Oromia Legal Training and Research Institute
7.76K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Guyyaa 18/04/2017
#ILQSO'n Seeroota fi Waligalteewwan Ijaarsaa:Rakkoowwan qabatamaan mul'atan jedhu irratti Abbooti Alangaa Godinaatif Magaalaa #Bishoftutti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Leenjin kun dhimmoota Haguuggi Seeroota ijaarsaa keessatti kan akka maalummaa waligaltee ijaarsaa,wixiineessa gulaalli wali galte,kabajchiisa waligaltee,bulchiinsa waligaltee,haala waldhabbi ijaarsa, akkaataa wal diiddaan ittiin hikkamuu fi akka wali galaatti addaan ciitinsa waligalte fi bu'aa isaa jedhu irratti ogeessotaaf hubannoo wal fakkaata umuuf kaayyeeffate leenjii qophaa'ee kennamaa jiru ta'u I/A/D/ Ol'aanaa ILQSO obbo Sulxaan Abdoo baniinsa irratti hubachiisani jiru.
Leenjichi turtii guyyoota 3f kan ittifufiinsaan kennamu yoo ta'u, kan kennamaa jiru #Obboo_Dassaaleny_Birhaanuu tiini.