Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#Kutaa_5ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
#Inistiitiyuutiin_Leenjii_fi_Qorannoo_Seeraa_Oromiyaa #Faanaa_Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun #Effi_Emmii_Asallaa_90.0 fi #Eff_Emmoota_Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa 5ffaatin
#Mana_Murtii_Aadaatti_Waraqaan_Waamichaa_Akkamiin_Himatamaa_bira_gahuu_qaba? Mata duree jedhu irratti ,
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti qorataa Seeraa #Obboo_Azzanaa_Indaalammaa qabannee dhiyaannee jirra.
Qophicha dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatu fi yaada qophichaaf qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaa.
Moojulii Sagantaa Leenjii Hojiin Duraafi Hojii Irraatiif qophaa'e.
#Gaggeessummaafi_Jijjiirama_Hoogganuu
Guyyaa 20/06/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSO'n Labsii Bulchiinsa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa harayaa labsii lakk.248/2015 fi labsii sadarkaa Federaalaa lakk.1324/2016 bahan: dhimmota xiyyeeffanno barbaadan irratti Abboti Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa fi Aanaatiif Magaalaa #Ambootti Leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa keennaa jira.

Lenjiin kuniis,garaagarummaa fi walitti dhufeenya labsiiwwan kunneen sadarkaa Naannoo Oromiyaa fi Federaalaa adda baafachuun, hojii irra Oolmaa isanitiifis ijjannoon walfakkaataa akka jiraatu ni hubachiisa jadhamee leenjii kennamaa jiru akka ta'e leenjii kana irraa hubachuun danda'ameera.

Leenjiin kuniis Abbaa Seeraa MMWO fi Leenjiisaa Seeraa ILQSO #Obbo_Dassaalany_Birhaanuu tiin kennamaa jira.