Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Inistitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO'n) mata duree #SEEROTAA_FI_WALIIGALTEEWWAN_IJAARSAA: #DHIMMOOTA_XIYYEEFFANNOO_BARBAADAN" jedhu irratti bara kana moojula haarayaa kan qopheesse yemmuu ta'u, moojulichi kan ogeessonni seeraafi Injineroonni dubbisuu qabanifi kan eegamaa ture waan ta'eef toora telegiraamii ILQSO irraa buufachuun akka dubbistan affeeramtaniittu.
Gurraandhala 14/2017
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n mata duree #Seerotaa_fi_Waliigalteewwan_Ijaarsaa jedhu irratti Abbootii Seeraa MMWO fi Abbootii Alangaa Godinaaleetiif leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa magaalaa #Adaamaatti kennaa jira.
Kaayyoon leenjichaa , Maalummaa ijaarsaa fi seeraa, Gosaawwan waliigaltee ijaarsaa,waliigaltee wixineessuu fi gulaaluu,kabajchiisa waliigaltee ,akkasumaa, walharkaa fuudhinsaa fi waldiddaa irratti muuxannoo wal jijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka ta' e ibsame.
I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo akka jedhanitti mata durichi sakatta'iinsa fedhii leenjii gaggeeffame irratti hundaa'uun kan qophaa'e ta'uu fi Muujuliin isaatis leenjii kanaaf qophaayuun mata duricha irratti akka bilchinnaan mari'atamu haalli mijaawaan uumameera jedhan.
I/A Pireezidantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obboo Badrii Tamaam Umar haasaa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, kaayyoon leenjii kanaa inni guddaan walitti dhufuun dhimmoota barbaachisoo ta'an irratti muuxannoo wal jijjiiruun hubannoo waloo uumuuf akka tahe ibsuun, hojii dhimmoota seerota waliigaltee ijaarsaatiin walqabatan irratti murtii fi ijannoo walfakkaataa fi walitti siqaa tahe qabattanii bahuuf leenjichaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta'uu ibsanii jiru.
Dabalataanis Obboo Badriin leenjii kana irratti ogeessonni hirmaataa jiran kanneen muuxannoo guddaa qaban waan taheef waan baay'ee walirraa barachuun hojiitti akka jijiirtan abdii qabna jechuun dhaamanii jiru.
Leenjichi kan kennamaa jiru leenjisaa seeraa ILQSO #Obboo_Tafarii_Haylamaariyam fi Abbaa Seeraa MMWO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO #Obboo_Dassaaleny_Birhaanuu tiini.