#Baga_Ayyaana_Iid_Al_Adahaa
( Arafaa)#Waggaa_1446ffaan_isin_Gahe!
---------------------------
(Caamsaa 29/2017 ILQSO,Adaamaa)
........ ............
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Hordoftoota Amantaa Musliimaa Maraan Baga Ayyaana #Iid_Al_Adaha ( Arafaa) waggaa 1446tiin Isin gahe jechaa, Ayyaanichi kan nagaa,tokkummaafi gammachuu akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsa.
#Ayyaana_Gaarii !!

Caamsaa 30/09/2017
#Kutaa_17ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa 17ffaatin mata duree "Haala Argannaa fi Daddabarsa Lafa Baadiyaa " jedhu kan isin biraan geennu ta'a.
Lafti lafeedha. Lafti eenymmaa abbaa qabiyyee sanaa kan ibsuudha.
Lafti qabeenya guddaa waan ta'eef qabeenya kana immoo dhalootaa dhalootatti dabarsuuf kunuunsuun itti fayyadamuun barbaachisaadha.
Mata duree " Haala Argannaa fi Daddabarsa Lafa Baadiyaa" Jedhu kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti, Abbaa Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa fi Leenjisaa Seeraa #Obbo_Jaaraa_Bariisoo ti.
Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaan dhaamsa keenya.

#ILQSOn Leenjifamtoota Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa Marsaa 16ffaa Eebbisiise.
(Waxabajjii 1/2017,Adaamaa,ILQSO)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa Marsaa 16ffaa Abbootii Alangaa 29 guyyaa har'aa bakka Pirezidantiin MMWO Obbo Gaazaalii Abbaa Simali fi Hoogganaan BAAWO Obboo Guyyoo Waariyoo argamanitti eebbisiisee jira.
Inistiitiyuutichi bara hundeeffama isaa irraa eegalee leenjiwwan hojiin duraa fi leenjiwwan Hojii irraa yeroo dheeraatiin ogeessota seeraa hedduu gahoomsuun sirna haqaa Naannichaa fooyyessuu keessatti shoora ol'aanaa bahaa turee jira, ammas bahachaa jira.
Daayrekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Oliyaad Yaaddessaa, keessummoota saganticha irratti argaman simachuun eebbifamtootaan "Baga Gammaddan!" erga jedhanii booda, ILQSOn mul'ata hojii Leenjii ,Qorannoo fi Gorsa Seeraatiin akka biyyaatti filatamaa jedhu qabatee Sirna haqaa fooyyeessuu keessatti gumaacha ol'aanaa taasisaa jira jedhan.
Dabalataanis, Obboo Oliyaad, rakkoolee tokko tokko yeroo ammaa sirna haqaa fooyyessuu keessatti mul'atan ogummaa fi naamusa horattanitti fayyadamuun hojiirra oolmaa haqaa fooyyeessuu keessatti gaheen guddaan kan eebbifamtoota kanneen irraa eeggamu tahuu dhaamanii jiru.
Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obboo Guyyoo Waariyoo ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, eebbifamtootan baga gammaddan erga jedhanii booda, Sirna haqaa keessatti hawaasa karaa haqa qabeessan tajaajiluuf ogummaan naamusaan dabaalame murteessaa waan ta'eef, hawaasa gadi buunee naamusa gaarii fi karaa haqa qabeessa ta'een tajaajiluun dirqama ogummaa keenyaa bahuu qabna jechuun dhaamanii jiru.
Dhuma irrattis Leenjifamtoota yeroo turtii leenjii kana keessatti qabxii ol'aanaa galmeessaniif waraqaan ragaa kennameefii jira.

