Oromia Legal Training and Research Institute
7.94K subscribers
3.12K photos
24 videos
283 files
27 links
Download Telegram
#Amajjii 13, Bara 2015
#Sagantaa Mijuu Seeraa
Sangantaan "Mijuu Seeraa" guyyaa har'aa irraa eegalee yeroo hunda Sanbata waaree booda saa'aatii 11:30 hanga 12:00tti raadiyoo ABS dambalii 100.7 irratti kan dhiyaatu ta'a. Tamsaasni kutaa 1ffaa qophichaa guyyaa har'aa yakkoota malaammaltummaarratti kan xiyyeeffateedha. Qophicha fuula fees buukii irrattis 'Live Stream' ni darbaa hordofaa.
Leenjii Gaggeessummaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa bifuma walfakkaatuun mata duree "Gaggeessummaaa fi Jijjirama Hogganuu" jedhu irratti sagantaa leenjii hojiirraa yeroo gabaabaatiin Pirezidaantoota Manneen Murtii fi Itti Gaafatamtoota Waajjira Abbaa Alangaatiif magaalaa #Shaashamanneettis leenjii kennaa jira. Leenjiin kunis gahumsa hoggansa qaamolee haqaa cimsuuf kan kennamu yemmuu ta'u guyyoota 4f itti fufee kan kennamuudha.
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Hoggansaa fi Jijjirama Hogganuu" jedhu irratti sagantaa leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaatiin Pirezidaantoota Manneen Murtii fi Itti Gaafatamtoota Waajjira Abbaa Alangaatiif magaalaa #Jimmaatti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun gahumsa hoggansa qaamolee haqaa cimsuuf kan kennamu yemmuu ta'u guyyoota 4f itti fufee kan kennamuudha.