Oromia Legal Training and Research Institute
7.94K subscribers
3.12K photos
25 videos
283 files
28 links
Download Telegram
#ILQSOn Leenjii Dandeettii Raawwachiisummaa cimsu kennaa jira.

(Waxabajjii 14/2017,ILQSO, Adaamaa )

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Leenjii dandeettii raawwachiisummaa Hooggantootaa cimsu mata duree #Mindset_and_Leadership jedhu irratti magaalaa #Bishooftuu tti kennaa jira.

Inistiitiyuutichi Leenjiwwan garaa garaa sirna haqaa fooyyessuu keessatti murteessoo ta’an kennaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’aa haala addaatiin leenjiin ilaalchaa fi Hoggansaa /Mindset and Leadership ) irratti xiyyeeffate kennamaa jira.

Leenjii kana irratti MMWO,BAAWO fi Caffee irraa hooggantoonni kan hirmaatan yoo ta'u ,Leenjistoota ,Qorattootaa fi Koreen Bulcjiinsaa ILQSO irratti hirmaataa jiru.

I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #Obboo_Sulxaan_Abdoo Haasaa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, Leenjiin kun leenjii addatti hooggantoota qaamolee garaagaraa irraa hirmaatan ,leenjistootaa fi qorattoota keenya, akkasumas, koree bulchiinsaa keenna gahoomsuuf xiyyeeffatee kennamaa kan jiru ta’uu ibsuun, leenjicha irraa hubannoo argamu hojitti jijjiiruuf hirmaannaa hoo'aa taasisuun muxannoo argamu qabatamatti jijjiiruun barbaachisaa ta'uu himanii jiru.

lenjicha kan kennaa jiran #Dr_Robsan_Margo ( Associate Professor) Hoji Gaggeessaa Dhaaɓata Tajaajila Gorsaa Laandmaark fi Barsiisaa Yunivaraiitii Arsii ti.