Oromia Legal Training and Research Institute
7.89K subscribers
3.1K photos
23 videos
283 files
27 links
Download Telegram
#ILQSO, Adoolessa 14, Bara 2014
#Cuunfaa Hojiiwwan bara 2014 Gama Qo’annoo fi Qorannootiin Hojjatamanii:
Aangoo fi hojii Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiif kenname keessaa tokko rakkoolee seeraa fi hojmaataa irratti qo’annoo fi qorannoo gaggeessuun yaadota furmaataa burqisiisuun hojiirra oolchuudha. Gama kanaan bara 2014 keessatti hojiiwwan gurguddoon sadi(3) raawwatamanii jiru. Hojiin jalqabaa qorannoowwan bara 2012 fi bara 2013 jalqabee gaggeeffamaa turan (backlog) xumuruun workishoppiif dhiyeessuudha. Bu’uuruma kanaan kurmaana 2ffaa bara 2014 keessatti qorannoowwan sadi(3) xumuramanii workishoppiif dhiyaatanii jiru. Qorannoowwan kunis:
1. Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa: Xiinxala Heeraa, Seeraafi Hojimaataa
2. Sababootaa fi Miidhaa Diiggaa Gaa’ilaa Oromiyaa fi
3. Hojiirra oolmaa qorannoowwan ILQSO (bara 2001-2012) kan jedhamaniidha.

Hojiin 2ffaan qorannoowwan haaraa bara 2014 karoorfaman gaggeessuun workishoppiif dhiyeessuudha. Bu’uuruma kanaan mata dureewwan sadi (3) irratti qorannoon akka gaggeeffamu karoorfamee gumii ILQSOtiif mirkanaa’ee jira. Dabalataanis Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa waliin ta’uudhaan mata duree “Sakatta’iinsa Yaada Ummatni Oromoo Heera RDFI Irratti Qabu” jedhu irratti qorannoon akka gaggeeffamu ta’ee jira. Qorannoowwan kanneen keessaa sadi(3) xumuramanii jiru waan jiranii raawwiin keenyaa %100 ta’a. Qorannoon mata duree “Tajaajila Abbaa Seerummaa Gara Waraqa-maleessatti Ceesisuu” amala isaatiin ogummaa biraa kan gaafatuu fi qindoomina qaamolee adda addaa kan barbaadu waan ta’eef bara kana raawwatamuu hin dandeenye. Gama biraatin kurmaana 4ffaa bara 2014 kana keessatti workishoppii 2ffaa qopheessuun qorannoowwan lama (2) workishoppiif akka dhiyaatan ta’ee jira. Kunis qorannoo mata-duree “Seeraa fi Hojmaata Liizii: Haala Qabatama Naannoo Oromiyaa” jedhu irratti bara 2012 irraa eegalee gaggeeffamaa ture xiinxala isaa xumuruunii fi qorannoo mata duree “Haala Biiroon Abbaa Alangaa Waldiddaa Dhimma Hariiroo Hawaasaa Mala Filannoo Waldiddaa Hiiktuu Birootiin itti Hiiku: Seeraa fi Qabatama” kan jedhu haaraa kan hojjatameedha.

Hojiin ijoon inni 3ffaan qorannoowwan gaggeeffaman akka hojiirra oolan taasisuudha. Bu’uuruma kanaan bara 2014 kana keessatti:-
1. Qorannoon Mana Murtii Aadaa hojiirra akka oolu gochuuf Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa waliin ta’uudhaan qophii Dambii fi Qajeelfamaa keessatti kallattii hundaan hirmaannaan taasifamee jira.
2. Qorannoo “Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa: Xiinxala Heeraa, Seeraafi Hojimaataa” jedhu hojiirra oolchuuf Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroo Lafaa waliin ta’uun ogeessota keenya ramaduun Labsiin Bulchiiinsaa fi Itti-Fayyadama Lafa Baadiyyaa 130/1999 akka fooyya’uuf wixineen labsii qophaa’eera.
3. Qorannoo “Bulchiinsa Qabeenya Uumamaa Oromiyaa: Seeraa fi Qabatama” jedhu hojiirra oolchuuf Wixineen Labsii Bulchiinsa Qabeenya Bishaanii Oromiyaa Biiroo Bishaanii fi Inarjii wajjiin ta’uun qophaa’eera.
4. Qorannoo “Seeraa fi Hojmaata Koree Sagantaa Fooyya’iinsa Sirna Haqaa” jedhu hojiirra oolchuuf Wixineen Dambii Wajjiira Qindeessaa SFSH fooyyessuu ogeessota keenyaan qophaa’ee waajjirichaaf kennamee abbootiin hirtaas akka irratti mari’atan ta’ee jira.
Hojiirra oolmaa qorannoo keenyaa dabaluuf dhaabbata OBN waliin ta’uu bu’aa qorannoo irratti hubannoon uumamee jira. Qorannoon “Hojiirra Oolmaa Qorannowwan ILQSO Bara 2001-2012” jedhu gabaabbatee joornaalii seeraa oromiyaa irratti maxxanfameera.
Walumaagalatti bara 2014 kana keessa qorannoowwan haaraa sadi(3) raawwachuun cinatti qorannoowwan duraan gaggeeffamaa turan xumuruun workishoppiif akka dhiyaatan kan taasifamee fi hojiirra oolmaa qorannoo irrattis hojiin bal’aan kan hojjatame waan ta’eef bara darbe yeroo walfakkaataa waliin yoo ilaalamu raawwiin caalmaa qabu kan galmaa’e ta’uu agarsiisa.
Raawwii hojiiwwan gama Joornaalii Seeraa, Guboo Jechoota Seeraa Afaan Oromoo fi kanneen birootiin galmaa'an itti aansinee kan maxxansinu ta'a.
#ILQSO Adoolessa 21, Bara 2014
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa har'aa gamaaggama raawwii hojii bara 2014 magaalaa Adaamaatti gaggeesse jira. Gamaaggama kana irratti Daayirektoreetii fi gareewwan hojii raawwii hojii isaanii dhiyeessuun bal'innaan irratti mari'atamee jira. Gamaaggama taasifameen ILQSO'n bara 2014 akka waliigalaatti gama hundaanuu raawwii hojii caalmaa kan galmeessise ta'uun hubatameera. Haata'u malee raawwii hojii keessatti hanqinaaleen tokko tokko kan mul'atan waan ta'eef ciminaalee jiran itti fufsiisuu fi hanqinaalee mul'atan immoo karoora bara 2015 keessatti hammachiisuun sirreessuun barbaachisaa akka ta'ee Daayirektara Ol'aanaan Inistitiyuutichaa Obboo Kumasaa Araarsaa kallattii kaa'aniiru.