Oromia Legal Training and Research Institute
8.17K subscribers
3.16K photos
27 videos
297 files
29 links
Download Telegram
#ILQSO, Muddee 21, Bara 2014
Leenjiin seerota Farra Malaammaltummaa fi seerota Gumrukaa fi Taaksii irratti kennamaa ture magaalaa #Shaashamanneettis itti fufee kennamaa jira. Leenjichi guyyoota sadiif kan turu yemmuu ta'u kaayyoon isaas hubannoo Abbootiin Murtii fi Abbootiin Alangaa seerota kanneen irratti qaban dabaluun gahumsa ogeessota kanneenii cimsuu akka ta'e hubatameera.
#ILQSO, Muddee 23, Bara 2014
Leenjiin seerota Malaammaltummaa, Taaksii fi Gumrukaa irratti magaalaa #Shaashamanneetti guyyoota sadiif Abbootii Murtii fi Abbootii Alangaatiif kennamaa ture xumuramee jira.
Hordoftootni amantaa kiristaanaa hundi baga Ayyaana Qiillee bara 2014 nagayaan geessan!Ayyaanichi kan nagayaa, kan gammachuu fi milkaa'inaa isiniif haa ta'u!