Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n dhimmoota seeraan walqabatan irratti Leenjistoota fi Qorattoota Seeraa Inistiitiyuutichaa mariisisuun bara kana karaa miidiyaa Hawaasaatin hubannoo uumuuf hojjachuuf waliigalameera.

Haaluma kanaan sagantaa #Seerri-Maal-Jedha? Jedhuun hawaasa bal'aaf hubannoo seeraa uumuuf karaa fuula #feesbuukii fi #Teelegiraamii Inistiitiyuutichaatiin eegaluuf waan qophaa'ef akka hordoftan isiniin jechaa, dhimmoonni hubannoo seeraa uumuuf gama inistiitiyuutichaatin taasifamu akka hawaasa bal'aa bira gahu gumaachi maamiltoota keenyaa gudda tahuu ibsa. #ILQSO
Hordoftoota Fuula FB keenyaa, sagantaa keenya har’aa #Seerri_Maal_Jedha jedhuun Argannoo Qorannoo tokkoo kutaa lamatti adda qoodnee isinii dhiyeessinee jirra. #kutaa_1ffaa.
ITTISAA FI TOO'ANNOO YAKKA NAMAAN DALDALUU FI NAMOOTA SEERAAN ALA DAANGAA CEESISUU.

Yakki Namaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu yaaddoo addunyaa erga ta’ee bubbuleera. Yaaliin ittisaa fi to’annoo yakkichaas bara 1905 irraa eegalee hanga ammaatti taasifamaa jira. Itoophiyaanis ittisaa fi too’annoo yakkichaaf sanadoota idil-addunyaa mallateessuu irraa kaasee hanga Heeraa fi seera biyya keessatti tumuun dhimmicha addatti seera of danda’een bulchuu irra geessee jirti.
Itoophiyaan yakkoota namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu seera yakkaa idilee keessatti bifa gabaabbina qabuun hogganaa kan turte yoo ta’u, yeroo ammaa labsii dhimmicha bitu addatti baastee jirti. Labsiin jalqabaa addatti dhimmicha bulchuuf bahe labsii lakk.909/2015 yoo ta’u; labsichi hanqina iftoominaa, seerota biroo waliin walsimuu dhabuu fi rakkowwan namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuuf haala barbaadamuun furmaata kan kennu waan hin taaneef, labsichi labsii biraan akka bakka bu’u ta’eera.

Yeroo ammaa dhimmicha labsiin bulchu labsiin lakk.1178/2020dha. Kanumaayyuu ta’ee yakkicha akka barbaadametti ittisuu fi too’achuun akka hin danda’amin qorannowwan ni agarsisu. Waan ta’eefuu yakkoota kanaan miidhaan gara garaa akka naannoo Oromiyaatti hawaasarra gahaa jira.
Akka dhaabbata qorannoo fi leenjii seeraa gaggeessuutti ILQSOn bara 2015 qorannoo dhimmicha irratti gaggeesseera.

Kaayyoon qorannichaa yakka namaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceessisuu ittisuu fi to’achuun akkamiin danda’ama kan jedhu irratti furmaata akeekudha.
Kana galmaan gahuuufis wantootni ittisaa fi too’annoo yakkoota kanneenii akka hin milkoofne taasisaa jiran maal akka ta’an adda baasuun yaada furmaataa akeekee jira.

Qorannichi mala qorannoo akkamtaa fayyadamuun kan gaggeeffame yoo ta’u; daataa qorannichaaf barbaachisu godinaalee torba iddoo yakkichi itti heddumatu irraa walitti qabameera.
Godinaaleen kunis Godina Harargee Bahaa, Arsii Lixaa, Baalee, Jimmaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa fi magaala Shaggar fa’a dha. Sadarkaa godinaatti manneen hojii kallaattinis ta’e al-kallattiin dhimmicha irratti hojjetan shan [waajjira hojjetaa fi hawwaasumaa, wajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii, mana murtii, waajjira Abbaa Alangaa waliigalaa fi waajjira poolisii irraa ogeessotni dubbifamaniiru. Sadarkaa Biirootti manneen hojii dhimma yakkichaa irratti hojjetan kanneen akka Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa, MMWO, Biiroo Hojjetaa fi Hawaasummaa, Komishinii Poolisii Oromiyaa, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii akkasumas sadarkaa federaalaatti Minsteera Haqaa, Ministeera Haajaa Alaa, Ministeera Hojjetaaf Hawaasummaa, Dhimma Dubartootaa dabalatee sekteraalee biroo irraa daataan af-gaaffii gadi fageenya qabu (in-depth interview) namoota 98 waliin gaggeeffameera. Kana malees dhimmota qabatamoon manneen murtii irraa galmee 40 sakatta’amaniiru.
Xiinxalli gaggeeffame irratti hundaa’uun argannoowwan armaan gadii adda bahaniiru. Kanneen adda bahan keessaa tokko #hanqina_qindoominaati.

Hanqinni qindoominaa hojii ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneenii irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira. Hojiin ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneen qindoomina biyya keessaa fi kan biyya alaa cimaa ta’e kan barbaadu ta’us qabatamaan qindoominni jiru laafaa waan ta’eef dallaalota yakkicharraa fayyadaman argachuu irratti hanqina guddaatu jira.
Hanqinni qulqullina qorannoo wantoota ittisaa fi to’annoo yakkoota kanneenii irratti gufuu ta’aa jiru kan biraati. Qorannoon yakkoota kanneenii akka naannoo Oromiyaatti teeknooloojiin kan deeggaramee miti.