Waxabajjii 03/2017
Hordoftoota keenna,Sagantaa keenna Seerri maal jedhaatin tanaan dura,
Namni lafa baadiyaa qabiyyee isaa ta’e irratti hundee biqiltuu dhaabbataa, mana yookiin ijaarsa biraa horate mirga gurguruu ni qabaa? Gaaffiin jedhu kan dhiyaate ta'uun isaa niyaadatama.
Kutaa 2ffaan xiinxala barreessichaa agarsiisu kunooti. Xiinxalliifi ejjennoon barruu kana jalatti dhiyaatu kan barreessaati.
Labsiin Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Oromiyaa lak. 248/2023 kwt 9(1)(i), 9(2) fi 9(13) hundee biqiltuu dhaabbataa, manaa fi ijaarsota adda addaa gurguruu dhoorkaa gochuun tumee jira. Gama biraatiin, Labsiin Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Mootummaa Federaalaa lak. 1324/2024 kwt 17(1 fi 2) jalatti abbaan qabiyyee lafa baadiyaa qabeenyota kanneen lafuma waliin gurguruu akka danda’u mirga kennee jira.
Kana irraa ka’uun ijoowwaan dubbii seeraa mariif dhiyaatan:
1ffaan, tumaan labsii Lafa Baadiyyaa Mootummaa Federaalaa kun tumaa Heera Mootummaa Federaalaa kwt-40(3) waliin wal hin faalleessuu?
2ffaan, waliigalteen bittaa-gurgurtaa qabeenyota akkasii irratti raawwatame tokko naannoo Oromiyaa keessatti akka ragaa haala argannaa lafaa fi qabeenyaa laficha irra jiruu agarsiisuuf yoo dhiyaate, mana murtiin fudhatama ni qabaataa? fi
3ffaan, bu’uura tumaa labsii federaalaa kanaan waliigaltichi fudhatama qaba kan jedhamu yoo ta’e, tumaa labsii naannoo Oromiyaa kana dhiisuun, kan federaalaa filachuuf seerri mana murtichaa dandeessisu ni jiraa? kanneen jedhanidha.
Qabxii jalqabaan walqabatee, Labsiiwwaan Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Heera Mootummaa hordofuun sadarkaa mootummaa federaalaa fi naannoo Oromiyaatti bahaa turan hunduu qabeenyota kanneen gurguruun lafa gurguruu Heera Mootummaa kwt 40(3) irratti dhoorkamee fi mirga buqqa’uu dhabuu abbaa qabiyyee sababa faalleessuuf dhoorkamaa turee jira.
Labsiin 248/2015tis ejjannoodhuma kanaan kan tumamedha.
Tumaan ijoo kana ilaalchisee labsii 1324/2016 keessatti haammatame garuu tumaa Heera Mootummaa kwt 40(3) fi 40(4 fi 5) jalatti kan tumame waliin kan walitti bu’uufi mirga abbummaa lafaa mootummaa fi uummataaf kenname, dhorkamuu gurgurtaafi qabeenya biraan jijjiiramuu lafaa akkasumas mirga buqqa’uu dhabuu Heerichaan wabummaa qabu waliin kan walfaalleessudha.
Qabxii 2ffaan walqabatee, waliigalteen bittaa-gurgurtaa lafaa faallaa Heera Mootummaa sababa ta’eef akka ragaa haala argannaa lafaa fi qabeenyota kanneeniitti yoo dhiyaate, mana murtii dabalatee qama kamiyyuu duratti akka ragaatti fudhatama kan argachuu danda’u miti.
Kunis waliigalteen akkanaa jalqabuma irraa iyyuu akka hin jirreetti sababa fudhatamuuf, manni murtiis tumaalee Heera Mootummaa kabajuufi kabachiisuuf qaama dirqama qabu waan ta’eef waliigaltee akkasii fudhatama dhabsiisuun irraa eeggama.
Qabxii 3ffaan, sirna seeraa biyya keenyaa keessatti seerotni manneen marii adda addaan bahan kan walfaalleessan, walitti bu’an ykn kan walsimuu dhaban yoo ta’e, akkamiin furmaatni kennama? furmaata kennuun hoo aangoo qaama kamiiti? gaaffii jedhu kan ilaallatudha. Ijoo kana irratti yeroo biraa walitti deebina.
Horaa bulaa!

Waxabajjii 05/2017
#Kutaa_18ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.
Qophiin keenya har'aa kutaa 18ffaan Siimpooziyeemii biyyoolessaa 3ffaa ILQSOn mata duree " Facing New Frontiers: prospects and Challenges of Technology with in Ethiopian Legal System" jedhu irratti xiyyeeffata.
Sagantaa Siimpooziyeemii biyyaalessaa 3ffaa ILQSOn qopheesse kana irratti barruuleen qorannoo garaagaraa mata duricha irratti xiyyeeffate dhiyaatee jira.
Teeknoolojiin haalaa fi akkaataa barbaadamuun itti fayyadamnaan guddinna biyya tokkootiif murteessadha. Hawaasni kenna tajaajila haqaa saffisaa iddoo jiranitti argachuuf teeknoolojiidhaan deeggaramuun barbaachisaadha. Kun yeroo fi baasii isaanii qusachuun gama hedduun faayidaa guddaa qaba.
Barruulee qorannoo dhiyaatan kana irratti hanqinaalee teeknoolojiidhaan walqabatanii mul'atan, akkasumas yaadni furmaataa rakkoolee gama kanaan jiran furuuf taa'an dhiyaatanii irratti mari'atameera.
Qophicha dhaggeeffadhaa.