Seera Maatii: #Qajeeltoo_Qooda_Qabeenya_Waliinii_Walqixaafi_Haalota_Addaa
Bu’aalee diiggaan gaa’ilaa hordofsiisu keessaa tokko qooda qabeenya waliinii yemmuu ta’u, innis akka qajeeltoo waliigalaatti qabeenyi waliinii Abbaa warraa fi Haadha warraaf walqixa qoodama kan jedhudha. Haaluma kanaan qajeeltoon bu’uraa qabeenya waliinii walqixa hiruu jedhu Seera Maatii Oromiyaa (SMO) kwt, 117 jalatti tumamee kan jiru yoo ta’u, akka qajeeltoo kanaatti qabeenyi dhuunfaa fi idaan eega adda bahee/kanfalame booda/ qabeenya waliinii hafu abbaan warraa fi haati warraa walqixa qooddachuuf mirga walqixa akka qaban ibsamee jira.
Qabtamni hoj-maataa jirus darbee darbee yeroo dhimmi haadholii warraa lamaa fi Sanaa ol hirmaachisu mudatu garaagarummaa mul’atu irraa kan hafe M/Murtii hundattuu akkaatuma qajeeltootiin qabeenya waliinii qixxee adda qooduun kan baratamee fi ittiin hojjetamaa jiru ta’uun ni hubatama. Haata’u malee qajeeltoon waliigalaa qabeenyi waliinii walqixa qoodama jedhu SMO kwt, 117 jalatti tume akkuma jirutti ta’ee, haalonni addaa qajeeltoo kana irraa maquun qooda qabeenya waliinii walcaalchisuu ykn guutumatti garee tokko qooda keessaa baasuun garee tokko qofaa ittiin murteessuu dandeessisan adda addaa seericha keessatti ifaan tumamanii kan jiran yoo ta’u qabatamni jiru garuu gama kanaan seericha kan beeku hinfakkaatu, abbootiin dhimmaa gaaffii akkasii dhiyeessanis qabatamaan hinmul’ata. Walumaagalatti dhimmichi gama kanaan qabatamaan kan baratamee miti.
Haalonni addaa seerichaan tumaman kunis kaayyoo adda addaa kan qaban akka ta’e yemmuu hubatamu akka waliigalaattis hiikkaa gaa’ilaa laaffisuu (discouraging divorces SMO kwt, 110(4)), garee miidhame beenyessuu (compensating a victimized spouse) SMO kwt, 111 fi 114), badhaadhina hinmalle hambisuu (preventing unlawful enrichment/ SMO kwt, 115) fi kkf bu’ura godhachuu isaanii ibsama tumaalee seerichaa kaayyoo waliigalaa seera maatii fi qabeenyaa waliin dubbisuun hubachuun nidanda’ama.
Akkaataa SMO kwt, 110(4)tti M/Murtii yeroo bu’aa diiggaan gaa’ilaa hordofsiisu murteessuu walfuutota keessaa diiggaa gaa’elichaaf balleessaa eenyu akka qabu tilmaama keessa galchuu akka qabu ifaan kan tumame yemmuu ta’u kunis M/Murtii garee balleessaa isaatiin gaa’elichi akka diigamu sababa ta’e gahee qooda qabeenya waliinii irraa inni qabu hir’isuu ykn keessaa baasuun murteessuu akka danda’u kan akeekudha. Kanas M/Murtii gaaffii garee falmiitiin ykn matuma ofii isaatiin kaasee murteessuu akka danda’u seerichi ni aangessa.
Gochaaleen balleessaa ta’uu danda’an maal fa’a akka ta’an seerichi ifaan kan caqase yoo ta’uu baateeyyuu walfuutota keessaa inni tokko isa kaan reebuudhaan ykn gaa’ela biraa eeyyamaa fi maree malee irratti raawwachuun ykn gochaa sagaagalummaa raawwachuun ykn daa’imman waliin gatee baduun ykn walumaagalatti dirqamoota walgargaaruu, waldeeggaruu, walii amanamuu, bulti fi qabeenya waliin bulchiin akka bu’aalee gaa’elaatti seerichaan tumaman bahu dhabuun/diduun gaa’elichi kan diigame yoo ta’e haalonni kunniin akka balleessaatti ilaalamuun M/Murtii qooda qabeenya waliinii irratti tilmaama keessa galchuun gahee qooda qabeenya waliinii walcaalchisee murteessuu kan isa dandeessisu ta’uu akka fakkeenyaatti kaasuun kan danda’amudha.
Akkasumas, balleessaa raawwatameen gaa’elli diigamuu qofa otuu hintaane miidhaan garee isa biroo irra kan gahe yoo ta’e M/Murtichaa beenyaa miidhaa gahe waliin wal-madaalu murteessuu akka danda’uu fi kanas gahee qooda garee balleessaa raawwatee irraa guutumatti ykn irra caala garee miidhameef dabarsee kennuun bifa beenyaan murteessuu akka danda’us SMO kwt, 111 (1 fi 2) jalatti tumamee argama.
Kana malees, aangoo akka bulchu itti kenname gar-malee fayyadamuun gareen tokko qabeenya dhuunfaa garee isa biroo ykn qabeenya waliinii irratti gochoota aangoo kennameefiin ala raawwateen miidhaa kan geesse yoo ta’e (keessaayyuu gurgurtaa kan raawwate , kan dabarse, gatii kan hir’ise ykn gowwoomse ta’uu danda’a) ykn qabeenya waliinii ykn kan dhuunfaa garee biroo irraa seeraan ala kan badhaadhe yoo ta’e gaaffii garee miidhame jedhuun dhiyaatuun M/Murtii beenyaa