Oromia Legal Training and Research Institute
8K subscribers
3.15K photos
26 videos
288 files
29 links
Download Telegram
Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa Magaalaa #Dirredhawaatti
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree “Qajeelfama Adabbii, maalummaa Ol’iyyannoo fi adeemsa isaa“ jedhu irratti Abbootii murtii Mana Murtii Ol’iyyannoo Bulchiinsa Magaalaa Dirreedhawaa, Abbootii Seeraa Manneen Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaa fi Lixaa akkasumas Abbootii Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatiif Magaalaa #Dirreedhawaatti leenjii kennaa jira. Leenjiin kun bu’uura waliigaltee walhubannoo ILQSO’n Mana Murtii Ol’iyyannoo Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa waliin taasiseen kan kennamuudha. Sagantaa baniinsa leenjii kanaa irratti argamuun leenjicha kan jalqabsiisan itti aantuun Afyaa’iin Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Addee Kariimaa Alii waliigalteen hojii ILQSO’n bulchiinsa magaalichaa waliin taasise walitti dhufeenya bulchiinsi magaalichaa naannoo Oromiyaa waliin qabu kan cimsuu fi dandeettii raawwachiisummaa ogeessota bulchiinsa magaalichaa kan cimsu ta’uu ibsanii jiru. Leenjichi guyyoota afuriif itti fufee kan kennamu ta’uun baramee jira.