Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa Farra Malaammaltuummaa mata duree "Safuu fi Naamusa Gaarii Ijaaruun Malaammaltummaa Haa Ittisnu" jadhuun kabajatee jira.
Sirna kabaja guyyaa kanaa irratti barreeffamni gabaabaan Ogeessa Qondaala naamusaa Inistitiyuutichaa Obbo Damissee Gammachuuttin dhihaatee marii bal'aan irratti taasifamee jira. Marii kana irrattiis dhimmonni gurguddoo ijaarsa safuu fi naamusa gaarii, ittisa malaammaltummaa fi hojimaata badaaf galtee ta'an hawaasa Inistiitiyuutichaatiin ka'e jira.
Yaadoota ka'an akka galtetti fudhachuun haala qabatama Inistiitiyuutichaa xiyyeeffannoo keessa galchuun hojiirra oluu akka qaban Daayrektarri Olaanaa ILQSO Obboo Kumasaa Araarsaan kallattii hojii fulduraa kaa'ani jiru.
Dhuma irrattis hojjattota raawwi hojii, naamusa gaarii fi hojimaata badaa ittisuu irratti fakkeenyummaa qabaniin sadarkaa 1-3 bahaniif waraqaa ragaa fi beekkamtii kennuun waltajjiin kun xumuramee jira.

#Leenjiin Labsii Farra Malaammaltummaa fi Labsiilee Gumrukaa fi Taaksii irratti magaalaa #Bishooftuutti Abbootiin Murtii fi Abbootii Alangaatiif kennamaa ture xumuramee jira. Xumura leenjichaa irratti hoggantuu Itti Aantuun Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Adde Fiqir Zalaalam Leenjifamtootni hubannoo leenjicha irraa argatan hojiitti jijjiiruun ummata isaanii haqaan tajaajiluu qabu jedhaniiru. Marsaan 2ffaan leenjichaa magaalaa #Shaashamanneetti kan itti fufu ta'a.