Leenjiin Tumaalee Yakka Falmisiisoo fi Muteessa Adabbii Kennamaa jira.
Bitootessa 24/2017 Adaamaa/ILQSO
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa qaamolee haqaa haqaa cimsuuf Mata duree #Tumaalee_yakkaa_falmisiisoofi_murteessa_adabbii" jedhu irratti abbootii seeraafi abbootii alangaatiif magaalaa #Shaashamanneetti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.
#Kaayyoon leenjichaa, seera yakkaa keessatti dhimmoota falmisiisoo ta'an kanneen akka: garaagarummaa qophiifi yaalii yakkaa, yakkoota lubbuufi qaama irratti raawwataman (keessattuu garaagarummaa yakka miidhaa qaamaa cimaafi yaalii ajjeechaa), yakkoota daguu, garaagarummaa yakkoota qabeenya irratti raawwatamaniifi kkf irratti hubannoo jiru cimsuu, hiikkoofi ejjennoon walfakkaataan akka uumamu dandeessisuuf kan kennamaa jiru yoo ta'u, leenjichi guyyoota 3f kan kennamu ta'uun ibsame.
I/A Daarekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo leenjicha irratti argamuun haasaa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, Inistiitiyuutichi dandeettii raawwachiisummaa waamolee haqaa cimsuuf leenjiwwan adda addaa mata dureewwan garaagaraa irratti kan kennaa jiru yoo ta'u, mata duree amma leenjiin irratti kennamaa jiru irrattis, sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffameen rakkoowwan gama kanaan jiran bu'uurarraa furuun qaamolee haqaatiif ijjannoo fi hubannoo walfakkaataa uumuuf akka ta'e ibsanii jiru.
Leenjistootni leenjicha kennan: Hashiim Tunaa, Milkii Makuriyaa, Dachaasaa Kabbadaa fi Tigist Asfaaw yoo ta'an leenjicha leenjichi mata duree walfakkaataa irratti iddoo lamatti qooduun kennamaa jira.
#Odeeffanoo Haaraa itti Fufiinsaan argachuuf
Facebook https://www.facebook.com/share/1FKF2h6Er6/
Telegiraamii https://t.me/ILQSO1

Facebook
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook.
Agarsiisni Egzibiishinii Seektarootaa Itti Fufee jira.
(Bitootessa 26/2017 , ILQSO,Adaamaa)
Jilli Hogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa kabajamoo obbo Hayiluu Addunyaatin durfamu agarsiisa Egzibiishinii Seektaroota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Giddu Gala Aadaa Oromootti gaggeeffamaa jiru irratti hojiilee gurguddoo Instiitiyuutiin leenjiifi Qorannoo seeraa Oromiyaa gama kenna leenjii,qorannoofi qo'annoo seeraa, akkasumas Tajaajila gorsa seeraan kennaa jiru daawwachuun hojiilee gurguddoo Instiitiyuutiin keenya hojjechaa jiru ilaalchisee yaada kennaniiru.
Hojiileen Inistiitiyuutichi gama fooyya'iinsa sirna haqaatiin hojjachaa jiru kan jajjabeeffamu tahuu ibsuun Keessattuu Galmeen jechoota seeraa ogeessota mana hojichaatiin hojjatame guddina afaanii keessatti shoora ol'aanaa waan qabuuf, hojiilee akkanaa kanneen beeksisuu irratti daran hojjatamuu akka qabu yaada kennaniin ibsanii jiru.
Instiitiyuutiin leenjii fi Qorannoo seeraa oromiyaa hojiilee gurguddoo hojjechaa jiru iddoo keessummoonni naannoofi kutaalee hawaasaa adda addaa jiranitti hojii hojjechaa jiru agarsiisa jira.
Instiitiyuutiin keenya jijjiirama qaamoleen haqaa naannichaa galmeessisaa jiraniif gumachaa ol'aanaa gochaa jira.
Odeeffannoo haaraa itti fufiinsan argachuuf
Facebook:https://www.facebook.com/ILQSOO
Telegiram:https://www.t.me/ILQSO1

Bitootessa 27/2017
Agarsiisni Egzibiishinii xumurameera.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n agrsiisa Egzibiishinii Seektaroota Mootummaa Bitootessa 25_27/2017 gaggeeffamaa ture xumuree jira.
#ILQSOn hojiilee gurguddoo fooyya'iinsa sirna haqaa irratti hojjachaa tureen yaada maamiltootaa fi waljijjiirra muuxannoo seektaroota waliin taasise galtee godhachuun hojiiwwan gara fuula duraa
daran cimee kan hojjatuu ta'uun ibse.