Gama biraan yakkichi ammoo teknooloojiin deeggaramee kan raawwatamu waan ta’eef yakkamtoota bu’uuraa argachuu irratti hanqinatu jira. Kun immoo karaa biraan hundee yakkichaa bu’uurarraa gogsuu irratti hanqinni akka uumamu taasisa.
Hordoftoota keenya kun Sagantaa keenna #Seerri_Maal_Jedha? Jedhuudha. Sagantaa keenya har’aatiin #Adabbii_Maallaqaa_Gara_Hojiitti_yookaan_Hojii_Dirqiitti_Jijjiiruu jedhu qabannee dhiyaannee jirra.
#Adabbii_Maallaqaa_Gara_Hojiitti_yookaan_Hojii_Dirqiitti_Jijjiiruu
Adabbiin maallaqaa sababoota garaagaraatiif raawwatamuu yoo baate, manni murtii bakka adabbii maallaqaa sana hojiin humnaa hojjatamuun adabbiin sun bu’uura murtiitiin akka raawwatu gochuun akka danda’amu seerri yakkaa tumee jira (SY kwt 95, 96). Hojiin bakka adabbii maallaqaa hojjatamu adda bahee maqaa garaagaraatiin moggaafamanii jiru: isaanis, hojiifi hojii dirqii jedhamanii ibsamu. Adabbiiwwan hojii bakka adabbii maallaqaa bu’uu danda’an lamaan gabaabinaan akka asii gadiitti tarreeffamaniiru.
A) #Adabbii_maallaqaa_gara_hojiitti_jijjiiru
Seerri yakkaa kwt 95 akka tumutti, namni adabbii maallaqaatiin adabamee maallaqa adabame battalatti, yeroo murtaa’e keessatti yookaan irraa-jala kaffaluu kan hin dandeenye yoo ta’e yookaan qabeenya gurguramee idaan sun ittiin kaffalamu kan hin qabne yoo ta’e, kaffaltiin adabbii maallaqaa sun hojii hojjatamuun bakka bu’uu ni danda’a (SY kwt 95,96). Adabamaan hojii (humnaa) hojjatee adabbii maallaqaa sana akka kaffalutti, manni murtii adabamaa ajajuu danda’a. Murtii sana keessatti hangi adabbii maallaqaafi yeroo hojiin sun keessatti hojjatamu murtii murtaa’u keessatti ifa ta’uu qaba (SY kwt 95). Hangi adabbii maallaqaa guddaa ta’uun yookaan kaffaltiin hojii hojjatamu irraa argamu yookaan argamuu malu xiqaachuutiin, yeroon hojii itti hojjatamu baay’ee dheerachuu hin qabu. Hangam yoo dheeratellee waggaa lama caaluu akka hin qabne seerri tumee jira (SY kwt 95). Hojii hojjatamu kaffaltii maallaqaa hagam argamsiisuu akka danda’u shallaguun murtii adabbii maallaqaa murtaa’ee wajjiin kan wal-simu murtiin murtaa’uu qaba.
Bu’uura SY keewwata 95tiin jijjiirraan adabbii gara hojiitti taasifamu kan keewwata 96 jalatti tumamee jiruu wajjiin garaagara akka ta’uu keewwattoota kanneeniifi maqeeffama isaaniirraa hubachuun ni danda’ama. Maqeeffama isaatiin yoo ilaalame hojiin bakka adabbii maallaqaa bu’uura kwt 95tiin hojjatamu kanneen kwt 96, 97, 103, 104fi 105 irratti tumamanii jiranii wajjiin addummaa qaba. Bu’uura SY kwt 95tti adabamaan kaffaltii isarraa eegamu kaffaluu hojii isa dandeessisu akka hojjatuuf mana murtiin ajajama- raawwii murtii adabbii maallaqaatu kennama malee murtiin adabbii hojii dirqamaa itti hin murtaa’u jechuu dha. Adabamaan maallaqa argate kaffaltii kan raawwatu yoo ta’e, ajajjiin duraan kenname irraa ka’uu ni mala. Itti dabalees, bu’uura kwt 103 ykn 104tiin to’annoofi hordoffiin eerame kwt 95 jalatti ifa ta’uu dhabuun waajjirri mootummaa ykn dhaabbatni tajaajila hawaasaa hojiin keessatti hojjatamu ofdanda’e gabaasa dhiyeessu kan danda’u ta’uufi adabamaanis sadarkaa amanamummaa fooyya’aarra kan jiru ta’uun ni tilmaamama.
B) #Adabbii_Maallaqaa_Gara_Adabbii_Hojii_Dirqiitti_Jijjiiruu
Adabamaan adabbii maallaqaa itti murtaa’e kaffaltii maallaqaa kaffaluun raawwachuu yoo dhabe yookaan bu’uura kwt 95tiin hojii ajajame hojjachuu yoo dhabe, manni murtii adabamaan hojii dirqii akka raawwatuuf itti murteessa; murtii kana keessatti hangi maallaqaa wanti murtaa’u hin jiru, hanga yeroo adabbiin hojii dirqii keessatti hojjatamee xumuramu qofatu jira. Murtiin bu’uura kwt 96tiin murtaa’u murtii bu’uura SY kwt 92-93 murtaa’erraa adda bahee of danda’ee dhaabachuun, bu’uura kwt 103fi 104tiin kan raawwatu ta’a jechuu dha. Adabamaan murtii duraanii keessaa kaffaltii muraasa qofa kaffalee adda kan kute yoo ta’e, manni murtii hanga kaffaltii hafee ilaalchisee murtii hojii dirqii murteessuun kaffaltii argatu irraa mootummaaf akka kutu taasisuu SY kwt 753 jalatti tumameera.