Oromia Legal Training and Research Institute
7.9K subscribers
3.1K photos
23 videos
283 files
27 links
Download Telegram
#ILQSO, Fulbaana 23 bara 2015
#Beeksisa
Ogeessotni Seeraa gargaaraa Abbaa seeraa ta'uuf dorgomtanii maqaan keessan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa irraa gara Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti ergame hundi gaafa 1/02/2015 ganama saa'atii 2:30 irratti Inistitiyuutichaatti argamuun qormaata barreeffamaa akka fudhattan isin beeksifna. Qormaataaf yammuu dhuftan waraqaa eenyummaa, kitaabolee fi labsiiwwan adda addaa (hard copy) qofa qabattanii akka dhiyaattan ta’ee qormaaticha irratti kompiiyutaras ta’ee mobaayilii fayyadamuun kan hin danda’amne ta’uu isin beeksifna.
Carraa Gaarii!!
#ILQSO, Fulbaana 25, bara 2015
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mata duree "Qabiinsa fi Eegumsa Mirga Namoomaa Sirreeffamtoota Seeraa" jedhu irratti miseensota Poolisii Komishinii Manneen Sirreessaa Oromiyaa sadarkaa adda addaatti hojjataniif Magaalaa #Adaamaa fi #Shaashamannetti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun hubannoo miseensonni Poolisii Manneen Sirreessaa haala qabiinsaa fi eegumsa mirga sirreeffamtoota seeraa irratti qaban dabaluun dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuuf kan qophaa'e yemmuu ta'u guyyoota afuriif itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#Baga Ayyaana Moowlidaa Nagaan Geessan!!!
#ILQSO, Fulbaana 28, bara 2015
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa hojjattootnii fi leenjifamtootni Inistitiyuutichaa akkasumas hordoftootni Amantaa Islaamaa biyya keessaa fi biyya alaatti argamtan marti baga kabaja guyyaa dhaloota Nabii Muhaammad (SAW) waggaa 1497ffaaf nagaan geessan, baga waliin geenye jedha. Ayyaana gaarii isiniif haata'u!!!
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa, Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi dhaabbata "Center for International Cooperation, VU, Amsterdam" waliin ta'uun mata dureewwan mirgoota adeemsaa "Procedural Rights"; Mirgoota Daa'immanii akkasumas mirgoota deemsaa fi Mana murtii Aadaa jedhaman irratti leenjii shaakkaliin deeggarame barsiistoota seeraa Yunivarsiitii Oromiyaa fi Bahaar Daar namoota 20f akkasumas Abbootii Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa fi Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa MWO, Abbootii Seeraa Manneen Murtii Sidaamaa fi Abbootii Alangaa namoota 40 walumaagalatti ogeessota seeraa 60f magaalaa Adaamaa mooraa ILQSO keessatti leenjii leenjistummaa shaakalliin deeggarame kennaa jira.