ILQSO
4.01K subscribers
2.24K photos
247 files
6 links
Download Telegram
#ILQSO, Muddee 11 Bara 2015

#Leenjii Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 16ffaa simatee leenjisaa turuun ni beekkama. Inistiitiyuutichi leenjii leenjistoota ofii isaatiin kennuun cinatti ogeessota ogummaa fi muuxannoo guddaa qaban manneen hojii biraa irraa affeeruun leenjii akka kennanii fi leenjifamtootnis beekkumsa, muuxannoo fi fakkeenyummaa isaanii irraa baratanii tajaajila haqaa qulqulluu fi haqummaa qabu kennuuf kaka'umsa akka horatanii fi akka of qopheessan taasisaa jira. Bu'uuruma kanaan mata duree "Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaa"jedhu irratti Hogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kabajamoo Obboo Guyyoo Waariyoo affeeruudhaan leenjiin kennamaa jira. Leenjiin kunis guyyoota lamaaf itti fufiinsaan kan kennamu ta'a.
#ILQSO, Muddee 14, Bara 2015
#Leenjii Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree Sirna Deemsa Hariiroo Hawaasa: Rakkoolee Raawwii Keessatti qabatamaan mul'atan" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa tiif magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira.