Koreen Bulchiinsaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #Qophii_Bajata_Sagantaa_Irratti_Hundaa'ee irrati mari'ate.
Qophii Baajata Sagantaa irratti Hundaa’ee (BSIH) jechuun, mala qophii baajataa ta’ee, qabeenya sagantaa, hojii fi bu’aadhaan gurmeessuu akka ta'e ibsame.
Adeemsi kun barmaatileedhan baajata gosa baasitiin gurmessuu irra adda kan ta'ee fi Baajatni sagantaa galteewwan milkaa’ina galmaan ga’uuf barbaachisan osoo hin taane, bu’aa ol’aanaa sagantichi galmaan akka ga’uu irraa eegamu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u,
Kunis adeemsi qophii baajataa iftoominaa fi itti gaafatamummaa akka qabaatu taasisa jedhame. Leenjii hubannoo kana irratti hirmaattonni yaada wal jijjiiruun hubannoon kun hojjattoota Inistiitiyuutichaatinis irratti mari'atamee hubannoon waloo uumamuu qaba jedhamee jira.
Qophii karooraa Baajata sagantaa irratti Hundaa'ee kana galmaan gahuufis koree bulchiinsaa keessaa koree dhaabuun hojiitti akka galamu taasifameera.