#Hojiirra Oolmaa_ Qorannoo
Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Wixinee hundeeffama manneen murtii aadaa Naannoo oromiyaa ilaalchisee dhiyaate marii hawaasaatiin gabbatee caffeef akka dhiyaatu gaafa 25/10/2013 murteessuun waajjira caffee naannichaatiif qajeelchee jira. Faayidaa fi barbaachisummaa Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa irratti ILQSOn bara 2012 qorannoo gaggeessuun labsiin manneen murtii aadaa sadarkaa naannoo oromiyaatti hundeessu bahuu akka qabu mootummaaf yaada dhiyeessuun wixineen seerichaas akka qophaa'e akka dhiyaatu Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi qaamolee rogummaa qaba waliin hojjachaa turee jira. Hundeeffamuun Manneen Murtii Aadaa kunis aadaa fi afaan Oromoo guddisuuf, tajaajila haqaa caalmaatti dhaqqabamaa taasisuuf, ragaa sobaa xiqqeesssun dhugaa baasuuf, baasii xiqqaan fi haala salphaan tajaajila haqaa argachuuf akkasumas hawaasni waldiddaa uumamu fayyisuun hawaasni nagaan akka waliin jiraatuuf akkasumas baayina hojii manneen murtii idilee irraa hir'isuuf faayidaa olaanaa kan qabuudha. Argannoo qorannoo kanaa hojii irra oolchuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru baayee gaarii waan ta'eef, jabaatee itti fufuu kan qabuudha.

Hooggansii fi hojjattoonni Inistiitiyuutii keenyaa akkasumas leenjifamtoonni leenjii hojiin duraa marsaa 15ffaa Sagantaa Ashaaraa Magariisummaa kaa'u akka biyyaatti yeroo 3ffaaf adeemsifamaa jiru milkeessuuf guyyaa har'aa biqiltuu mukkeen gosa gara garaa dhibba 500 ol ta'an mooraa InistiitiyuutII keenyaa naannawa gamoo mana jireenyaa haaraa leenjifamtootaaf ijaarrame keessatti duulaan dhaabanii jiru.
Dhaabbii biqiltuu kana boodas, namoota dhukkuba addaa addaatiif saaxilamuun dhiiga barbaadaniif deeggarsa akka ta'u, arjoomni dhiigaa taasifamee jira.

DIGITAL LIBRARY ILQSO 192.168.1.3 ITTI FAYYADAMAA