur. 3ffaa bara baajataa 2015 xumurameera.