Oromia Legal Training and Research Institute
7.94K subscribers
3.11K photos
24 videos
283 files
27 links
Download Telegram
#Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa, Magaalaa #Jimmaa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree " Sirna Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiif magaalaa #Jimmaatti leenjii kennaa jira. Leenjin kunis guyyoota afuriif kan turuudha.
#ILQSO, Muddee 25 Bara 2015

#Leenjii fi Marii Hojjattoota ILQSO

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Dambii Inistitiyuutichaa fooyya'aa jiru irratti hojjattoota isaa waliin magaalaa #Bishooftuutti mari'achaa jira. Dabalataanis sirnoota bara 2015 kana keessatti Inistitiyuutichaan qophaa'an: Maanuwaalii Hoggansaa(Governance manual), Maanuwaalii Sirna komii, Istaandardii Kenna tajaajilaa isa xiqqaa fi chaartarii lammiilee irratti leenjii hubannoo uumuu hojjattoota isaatiif kennaa jira. Marii kana irratti Daayirektarri Ol'aanaa Itti Aanaan ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo Dambiin ILQSO hojiirra jiru yeroo dheeraaf hojiirra kan ture waan ta'eef haala amma ILQSO'n irra jiruu fi gara fuulduraatti milkeessuuf hojjachaa jiruun walsimsiisuun fooyyessuun barbaachisaa ta'ee waan argameef qorannoon gaggeeffamee wixineen kan qophaa'e ta'uu ibsanii hirmaattotni yaada wixinicha gabbisu akka dhiyeessan gaafatamiiru. Dabalataanis sirnootni fi hojmaatni leenjiin akka irratti kennamuuf dhiyyatan afran kun hojii guddaa Inistitiyuutichi yeroo fudhatee hojjachaa turee fi kenniinsa tajaajila ILQSO fooyyessuuf bu'uura waan ta'eef hojjattootni hubannoo isaanii gabbifachuun hojiirra oolchuu qabu jedhaniiru.