Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Guyyaan Dubartootaa (March 8 ) kabajame.
....
(Bitootesssa 17,2017 ILQSO, Adaamaa)
.....
Guyyaan Dubartootaa akka Addunyaatti yeroo 114ffaaf akka Naannoo keenyaatti immoo yeroo 49ffaaf kabajamu Instiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Dhaadannoo #Mirga_Walqixxummaafi_Gahoomina_Dubartoota_Hundaaf jedhuun kabajamee jira.

Leenjicha irratti argamuun Daayrekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Oliyaad Yaaddessaa haasaa taasisaniin, guyyaan kun guyyaa qabsoon dhufee fi sochiin hirmaannan dubartootaa keessa hin jirre galma kan hingeenne ta'uu ibsuun akka Inistiitiyuutii keenyattis koorniyaa Idileessuu irratti ciminaan kan hojjatamu tahuu dubbatanii jiru. Dabalataanis Obbo Oliyaad, Dubartoonni guyyaa akkanaa qofa kan walitti dhufan osoo hin taane, hojiiwwan hariiroo isaanii cimsu ijaaruun walitti dhufeenya isaanii caalatti jajjabeessuu akka qaban dhaamanii jiru. Kabaja Ayyaanicha irratti leenjiin gabaabaan hubannoo uumu mata duree #Guddinna_Hunda_Galeessa_Tahe_dubartootaaf jedhu irratti leenjistuu Seeraa ILQSO Aaddee Tigisti Asfaaw tin kennamee jira.
#Kutaa_8ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
#Inistiitiyuutiin_Leenjii_fi_Qorannoo_Seeraa_Oromiyaa #Faanaa_Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun #Effi_Emmii_Asallaa_90.0 fi #Eff_Emmoota_Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 8ffaatin mata duree #Mirga_Dubartootaa_Fi_Daa'immanii jechuun Maal jechuudha?
#Eegumsi_Dubartootaa_fi_Daa'immaniif Seerri Taasisu Maal Fakkaata? #Hawaasni_akkamitti_mirga_Dubartootaa_fi_Daa'immanii eeguu qaba? Kan jedhu qabannee dhiyaannee jirra.

Mata duree kana irratti ibsa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti leenjistuu seeraa #Aaddee_Tigisti_Asfaaw qabannee dhiyaannee jirra.

Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 jedhu irratti dhaggeeffachuun Gaafii fi yaada mata durichaan walqabatu fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessan dhaamsa keenya.
#Baga_Ayyaana_Iid_Alfaxir_Waggaa_1446ffaan_isin_Gahe!!
---------------------------
(Bitootessa 21/2017 ILQSO,Adaamaa)
........ ............
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Hordoftoota Amantaa Musliimaa Maraan Baga Ayyaana Sooma Hiikaa Iid Alfaxir waggaa 1446tiin Isin gahe jechaa, Ayyaanichi kan nagaa,tokkummaafi gammachuu akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsa.
#Ayyaana_Gaarii !!
Beeksisa Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Ayyaana Id_Alfaxir waggaa 1446ffa irratti Ispoonsara ta'ee OBN waliin hojjate.