Leenjiin Haaromsa Aadaa Oromoo kenname.
Ebla 07/2017, ILQSO, Adaamaa. Inistiitiyuutiin Leenjii fo Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n Hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif mata duree #Haaromsa_Aadaa_Oromoo jedhu irratti leenjii gabaabaa hubannoo cimsu kenne.
Leenjichi qabiyyeewwan; Maalummaa Aadaa fi Amala isaa, Dhibbaa Aadaa,Sababoota Haaromsa Aadaa, Muuxannoo biyyootaa fi Toora Xiyyeeffannoo Haaromsa Aadaa jedhu irratti bal'innaan kan kenname yoo ta'u, barbaachisummaan isaa aadaa, safuu fi duudhaa ganamaattii deebi'uuf akka ta'e ibsame.
Leenjicha irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taaaisan Daarekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Oliyaad Yaaddessaa akka jedhanitti, sochii mootummaan aadaa fi safuu ganamaattii deebi'uu qabna jechuun taasisaa jiru kana cimsuuf, nutis akka Inistiitiyuutii keenyaatti gahee nurraa eegamu bahuu qabna jedhanii jiru.
Leenjichi bifa mariitiin karaa hirmaachisaa ta'een yaadni bal'aan itti kennameera.