Oromia Legal Training and Research Institute
7.94K subscribers
3.12K photos
25 videos
283 files
28 links
Download Telegram
Waxabajjii 05/2017

#Kutaa_18ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophiin kun

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophiin keenya har'aa kutaa 18ffaan Siimpooziyeemii biyyoolessaa 3ffaa ILQSOn mata duree " Facing New Frontiers: prospects and Challenges of Technology with in Ethiopian Legal System" jedhu irratti xiyyeeffata.

Sagantaa Siimpooziyeemii biyyaalessaa 3ffaa ILQSOn qopheesse kana irratti barruuleen qorannoo garaagaraa mata duricha irratti xiyyeeffate dhiyaatee jira.

Teeknoolojiin haalaa fi akkaataa barbaadamuun itti fayyadamnaan guddinna biyya tokkootiif murteessadha. Hawaasni kenna tajaajila haqaa saffisaa iddoo jiranitti argachuuf teeknoolojiidhaan deeggaramuun barbaachisaadha. Kun yeroo fi baasii isaanii qusachuun gama hedduun faayidaa guddaa qaba.

Barruulee qorannoo dhiyaatan kana irratti hanqinaalee teeknoolojiidhaan walqabatanii mul'atan, akkasumas yaadni furmaataa rakkoolee gama kanaan jiran furuuf taa'an dhiyaatanii irratti mari'atameera.

Qophicha dhaggeeffadhaa.
Waxabajjii 13 /2017

#Kutaa_18ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.

Qophiin kun

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 18ffaatin mata duree " walitti dhufeenyaa fi Hariiroo Hawaasaa Cimsuuf Gaheen Seerri qabu maali? " jedhu kan isin biraan geennu ta'a.

Kaayyoon Seera Yakkaa fi Galmi Seera yakkaa maali?

Gochoota Yakkaa ittisuuf gaheen hawaasaa maal tahuu qaba?

Yakki nagaa fi tasgabbii hawaasaa dhoorga.

Kaayoon seera yakkaa nagaa fi tasgabbii hawaasaa eegsisuudha.

Kaayyoon seera yakkaa faayidaa waliigalaatiif: nagaa, tasgabbii, mirgaa fi sirna keessatti faayidaa guddaa qaba.

Mata duree kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti, Leenjisaa Seeraa fi Abbaa Alangaa Naannoo Oromiyaa #Obbo_Sintaayyoo_Fayyisaa ti.

Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.